Pireezidantiin Ertiraa gara Saa'udii yeroo imalan suuraan agarsiisu 'footooshoop' taheeraa?

Daawwannaa hojiif Riyaad kan jiran Pireezidantiin Eritiraa Isaayyaas Afawarqii ilma mootii Mohaammad Biin Salmaan naannoo Gaanfa Afrikaa irratti marii'achuun ibsameera.

Jilli mootummaa Ertiraa gara Riyaada kan imale Mudde 1/2018 A.L.I yoo tahu, Pireezidant Isaayyaas gara Sa'udii kan imalan affeerraa mootii Salmaan Biin Aduullaaziiz al Saa''udiidhaan akka tahes ibsameera.

Pireezidant Isaayyaas gara Saa'udii deemuusaanii kan agarsiisu suuraan ministeerri beeksisaa Ertiraa Yamaan Gabiramasiqal miidiyaa hawaasaa irratti qoodan dubbii ijoo miidiyaa hawaasaa tahee jira. Suuraan kuni sirrii tahuusaafis gaaffileen ka'aa jiru.

Suuraan jalqabaa ministarri beeksisaa guyyaa lama dura qoodan Pireezidant Isaayyaasiifi Ministarri Dhimma Alaa Osmaan Saalah buufata xiyyaaraa Asamaraa yeroo jiran agarsiisa. Suuraa kanarrattis pireezidantichi fuuldura, ministirri dhimma alaa ammoo duubarraan dhihoomaa mul'atu.

Pireezidanti Isaayyaasiifi ministarri dhimma alaa Osmaan buufata xiyyaaraa Asmaraatti afata diimaarra gaafa deeman mul'ata. Suuraan lammaffaa ministarri beeksisaa miidiyaa hawaasa X irratti qoodan Pireezidant Isaayyaas xiyyaara yoo yaabbatan agarsiisa.

Asxaan xayyaarichaa ''Kingdom of Saudi Arabia'' jedha. Suuraaleen kunneen mil'uu tokkoon badaa gaaffii kaasuu dhiisuu malu.

Xiyyeeffannoon yeroo itti kennamu garuu kutaaleen suuraalee kunneenuu waan shakkisiisu qabu. Keesumaa suuraan Ministira Dhimma Alaa Osmaan addatti shakkisiisaa dha.

Qaamni BBC dhugumma odeeffannoo mirkaneessu BBCverify suuraalee kunneen qorateera.

Suuraan ministarichaa irratti gaaddidduun dugdaa gadi jiru kan uumamaa mul'atu akka hin taane mirkaneessera.

Suuraa kanarratti gulaalliin wayii taasifamuu kan agarsiisu suuraan ministira dhimma alaa kanaarratti gaaddidduun mul'atu kallattiifi fi afata diimaa irratti iddoo irratti buufate qaama isaanii uumamaa wajjin kan wal-gitu tahuu dhaabuusaati.

Qaama namaa ykn meeshaalee irratti ifti gaafa bu'u gaaddidduun uumamu akkaataa dhaabbii ykn taa'umsaa meeshaaleefi namaa wajjin wal-simuu qabaata.

BBCVerify suuraa ministara dhimma alaafi pireezidantii gidduu gaaddidduun hin mul'atu

Gaaddiduun suuraa irratti mul'atu ka'umsi isaa kan pireezidantiin birqabaan yoo ilaalamu nama irra guddaa taherraa akka ka'e baruun danda'ama. Gaaddidduun miila pireezidantiifi afata diimaa gidduu mul'atus kan uumamaa miti.

Gateettiin mirgaa pireezidantichaa ciqilee bitaa kan ministarichaa waliin iddootti wal argu irratti sararri diimaa mul'atu.

Suuraan ministirichaa suuraa nama gara mirgaa jiru wajjinis wal faallessa. Namni gara mirgaa jiru gaaddidduunsaa afata adiimaarra bu'ee gara ministarichaa yeroo dhiyaatu haala uumamaa hin taaneen dimismisaa'a.

Suuraan kopheen ministira dhimma alaas waan shakkisisaa qaba. Suuraan kophee ministirichaa kan warra kaaniin yeroo ilaalamu garaagarummaa qaba. Gaaddidduun kophee ministirichaa akka warra kaanii qulqullaa'ee hin mul'atu.

Akkaataa BBC Verify mirkaneesseen suuraan kun gualaalamuu gateettii fi mataa ministirichaa irratti mul'ateera.

Suuraan kun akka kutame ykn suuraa biraa irraa akka fudhatame ni mul'isa. Yookiin ammoo suuraan nama gidduusaanii turee kutamee ba'ee ta'uu danda'a.

