Biyya Afrikaa kaadhimamtoota pirezidaantummaaf dorgoman dolaara kuma 100 kaffalchiiftu

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Biyya Afrikaa kan taate Rippaabilikni Giinii filannoo pirezidaantummaa Mudde dhufu gaggeeffamuuf qophii gochaa jirti.
Mootummaan humna waraanaa waggaa afur dura fonqolchaan aangoo qabate, filannoo booda aangoo mootummaa siviliitti akka dabarsu ifa godheera.
Aangoo akka dabarsu beeksisus seera lammiilee biyyattii ajab! jechisiise tokko ifa godheera mootummaan humna waraanan gaggeeffamu. Innis namni filannoo dhufurratti pirezidaantii ta'uuf dorgomu kamuu "dolaara 100,000 dursee qabsiisuu qaba" kan jedhuudha.
Koloneel Mamaaduu Dumbuyaa fonqolcha gaggeessaniin waggaa afran darbe Giinii bulchaa turanii amma filannoon akka gaggeeffamu murteessaniiru.
Akkaataa heera biyyattii haaraa baheen, filannoon kan gaggeeffamu yoo ta'u maallaqni guddaan namni kaadhimamaa pirezidaantii ta'ee dorgomuu barbaadu kamuu qabsiisu ijoo ta'eera.
Filannoowwan kana dura biyyattii keessatti gaggeeffaman irratti kaadhimamtoonni maallaqa qabsiisuun waan baramaa ta'us, kan alanaa kun garuu hangi maallaqaa baay'ee guddaa ta'uun yaaddoo uume.
Mootummaan waraanaa fonqolcha gaggeessuun aangorra ture, filannoon akka gaggeeffamu gochuun aangoon mootummaa uummanni filatetti dabarsuuf qophii ta'uu ibsus, dolaaraa 100,000 qabdii akka kaffalan gaafachuun garuu morkattoota ciccimoo ta'an dorgommiirraa fageessuf dursee kan karoorfame akka ta'e ibsu xinxaaltonni.
Xinxaalaa siyaasaa kan ta'e Kaabineet Foofaanaa BBCtti akka himetti, maallaqni namoonni siyaasaa pirezidaantummaaf dorgoman gaafataman baay'ee guddaa waan ta'eef adeemsa filannoo duraanuu komii qabu kan hammeessu ta'uu hima.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kaadhimamtoonni maallaqicha argatanii yoo qabsiisan illee hangi isaanii deebi'u sagalee isaan argatan irratti hundaa'a.
Filannoo marsaa jalqabaan sagalee %5 yoo argatan maallaqni isaan qabsiisan ni deebi'aaf.
Qondaalonni filannoo Giinii akka jedhanitti, kaadhimamtoonni pirezidaantummaaf dorgoman maallaqa guddaa kana akka dursanii qabsiisan gaafatamuunsaanii kaadhimamtoonni amanamummaa qaban qofti filannoorratti akka hirmaatan godchuufi.
Kaadhimamtoota filannoo pirezidaantummaa biyyattii keessaa tokko kan ta'an Faayaa Maalimoonoo kanaan duras filannoorratti hirmaachuu himuun maallaqni dur qabsiifamu baay'ee xiqqaa akka ta'e himuun kan ammaa kana "maraatummaa" jechuun ibsan.
"Maraatummaan kun kan jalqabe bara 2010 yoo ta'u, kaadhimamtoota hamma tokko filannoo keessaa baasuuf yeroo yaadameedha," jechuun komatu.
Giinii dabalatee biyyoota Lixa Afrikaa tokko tokko keessatti namoonni pirezidaantummaaf dorgoman maallaqa guddaa akka qabsiisan gaafatamuun baramaa dhufeera.
Bara 2022 Komishiniin Filannoo Naayijeeriyaa kaadhimamtoonni filannoof dhiyaatan maallaqa guddaa dursanii akka qabsiisan gochuusaatiin mormii guddaa kaasee ture.















