Harargeetti dubartii soddaasheerratti 'falfala' hojjetterratti murteen darbe

Madda suuraa, Getty Images
Himatamtuun 'Abbaan manaakee akka sirratti hinfuune, waan ati jette hunda akka siif raawwatuuf' jechuun abbaa warraa intalasheerratti falfala hojjette adabamuu Abbaan Alangaa hime.
Himatamtuu Maftuhaa Adam fi namni falfalli irratti hojjetame Salaaddin Yuusuuf magaalaa Maayaatti jiraattota kutaa magaalaa Haramaayaa iddoo addaa Masarree jedhamuuti.
Hariiroon namoota lamaan gidduu jirus himatamtuun haadha haadha warraa miidhamaati.
Himatamtuu Maftuhaa Adam, ALI ji'a Caamsaa bara 2017 guyyaa lakkoofsaan hinbeekamnetti intalashee waa mariisisti.
Mariin kunis miidhamaan haadha warraasaaf 'akka ajajamuuf, waa hunda akka godhuuf' falfala irratti tolchuudha.
Himatamtuun "falfala kana yoon siif godhe abbaan manaakee sitti hindubbatu, sin rakkisu akkasums akka ati ajajjetti siif ajajama" jechuun intalasheetti himte.
Dabalataan himatamtuun "Abbaan manaakee akka sirratti hinfuune, akka sif ajajamu, waan ati jette hunda akka siif raawwatu, akka sin mormine" jechuun yakkicha akka raawwatte Itti Gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Haramaayaa kan ta'an Gammadii Kadiiroo himu.
Itti aansunis himatamtuun falfala qopheessite intalasheetti kennuun akkaataa itti fayyadamasaas itti himti.
"Falfalicha iddoo miidhamaan itti ciisu firaashiisaa jala akka awwaaltu ajajje. Bu'uuruma kanaan intallishee fudhattee iddoo miidhamaan ciisu qottee jala keesse" jedhan Abbaan Alangaa.
'Tasgabbii dhabuufi dhama'uun irra gaheera'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Falfalli yookiin tolchi yakka nama adabsiisu ta'uu kan himan Abbaan Alangaa, ''Seera Yakkaa Itoophiyaa bara 1996 bahe keewwata 533 jalatti kaayamee jira" jedhan.
Dabaluunis "falfalli namarratti godhamee nama sanirratti miidhaan kan dhaqqabu yoo ta'e 'ni adabsiisa' jechuun Seerri Yakkaa tumeera" jedhan.
Haaluma kaanaan dhimmi himatamtuufi miidhamaa eeruun erga isaan qaqqabee booda Abbaan Alangaafi kutaan qorannoo yakkaa Waajjira Poolisii Kutaa Magaalaa Haramaayaa waliin ta'uun dhimmicha qorachuu himu.
"Gareen kun waliin ta'uun gochi yakkaa kun raawwatamuusaa ragaadhaan mirkaneeffatanii galmee qorannoo yakkaa gara Waajjira Abbaa Alangaatti dabarsan" jedhan.
Abbaan Alangaas qorannoo taasifame bu'uura godhachuun himata kan bane yemmuu ta'u, himanni dhiyaates 'gocha yakkaa tolcha, falfala yookiin wantoota kana fakkaataniin namarratti miidhaa geesisuu' kan jedhudha.
Manni Murtii Kutaa Magaalaa Haramaayaas falmii Abbaa Alangaa fi himatamtuu gidduu jiru dhaggeeffate.
Himatamtuunis ragaalee Abbaa Alangaa haalaan ofirraa ittisuu waan hindandeenyeef murteen balleessummaa irratti murame.
Manni murtichaa murtee balleessummaa muruufi miidhamaarratti miidhaan qaqqabuusaa mirkaneeffachuuf namni tokko gaafa fayyaa qabu haallisaa akkam ture, erga gochi kun raawwatame jedhameemmoo haallisaa maal fakkaata kan jedhu akka qorate Abbaan Alangaa himu.
Haaluma kanaan "nama kanarratti miidhaan qoor-qalbii yookiin jijjiiramni dhufe jira jedhanii haati manaasaafi haatisaa ragaa bahaniiru" jedhan.
"Haati warraa erga gochi kun raawwatamee booda miidhamaarra miidhaan qalbii qaqqabuusaa mirkaneessiteerti.
Haati miidhamaas garaagarummaa qalbii miidhaamaa kanarratti dhaqqabe gochaa yakkaa duraafi booda madaaluudhaan mirkaneessaniiru," jedhan.
Dhumarrattis manni murtichaa dhaddacha Mudde 9, 2018 taa'een himatamtuu Maftuhaa Adam yakka falfala abbaa warraa intalashee irratti raawwatteen hidhaa ji'a tokkoo fi birrii 1,000'n akka adabamtu murteesse.
Yeroo ammaatti haati warraafi abbaan warraa waliin akka jiranis Abbaan Alangaa himaniiru.
Yakka nama adabsiisu
Yakka falfalafi tolchaan walqabatee yeroo garagaraatti eeruuwwan akka dhiyaataniif Abbaan Alangaa Gammadiin himu.
"Haa ta'u malee dhimmi kun yakka ta'uunsaa ifattis seeraan tumamee osoo jiruu seeratti dhiyaachuu kan hin dandeenyeef sababa ragaatini.
Madaallii ragaan walqabatee rakkoo ragaadhaan mirkaneessuurratti mudatuun qalqabateeti" jedhu.
Gama biraatiin kutaaleen hawaasaa baay'een gochoonni akkanaa yakka ta'uusaanii hubannoo akka hinqabne kan himan Abbaan Alangaa, hawaasni gochaan kun yakka ta'uusaa beekee waan akkanaa yemmuu argan qaama seeraatti eeruu kennuu akka qaban himaniiru.












