Iraan biyyoota Awurooppaa waliin marii 'cimaa' gaggeessuu beeksifte, ittaanee maaltu ta'a?

Madda suuraa, Getty Images
Iraan dhimma sagantaa gabbisa nikularaashee ilaalchisee biyyoota Awurooppa waliin marii "cimaa, dhugaafi bal'aa" ta'e gaggeessuu beeksisuu beeksisfte.
Marichi kan gaggeeffame Jimaata, Adollessa 25 yoo ta'u, marii kana itti fufuuf fedhii akka qabdu beeksisuu maddi oduu Rooyitars gaaase.
Erga Israa'elifi US Iraanirratti haleellaa gaggeessanii as biyyoonni Awurooppaa fi Iraan wal bira taa'anii mariyachuunsaanii kun kan jalqabaati.
Biyyoonni Awurooppaa sadi: UK, Faransaayifi Jarman Iraan sagantaa nikularaasheerratti waliigalteerra hin geessu taanan, qoqqobbiin UN akka irra kaa'amu tattaaffii taasifna jechuun akeekkachisanii turan.
Biyyoonni kunneen sadaniifi Iraan kaleessa sa'aatii afur kan ta'uuf Qonsiilaa Iraan Turkii magaalaa Istaanbulitti argamutti sa'aatii afur kan ta'uuf mariyachuusaanii Rooyitars gabaase.
Akka gaabasa kanaatti, Iraanifi biyyoonni marii bal'aa gaggeessufi dhimmicharratti mariin akka itti fufu waliigalanii gargar bahaniiru.
Ittaanaa Ministirri Dhimma Alaa Iraan kan ta'an Kaazeem Gahaaribaabaadii akka jedhanitti akkaataa itti qoqqobbiin Iraanirraa ka'uufi dhimma nikularaa irratti gareen lachuu yaada ta'uu qaba jedhan dhiyeessaniiru.
"Waraana maal na dhibdeedhan dhiyeenya uummata keenyarratti gaggeeffamerratti ejjannoo isaan [biyyoonni kunneen] agarsiisan cimsinee balaaleffannus qoqqobbii duraan ka'e deebi'ee akka hojiirra oolu (snapback mechanism) isa jedhu dabalatee ijjannoo keenya bifa qajeeltoo ta'een ibsineerra," jedhan.
Dabaluunis, "Dhimma kanarratti waliin dubbiin akka itti fufu walii galameera" jedhan qondaalli Iraan kun.
Biyyoonni Awurooppaa kunneen Iraan dhuma ji'a Hagayyaatti dhimma nikularaa irratti waliigalteerra hin geessu yoo ta'e, waliigaltee bara 2015 taasifameen qoqqobbiin UN Iraanirraa kaafamee ture hatattamaan deebi'ee akka irra kaa'amu akka hojjatan ibsanii turan.
Bara 2015 waliigaltee US, Chaayinaa, Raashiyaafi biyyoota Awurooppaa dabalatee Iraan waliin taasifameen qoqqobbiin Iraanirra kaa'amee ture irraa kaafamee ture.
Akkaataa waliigaltichaatti Iraan yuraaniyeemii gabbistu xiqqeessuun to'annoo Ejansii Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa (IAEA)dhaaf banaa gochuun bakkasaa ammoo qoqqobbiin irraa kaafamee ture.
Haa ta'u garuu US bara 2018 waliigaltee kana keessaa bahuun qoqqobbii mataashee irra keessus biyyoonni Awurrooppaa, Raashiyaafi Chaayinaan waliigalticha keessaa hin baane ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waliigalteen bara 2015 kna turu hanga Onkoloolessa 18, 2025 qofaatti. Sana booda qoqqobiin UN Iraanirra kaa'e hundisaa ni hafa. Haa ta'u garuu, mala qoqqobbii ture iddootti deebisuutiin qoqqobbichi akka Iraanirra kaa'amu ta'uu mala.
Kunis yeroon waliigaltee bara 2015 Iraanifi biyyoonni gurguddoon addunyaa waliigalan guyyaan itti xumuramu osoo hin gahin guyyaa 30 dursee gaaffiin yoo dhiyaatedha.
Biyyooni Awurooppaa kunneenis osoo yeroon waliigaltichaa hin xumuramin dursanii Iraan dhimma nikularaasheerratti waliigalteerra akka geessu, yoo didde qoqqobbiin irraa ka'ee ture deebi'ee akka irra kaa'amu akka godhan kan ibsan.
Qoqqobbiin UN Iraanirraa ka'ee ture deebi'ee kan irra kaa'amu yoo ta'e, seektaroota, baankii, ittisaafi hayidiroo kaarbanii Iraan fa'aarratti xiyyeeffata.
Dippiloomaatonni Iraan jechaa kan jiran, Iraan tarkaanfii qabatamaa isaan amansiisu yoo agarsiifte yeroon waliigalteen bara 2015 itti dhumu ji'a jahaan dheeressuuf fedhii akka qabaniidha.
Kuni akka ta'uuf ammoo Iraan Waashingtan waliin mariyachuu, Ejansii Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa (IAEA) waliin hojjachuuf fedhii agarsiisuu, yuraaniyeemii kg400 hangisaa boombii nikularaa uumutti dhiyaate gabbisteef itti gaafatamummaa fudhachuu dabalatee dhimmoota ijoo heddurratti tarkaanfii qabatamaafi amansiisaa ta'e fudhachuu ishee gaafata.












