Dorgommii roobootiiwwan nama fakkaatan hojjachuu eenyutu injifata laata?

Roobootii Yunitray G1

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yunitray G1 agarsiisa adda addaan namoota gammachiisaa ture

Ganama yeroo itti aduun ganamaa achii as baatudha. Jarman magaalaa Haanoveritti Roobootii tokko waliin wal arguufan deemaa jira.

Agarsiisa daldalaa industirii gurguddoo addunyaa keessaa tokko kan ta'e Hannover Messe keessatti roobootii akka namaa kan dhaabbata Chaayinaa Yuunitray jedhamu uumame akkan dawwadhuufan affeerame.

Akkuma achi ga'een Roobootii nama fakkatu G1 jedhamu kan dheerinni isaa 130 cm qabu waliin walitti baane.

Roobootiin kun roobootiwwan nama fakkaatan biroo caalaa xiqqaa fi gatii madaalawaa kan qabu yoo ta'u, akkuma namaa sochii adda addaa akka sochii qaamaa, shubbisuu fi maarshaal aartii agarsiisu kan danda'uudha.

Namoonni achi darban G1 waliin wal qunnamuufi gochoota inni nama waliin taasisu ajaa'ibsiifatu.

Deebii kennuu fi dhiisuu isaa ilaaluuf harka itti qabanii nagaa gaafatu, yeroo inni deemu ykn jilbeenfatu, yoo namatti bu'ee dhiifama nama gaafatu hunda ilaalanii kolfu.

Yuunitray dhaabbilee muraasa addunyaa irratti roobootii bifa namaa qaban hojjetan keessaa isa tokko.

Dandeettiin roobootii amma irra gahame ku guddaadha, Kanneen indaastirii keessatti hojjataa barbaadaniifis abdii guddadha.

Sababiin isaas kana booda hojjetaa boqonnaa ykn daballii mindaa hin barbaanne argachuu waan danda'aniif.

Namoota kaanifis taanaan kanaan booda kan hojii mana keessaa hedduu isaan gargaaru argachuu dandeessisa.

Uffata xuraawe miiccaa, mishaalee nyaataa qulqulleessaa , hojii mana keessa kanneen biroos akkasuma.

Hojjataa ykn hojjattuu mana keessaa tokkicha bitannaan mindaa malee nama tajaajiluu akka jechuuti.

Roobootiin nama fakkaatu agarsiisa daldalaa Chaayinaa keessatti gaggeeffame irratti, Bitootessa 26, 2025.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dhaabbileen Chaayinaa gabaa roobootii nama fakkaatu irratti ol'aantummaa qabaatanii jiru
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Warshaalee fi manneen kuusaa keessatti kan barame yoo ta'u, haalli iddoowwan namni isaan to'atu hin jirretti hojiwwan akkasii hojjachiisuu balaa qabaachuu mala.

Roobootiiwwan akka namaa kana bakka hordoffiin namaa hin jirre akka mana nyaataa ykn manaatti galchuun xiqqoo rakkisaadha.

Roobootiiwwan kunneen bu'a qabeessa ta'uuf humna qabaachuu qabu, haa ta'u malee, ciminni kun balaa fiduus danda'a. Sababiin isaas yeroo hin malletti kufuun haalli itti balaa geessisuu muudachuu danda'a.

Kanaaf hojiin baay'een sammuu namtolchee maashinii akkasii to'atu irratti hojjetamuu qaba.

Dubbi himaan Yunitray BBC'tti akka himanitti, ''AI salphaatti ammallee sadarkaa olaanaa irra hin geenye.

Akka ogeeyyin dhimmaa kanaa jedhanitti yeroo ammaa kana, roobootiin AI loojikii fi sababeeffannaa bu'uuraa irratti hundaa'ee waa raawachuu irratti rakkoon isa mudata.

Yeroo ammaa kana G1'n isaanii dhaabbilee qorannoo fi teeknooloojii kanneen misooma sooftiweerii irratti hojjataniif banaa ta'uu ibsu.

Dureeyyootni Addunyaa mana kuusaa fi warshaaleedhaaf roobootii nama fakkaatu oomishuu irratti xiyyeeffachaa kan jiran yoo ta'u, Elon Mask dursaa jira.

Teslaan roobootii nama fakkaatu kan Optimus jedhamu hojjechaa kan jiru yoo ta'u, Mask bara kana roobootii kuma hedduu akka ijaaraman tilmaameera.

Oomishtoonni konkolaataa biroo kan akka BMW fi Hayundaayi illee roobootii hojjechaa jiru.

Brennan Pierce roobootii KR1 waliin

Madda suuraa, Kinisi

Ibsa waa'ee suuraa, Brain Pierce akka jedhetti roobootiin Kinesis leenjisuuf salphaa ta'a.

Hundeessaan dhaabbata qorannoo STIQ, Toomaas Andersan, Chaayinaa keessatti dhiyeessii guddaa fi sirna ikoo roobootiidhaaf ta'u irraa kan ka'e dhaabbileen Chaayinaa gabaa irratti ol'aantummaa qabaachuu akka hin oolle himu

Roobootiin Unitree G1 gatii salphaa kan qabu yoo ta'u, Biyyota Eeshiyaatiif filannoo invastimantii cimaa ta'eera. Maallaqni roobootii nama fakkaataniif oolu hunda keessaa gara %60 Eeshiyaa irra kan argame yoo ta'u, kanneen hafan irra caalaan isaanii US 'n qabame

Dhaabbileen Chaayinaa deeggarsa mootummaa biyyaalessaa fi naannoo irraas fayyadamoo ta'u, kan akka bakka leenjii mootummaan deeggaramu Shaangaayitti argamu.

Hundeessaan dhaabbilee roobootikii sadii kan ta'e 'Birn Pearce' roobootii KR1 jedhamu kan Ingilizitti dizaayin ta'e garuu Eeshiyaatti oomishame dhiyaateera.

Kunis Chaayinaa irraa bituu dhiisuu fi qaamolee baay'inaan oomishaman irratti xiyyeeffachuudhaan baasii hir'isuuf.

Yaadni roobootiin warshaalee keessaa baʼanii yoom mana keessa seenuu jedhu irratti Piirs abdii guddaan jiraatullee karaa dheeraan akka hafu dubbata.

"Abjuun koo yeroo dheeraa waggoota 20 darbaniif roobootii waan hundumaa gochuu danda'u uumudha. Kun waanan hojii PhD koo itti hojjechaa turedha galmi dhumaa sana natti fakkaata, garuu hojii baayyee walxaxaa dha," jedhe.

"Ammallee dxumura irratti gara sanitti dhufuun hin hafu, garuu achi ga'uuf yoo xiqqaate waggaa 10 hanga 15tu hafe jedheen yaada."