Daa'imni ji'a tokkoo kittaanamuun booda du'uun dheekkamsa kaase

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Daa'imni ji'a tokkoo Gaambiyaatti kittaanamuun booda lubbuun darbuun dheekkamsa guddaa kaase.
Daa'imni kuni dhiigni akka malee dhangala'uun booda hospitaala magaalaa guddoo biyyattii Baanjuul jirutti geefamtullee akkuma achi geesseen du'uu poolisiin hime.
Sababa du'a daa'ima kanaa mirkaneessuuf ammallee qorannoon reeffaa geggeefamaa jira. Namoonni baayyeen garuu du'a daa'ima kanaa kittaanamuushee wajjin wal-qabsiisaniiru. Kittaanni dubaraa biyya Afrikaa Lixaa kanatti seeraan dhorkameera.
Dhaabbanni miti-mootummaa Women In Leadership and Liberation (WILL) jedhamu ''aadaafi barmaatni sababaa fi dahoo tahuu hin danda'an, kuni haleellaa saalaa dha,'' jedhe.
Poolisiin du'a daa'ima kanaan wal-qabatee dubartoonni lama to'annoo jala oolaniiru jedhe.
Miseensi paarlaamaa bulchiinsa Kaaba Koomboo iddoo taateen kuni umame bakka bu'an, barmaata daa'imman fayyaa, kabajaa fi jireenya isaanii molqu irraa tikfamuu qabu jedhan.
''Duuti daa'ima homaa hin beekne kanaa irraanfatamuu hin qabu. Hawaasni keenya mirga lubbuun jiraachuu daa'immanii, eegumsaafi kabaja isaanii tiksuuf cichooma qabu haaressuuf yeroo murteessaa tahuu qaba,'' jedhan Abduullee Seeseen.
Kittaanni daa'immanii fi dubartootaa gochaa qaama saalaa isaanii alaa beekaa kutuu dha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhimma kana yeroo baayyee akka raawwatamuufi hawaasaan fudhatama akka qabaatu kan godhu amantee, yaada dogoggoraa qulqullummaa wajjin jiru, durbummaa dubartii tokkoo eeguu, dubara heerumaaf kan qophoofte gochuu fi suga saal-quunnamtii dhiiraa dabaluu fa'i dha.
Gaambiyaan biyyoota 10 kittaanni itti baay'atu keessaa yoo taatu dubartoonni biyyattii %73 umriin isaanii waggaa 15 hanga 49 jiran kan kittaanaman yoo tahu, kunis otoo isaan waggaa jaha hin guutiin irratti raawwate.
Hundeessituun dhaabbata WILL Fatuu Baaldeh Gaambiyaa keessa kittaanni daa'imman irratti raawwatu dabalaa dhufuu himteetti.
''Maatiin daa'imman dubaraa otoo ol hin guddatiin yoo kittaanaman dafanii fayyu jedhanii amanuun dabalataan yeroo daa'ima jiran yoo kittaanaman dhoksuuf salphata,'' jette.
Kittaanni Gaambiyaa keessatti bara 2015tti seeraan kan dhorkame yoo tahu, namni yakka kanaan balleessaa jedhame hidhaaa waggaa sadiifi maallaqaan kana adabamau yoo tahu yoo daa'imni duute ammoo hidhaa umrii guutuun adabsiisa.
Haa tahu malee bara 2023 keessa himannaa lamaafi adabbii tokko qofatu darbe.
Biyyattii keessa waggaa darbe kittaanni yakka akka hin taaneef gareeleen gaafatan ka'uun paarlaamaatti sagaleen kennamee kufaa taheera.
Kittaanni akka addunyaatti biyyoota 70 keessatti kan dhorkame yoo tahu biyyoota uummanni Musliimaa itti baay'atu kanneen akka Gaambiyaa keessatti ammallee adeemsifamaa jira.