Halluuwwan suuraalee bakka gateettiin ministirichaa fi suuraan pirezidantichaa itti waltuqanirratti mul'atan walfakkeessuuf akka yaalame mul'isa.

Buufata xiyyaaraa Riyaaditti wayita simannaan pirezidantichaa fi ministirichaaf taasifamu akkasumas wayita aanga'oota Sa'uudii waliin mari'atan suuraalee agarsiisan Obbo Yamaaneen X irratti maxxansaniiru.

Suuraaleen kunneen ministirri Ertiraa kun Sa'uudii Arabiyaa daawwachuu kan mul'isan ta'anii osoo jiranii kanneen buufata xiyyaaraa Asmaraatti ka'anirraa akkamiin gulaalamuun adda ta'an kan jedhu ifa miti.

''Tarii pirotokoolii eeguuf ykn ammoo suuricha bareechuuf'' jedhamee kan godhame ta'uu akka danda'u hojjetaan BBC Verify tilmaamasaa kaa'eera.

Yookiin ammoo wayita suuraan kaafamu ministirichi fagaatanii kan turan yoo ta'e as dhiheessuuf kan godhames ta'uu danda'a.

Pirezidantiin Ertiraa Isaayaas Afaworqii wayita Sa'uudii Arabiyaa daawwatan biyyattiin dhimma laga Abbayyaa fi Galaana Diimaa dabalatee dhimmoota naannawa Gaanafa Afrikaa keessatti dhiibbaa uumuu dandeessu akka cimsitu gaafataniiru.

Sa'udiinis dhimmoota naannawa kana keessatti ijoo ta'an kanarratti mari'achuuf jila tokko gara Ertiraa akka ergitu ibsiteetti.

Pirezidant Isaayaas masaraa mootummaa Sa'uudii Arabiyaa Al Yamaamaa jedhamutti argamuun ilma mootii faana bal'inaan mari'achuu Ministeerri Odeeffannoo Ertiraa Yamaanee Gabramasqal karaa toora miidiyaa hawaasummaasaanii ibsaniiru.

Mariin aanga'oota lameenii ''walitti dhufeenya biyyoota lameenii cimsuu fi dhimmoota faayidaa biyyoota lameenii mirkaneessan,'' irratti akka xiyyeeffates ibsaniiru.

''Marii bu'a qabeessa'' gaggeessuu kan ibsan Obbo Yamaanee Gabramasqal, ''walitti dhufeenyi seenaa fi hariiroon obbolummaa'' xiyyeeffannoo marichaa ture jedhan.

Biyyoonni lameen ''hariiroo diinagdee gidduusaanii jiru daran bal'isuu fi cimsuu ilaalchisee carraa fi abdii qaban'' irratti xiyyeeffachuun mari'achuu Obbo Yamaaneen ibsan.

Dureewwan Sa'uudii fi Ertiraa dhimmoota Gaanfa Afrikaa irratti xiyyeeffachuun marii gaggeessan keessatti ''haala yeroo ammaa irratti odeeffannoo waljijjiiruu'' irratti xiyyeeffachuun akka hojjetan qondaalli Ertiraa kun ibsaniiru.

Dhimmoota naannawa Gaanfa Afrikaa jedhamuun kanneen eeraman ''yaa'a laga Abbayyaa, dhimma Gaanfa Afrikaa, Galaana Diimaa fi Galoo Galaanaa Arabiyaa'' fa'i.

''Gareen lameenuu dhimmoota eeraman kunneen keessatti ga'een Sa'uudii maal ta'uu akka qabu irratti mari'ataniiru,'' jedhan Obbo Yamaaneen.

Pirezidant Isaayaas Afaworqii ji'oota lama keessatti daawwannaasanii gara biyyoota alaa yeroo sadaffaaf Sa'uudii Arabiyaatti kan taasisan wayita, michuu Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) kan taate, Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti muddamni hammaatee jirutti.

Itoophiyaa faana wal himataa kan jiran Pirezidant Isaayaas biyyoota ollaasaanii kaan faana hariiroo cimsataniiru.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad aangoo qabachuu hordofee Pirezidant Isaayaas Itoophiyaatti deddeebi'uun daawwataa turan.

Amma garuu Itoophiyaa waliin dugdaa fi garaa ta'aniiru.

Keessattuu dhimma Galaanaa Diimaan walqabatee muddamni biyyoota lameen gidduutti hammaanaan Pirezidant Isaayaas fuulasaanii gara biyyoota birootti naannessaniiru.