Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maan Utd himannaa miidhaa saalaan mana murtiitti dhiyaachuuf
Maanchistar Yunaayitid namni duraan kilabicha keessatti dhimmoota hidhannoo ispoortii, qulqullina dirreefi abbaa imaanaa ta'uun hojjechaa ture miidhaa saalaa raawwateef tarkaanfii seeraa irratti fudhatamuuf.
Himannaan kun kan dhiyaate nama Biilii Waatis jedhamu bara 1980moota keessa dirree shaakala kilabichaa Kiliif keessatti hojjechaa ture irratti. Namni yakka kanaan himatame kun bara 2009 ture kan du'aan boqote.
Himannaan miidhaa saalaa kun nama yeroo daa'imummaa isaa kilabicha keessatti miidhaan irra gahe yoo ta'u, kilabichi kunuunsaa fi to'annoo isaanii jala osoo jiruu miidhaa kanarraa isa eeguu dhabuu isaa himachuun galmeen siviilii dhiyaateera.
BBCn Maanchistar Yunaayitid dhimma kanarratti yaada akka kennuuf kan gaafate yoo ta'u, dubbi himaan kilabichaa tokko yaada akka hin kennine dubbateera.
Ogeeyyiin seeraa Simpson Milar himatamaa sababa seeraatiin maqaan isaa kaafamuu hin dandeenye bakka bu'aa jiran akka jedhanitti, kilabichi hanga ammaatti adeemsa seeraa irratti bifa gargaaruu danda'uun hojjechuu dideera.
Dhaabbanni seeraa kun akka jedhetti, kun kan ta'e kilabichi bara 2021 Sheeldon Riviiwu irratti hirmaachuun isaa beekamee osoo jiruuti.
Qorannoo bara 2021 ture kun namni itti gaafatamummaa gara garaafi abbaa imaanaa ta'uun kilabicha keessa hojjetaa ture kun ragaan himannaa miidhaa saalaa hedduun irratti qabamee kan ture ta'uu kan agarsiise yoo ta'u, bara 1989 tarkaanfiin naamusaa keessaa irratti fudhatamee akka ture mirkaneessa.
Simpson Milaritti ogeettii seeraa dhimmoota miidhaa saalaa waliin walqabatanii kan taate Kaatee Hool akkas jechuun haala himataa kanaa ibsite: "Maamilli keenya waggoota baayyee dheeraatiin booda as bahee himachuuf gootummaa cimaa agarsiiseera."
Itti dabaluun, "Namoonni miidhaa [mudannnoo] akkasii keessa darban callisanii gaddaniifii darbuu qofa osoo hin taane, dubbichi duukaa bu'amuufi itti gaafatamummaan jiraachuu hiika qabu argachuun isaaniif mala."
Dhaabbanni seeraa kun kilabichi guutummaatti tumsuu dhabuun isaa ''namoonni miidhaa akkasii keessa darban gara adeemsa mana murtii idileetti deemuu malee filannoo biraa hin qaban jechuudha'' jedheera.
Hojjetoonni kilabichaa dhimma miidhaa saalaan himatamuun kun kan jalqabaa miti.
Kanaan dura taphataa lammii Poorchugaal kilabicha keessa ture Kiristaanoo Ronaaldoo, akkasumas taphattoonni biroo warri akka Antooniifi Maason Giriinwuud himatamanii ture.