Waraana addaa Pirezidant Museveenii jalatti barcuma tiksu

Pirezidant Yoweerii Museveenii fi miseensota Ajaja Humnoota Addaa

Meeshaalee waraanaa gurguddaa hidhatu, takka takkas fuula haguuggatanii daandii magaalaa keessa mul'atu. Humni kun Pirezidantii barkurneewwanii maanguddoo ganna 81 jalatti barcuma kan tiksudha.

Museveniin bara 1986 rephee loltootnisaanii magaalaa Kaampaalaatti duulanii biyyattii to'atanii kaasee aangoo isa olaanaarra jiru. Ergasii Filannoowwan biyyaalessaa gaggeeffaman afur irratti dorgommanii injifataniiru. Filannoowwan martuu jeequmsaafi komii hanna sagaleen kan dabaalamaniidha.

Biyyattiif garuu kun waan haaraa miti. Biyyattiin bara 1962 birmadummaashee erga labsitee kaasee aangoon waraanaan malee karaa nagaa jijjiiramee hin beeku.

Museveniin filannoo bara dhuftu gaggeeffamuufis qophaa'aa jiru. Mormitootni isaanii Ajaja Humnoota Addaa(SFC) akkuma bara 2021 filannoo bara dhuftuurrattis sochii bilisaa gochuun rakkisaa akka ta'u yaaddoo qabu.

SFC kan ilma Museveenii Janaraal Mahoozii Kaanerugaabaatiin hoogganamu baroota baayyeef achi buutee namaa balleessuu, dararuu fi rogeeyyii mormituu wayita filannoon gahu qofa osoo hin taane waggaa gutuu ajjeesuun himatama. SFC garuu himannaa kana cimsee haala.

''Waraana addaa waraana keessa jiru gaafatamnisaa Museveniifi ilmasaaf qofa ta'eedha. Jabaachaafi dhiibbaa uumaa adeemuunsaa janaraalota buleeyyiitti yaaddoo ta'eera'' jedha maddi waraana biyyattii keessa jiru tokko yaada BBCf kenneen.

Wanti yaaddoo dabale ammoo gaheessi ganna 51 Janaraal Keenerugaabaan kan amma waraana kana hoogganu gaafa tokko bakka abbaasaa akka dhaalu dubbachuu isaati. Ilma isaas waraana keessatti makeera.

Janaraal Keenerugaabaa janaraalota waraanaa buleeyyii biyyattii keessaa tokkoon ''joonjo'aa'' jechuun tuffii qabu agarsiiseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haasaan isaa kun namoota waraanaafi siyaasa keessa jiran rifachiiseera. Mootummaan garuu jette jettee miidiyaa hawaasaati jechuun harkaa busheesseera.

Waggoota dura akka qoosaa godhee biyyaa ollaa kan taate Keeniyaa weeraruurratti dubbatee ture.

Xiinxaltootni gareen waraanaa kun akkaan cimaa sababa dhufeef humnisaa waraana biyyaalessaa wajjin sadarkaa walgitutti dhufeera jedhu. Waraanni biyyaalessaa ajajoota bara hidhattootni Musevenii aangootti fidan riphee loltoota turan (NRM) ammallee of keessaa qaba.

Qaamoleen humnoota kana itti dhiyeenyaan hordofan gaafa tokko walirratti ka'u jedhanii sodaatu. Akkuma Sudaanitti humni dafee qaqqabaa (RSF) fi waraanni biyyaalessaa wal waraansa hamaa uuman sana jechuudha.

Humni addaa aangoo Museveenii tiksu bara maanguddoon ganna 81 tokko jedhanii aangoo qabatan hundaa'e. Dhaadannoonsaa ammoo ''amanamummaa wanti bakka bu'u hin jiru'' kan jedhuudha.

''SFC waraana Ugaandaa keessatti garee isa jabaadha, warra leenjii waraanaa guddaa qabu, meeshaalee ammayyaa hidhateefi deeggarsa maallaqaa qabudha'' jedha dhalataan Ugaandaa Yunivarsiitii Kaanadaa keessa barsiisu Dr Geeraald Bareebee.

Waraanni biyyaalessaa Ugaandaas ta'e humni addaa kun BBCf yaada akka kennan gaaffii dhiyaateef kufaa godhaniiru.

Janaraal Muhoozii Kaaneerugaabaa

Madda suuraa, Getty Images

Museveeniin amma dura SFCn lammiilee Ugaandaaf ijaarame jechuun himannaa irratti dhiyaatu qolataniiru. Namni Ugaandaan humna kana qabaachuusheetti hin gammadne nama Ugaandaaf gaarii hin hawwine qofa jedhaniiru.

Qeeqxonni Musevenii ammoo erga aangoo qabatanii humnaan biyya bitaa jiru jedhanii amanu. Biyyittiis qabeenya maatii ofii gidhataniiru jedhu.

