'Nan ajjeesiinaa! - Atileetiin Keeniyaa akkamiin waraana Yukireen keessa booji'ame?

"Maaloo nan ajjesinaa! Ani lammii Keeniyaati! Ani lammii Keeniyaati!" jedhe Ivaans dirree waraanatti loltoota Yukireenin yeroo booji'amu.

Imimmaan ijarra yaa'aa, "Maaloo Raashiyaatti nan deebisinaa, achi deebinaan du'uu kooti," jedhee wawwaatee kadhata viidiyoo loltoonni Yukireen Kamisa darbe gadi lakkisan irratti.

Ivaans nama ganna 36 yoo ta'u atileetii akka ta'e himata. Raashiyaa kan deemes dorgommii atileetiksii fageenya dheeraa irratti hirmaatta jedhamee gowwoomfamee akka ta'e himti obboleettiinsaa Keeniyaa jirtu.

Lammiileen biyyoota garaa garaa Raashiyaa waliin hiriiruun waraana Yukireen keessatti akka hirmaatan irra deddeebin himamus, akka kan atileetii Keeniyaa kana ifatti bahee kan viidiyoonsaa mul'ate ykn argame hin jiru.

Haala qabiinsa booji'amtoota waraanaa ilaalchisee dubbi himaa Yukireen kan ta'an Peetroo Yaaseenkoo BBCtti akka himanitti, lammiileen biyyoota akka Somaaliyaa, Seraaliyoon, Toogoo, Kuubaa, Sirilaankaafi kaanis osoo Raashiyaaf lolanii qabamuun harka Yukireen jiru.

"Namoonni kun hedduunsaanii biyyoota hiyyeeyyii irraa bifa garaa garaan dhufanii Raashiyaaf lolu. Kaansaanii warshaa keessa hojjattu jedhamanii gowwoomfamii kan dhufan yoo ta'an, kaan ammoo fedhiisaaniin waraanatti hirmaatan. Kanneen keessaa lubbuun kan booji'aman muraasa. Baay'eensaanii du'aniiru, ykn madaa'aniiru," jedha Peetroon.

Kanneen keessaa lammiin Keeniyaa dorgommii atileetiksii irratti hirmaatta jedhamee gowwomfamee Raashiyaa deemuun dirqamee waraanatti geeffame jedhame Ivaans Kiibeet tokkoodha.

Loltoonni Yukireen viidiyoo atileetii Keeniyaa osoo Raashiyaaf loluu booji'ame erga arganii booda maatiinsaa Keeniyaa jiran naasuu keessa seenan.

Obboleessa quxisuu Ivaans kan ta'e Isaak Kippiyeegoo inni "nama amala qabeessafi baay'eellee dubbatee nama hin mufachiisnedha," jechuun isa ibsa.

Ivaans jireenyasaa guutuu ispoortii irratti of kennee hojjataa akka ture himu maatiinsaa.

"Ani fiiguun jalaadha," jedha Ivaans viidiyoo loltoonni Yukireen gadi lakkisan irratti. Ivaans Lixa Keeniyaatti maatii qotee bulaa keessatti dhalatee guddate.

Maatiifi hiriyoonnisaa BBCtti akka himanitti, Ivaans dorgommiiwwan gurguddaa irratti akka atileetota Keeniyaa biroo milkaa'uu dhabus, fiigicha daandirraa 10km fi walakkaa maraatooniin Awurooppafi Eshiyaa deemuun dorgomaa ture.

"Ivaans ijoollummaasaarraa kaasee fiigaa ture, fiigichi jireenyumasaati," kan jedhu obboleessi isaa garuu atileetiksii irraa maallaga gahaa barbaadu akka hin arganne hima.

Maallaqa dhabee rakkataa akka ture hima hiriyaansaa BBCn dubbise Eliyaas Kiptuum.

Ji'a Bitootessaa keessa dorgommii Poolaanditti gaggeeffamu irratti hirmaachuu akka barbaadu natti himee ture kan jedhu hiriyaan waliin leenji'an Eliyaas, garuu gareen garas imalu nama dabalatee akka hin fudhanne akka itti BBCtti hime.

Waggaa tokko booda ejantiin ispoortii tokko Raashiyaa deemee akka dorgomu carraan akka jiru itti himnaan, Ivaans carraa kanatti fayyadamuuf gara Raashiyaa akka imale hima hiriyaansaa kuni.