Kanaaf sababni dhiyeessan ammoo miseensonni maatii aangoo olaanaa biyyaa qabachuusaaniiti. Haati warraa Musevenii Jaaneet Ministira Barnootaati. Ilmisaanii ajajaa waraanaati. Akaakaansaanii akkasuma aangoo waraanaatti dhufaa jira jedhu.

Janaraal Kaanerugaabaa yeroo lama hoogganeera. Hoggansasaa jalatti waraanichi gara loltoota 100,000 qabaachuutti guddateera. Waraanni biyyaalessaa loltoota 400,000 qaba jedhamee amanama.

''Leenjii addaa fudhatu. Akka waraana biyyaalessaa osoo hin taane meshaalee waraanaa ammayyaas qabu'' jedha qondaalli waraanaa duraanii yaada BBCf kenneen.

Bitootessa darbe abbaansaa muudama ajajaa waraana biyyaalessaa kennuufis janaraalichi garuu to'annoosaa SFCtti cicheera. Ajajaan SFC ammaa Janaraal Daaviid Mugiishaa ilma Mugaabeef gaafatama.

Janaraal Kaaneerugaabaa waajira olaanaa maqaa abbaasaatiin mogga'erraa hin fagaatu. Waajirichi magaalaa guddoo biyyattii Kaampaalaarraa fageenya km34 irratti kan argamtu Inteebee jira.


Leenjii loltoota SFC

Madda suuraa, State House Uganda/X

SFC marsariitiisaa gubbaatti beeksisa yeroo gabaabaa keessatti argama addaa raawwachuuf gahumsa kan sabu ta'uu ibsa.

Gareen kun ji'oota dura gara daangaa Keeniyaa seenee hogganaa dhaaba mormituu Ugaandaa Kiizaa Besiigyee to'achuun gabaafameera. Namni kun duraan hakiima Museveenii ture. Erga Keeniyaa keessaa qabamee biyya ganuun himatameera.

Akka Dr Bareebee jedhutti hojii ijoon SFC ''ittifufiinsa bulchiinsa kanaa mirkaneessuudha.'' Eegumsi kun ammoo mormitootarraa qofa osoo hin taane waraana biyyaalessaayyuu dabalata.

''Duula farra mootummaa dhabamsiisuurratti cimsee hojjeta, paartii biyya bulchu NRM balaa keessoo fi alaarraa eega.''

SFC namoota dhabamsiisuufi dararuun himannaa irratti dhiyaatu haalus miseensinnisaa garuu aangootti hangaa ol fayyadamuun murteen seeraa irratti darbee beeka.

Miseensa isaa ganna 32 namoota sadiitti dhukaasee ajjeese irratti ji'oota 11 dura murteen du'aa murameera.

Janaraal Kaanerugaabaan areedasaa namni sirreessuuf nama inni ''my boy'' jedheen miseensa waraanaa ta'uunis hagama takka sirnisaa namoota mormitoota ta'aniifi kaanis akka cunqursu agarsiisa jedhameera.

Namootni gariin ammoo ijaaramuun garee waraanaa kun mataansaa seera qabeessa miti gaaffii jedhu akka kaasan godheera.

Ji'oota muraasa dura garuu Paarlaamaan biyyattii seera falmisiisaa haaromse keessatti SFC tajaajiloota waraanaa afur beekamtii qaban keessaa tokko akka ta'u raggaaseera.

Miseensi paarlaamaa mormituu keessaa filame tokko gareen kun osoo diigamuu qabuu beekamtii aragtee jechuun qeeqeera.

Dr Bareebee seerrii haaraan ragga'e kun aangoo garee kanaa ittumaa cimsa tiksee aangoo mootummaa ta'uus agarsiisa jedha.

Loltoota SFC konkolaataan deeman

Madda suuraa, State House Uganda/X

Qondaalli waraana biyyaalessaa maqaan akka hin eeraamne gaafate tokko adeemsi filannoo loltootaa garee kanaa gosa irrats ta'uusaatiin ifannaan waraana keessa jiru dabalaa akka jiru hime.

Madden BBCn dubbise hedduun loltootni SFC harki caalaan gosa Museeveenii Baanyaankoorere jedhamu irraa ta'uu himu. Ollaa gosa kanaa kan dabalate ta'uun ammoo amanamummaa mirkaneessuufi amantaan jedhu jira.

Waraanni biyyaalessaafi humni addaa kun fedhiifi dantaa ofii qabatanii loltoota amanamoo horachaa deemuun tasgabbii biyyattiif balaa akka ta'e Dr Baraabee ni bisa.

Weellisaa beekamaan duraanii Boobii Waayin yaada BBCf kenneen inniifi waahillansaa irra deddeebiin miseensota SFCn reebamuu ibsuun, gareen kun akka diigamu fedha qabaachuu hime.

''Gareen kun waraana biyyaa jalatti aangoo mootummaa nama ajjeesuun tiksuuf gaafatamni kan kennameefidha'' jedha Boobiin.

Yakkoota hedduu gaaddisa Museeveeniifi ilmaasaa jalatti raawwatu jechuunis himata.