Ejantii ispoortii Ivaans gara Raashiyaa akka deemu carraan jiraachuu itti himerraa adda baafachuuf BBCn yaalii godhus ejantichi bilbila hin kaasne.

"[Dorgommiif] Raashiyaa akka deemu gammachuudhaan natti hime. Aniyyuu baay'ee gammadeefin ture, waan guddaa eegaa turre," jedha obboleessi isaa.

Ivaans gara Raashiyaa dorgommii atileetiksiif gaafa deemu torbanoota muraasa qofa turee akka deebi'u maatitti himee bahe.

Viidiyoo loltoonni Yukireen gadi lakkisan irratti akka dubbatetti, yeroo gara Raashiyaa deemu hojii "loltummaaf" osoo hin taane, akka daawwannaatti deemuu hime.

Erga achi gahee torban lama booda, namoonni isa simatan yeroo dheeraa yoo turuu barbaade hojii akka arganiif waadaa galuufii hima.

"Anis tole nan turan jedheen, garuummoo Viizan koo yeroonsaa dhumeera jedheen itti hime," jechuun sana booda namni isa simate sun akka dheeressuufi hojii arguuf waadaa galuufii dubbata Ivaans.

"Halkansaa warqaa afaan Raashiyaan barraa'e tokko qabatee dhufee, hojiin akka ati hojjattu barbaadu kanaadha naan jedhe. Ani hojii waraanaa ta'uu hin barre," jedha.

Sana booda afaan Raashiyaa waan hin beekneef waraqicha erga mallatteessee booda bilbilliifi paaspoortiinsaa irraa fuudhamuu hima.

"Bifa sanaan dogoggorri uumame...waraqicha mallatteessun jireenya balleesse," jedha Ivaans.

'Carraan qabdu loluudha ykn si ajjeefna naan jedhan'

Atileetiin Keeniyaa kun akka jedhutti, erga waraqicha osoo hin beekin mallatteessee, bilbilliifi paaspoortiin harkaa fuudhamee konkolaataan fuudhamee deemsa sa'aatii torba ta'u konkolaatan fuudhanii ittiin deeman.

"Kaampii waraanaa keessattan of arge," jechuun waraqaan inni mallatteesse kan loltummaa waan ta'eef loluu Raashiyaaf loluu malee filannoo akka hin qabne itti himamuu dubbata.

"Filannoon ati qabdu deemtee loluuda. Hin ta'u taanan, si ajjeefna naan jedhan," jedha.

Kaampii waraanaa erga geeffamee torban tokko qofa akka itti meeshaa qabatan, dhukaasan fa'aa akka isa leenjisaniifi qondaalonni Raashiyaa isa leenjisan afaan Ingiliffaa waan hin beekneef mallattoon akka itti agarsiisaa akka turan hima.

Erga gara Yukireenitti ergamees lolarratti hirmaatee akka hin beeknefi adda waraanaa osoo jiruu meeshaasaa dhoksee guyyoota lamaaf osoo dhokatee jiruu loltoota Yukireenitti harka kennachuu viidiyicha irratti dubbata.

Kan inni booji'ame Kaaba Yukireen naannoo Kaarkiiv jedhamutti. Meeshaasaa gatee dhokatee akka ture kan Ivaans, ofiisaan loltoota Yukireenitti harka kennachuu dubbata.

Waan viidiyoo loltoonni Yukireen gadhiisan irratti arganiin kan nahan maatiin Ivaansa Keeniyaa jiran, gama tokkoon abdii qabu- harka Raashiyaa osoo hin taane harka Yukireen jiraachuusaatti.

"Harka Raashiyaa caala harka Yukireen jiraachuusaaatti xiqqoo tasgabbii homaa hin ta'u kan jedhu abdii qabna," jedha obboleessi isaa.

Maatiin Ivaans mootummaan Keeniyaa akka gidduu seenuuf itti gaafataa jiru. Ministeerri Dhimma Alaa Keeniyaa gaaffii BBCn dhiyeesseef deebii hin laanne.

"Mootummaan biyya irraa dhufee akka inni biyyatti deebi'uuf yoo gaaffii dhiyeesse, akka inni gara biyyaatti deebi'u gochuuf mariifi waliigaltee gochuuf fedhii qabdi," dubbi himaan Yukireen Peetroo Yaaseenkoo.