Sa'udiin mindaa hojjettoota biyya alaatif sirreeffamni taasifte maali?

Paarkii Mootii Salmaan, Pirojektoota Guddaa Riyaad, Sa’udii Arabiyaa keessatti ijaaramaa jiran keessaa tokko

Madda suuraa, Reuters

Dhaabbileen Sa'uud Arabiyaa mindaa hawwataa kanaan dura hojjettoota biyya alaa ogummaa adda addaa akka dameewwan turizimii, ijaarsa, albuudaa fi tajaajila adda addaa biroo keessatti hirmataniif kanfaltu irra deebiin sirreessaa akka jirtu qacartootni Rooyitersitti himaniiru

Akka addunyaatti boba'aa erguudhaan adda duree kan taate Sa'uud Arabiyaan karoora haaromsa dinagdee 'Vision 2030' jedhamu kan baasii fi hirkatummaa boba'aa hir'isuu karoorsuun hojjattooata biyya alaa hawwataa turte.

Kanaanis carraa hojii uumuu fi indaastiriiwwan akka turizimii, riil isteetii, albuudaa fi tajaajila faayinaansii babal'isuu irratti xiyyeeffachuun hojjataa jirti.

Akka qaama tarsiimoo yeroo dheeraa kanattis, biyyattiin pirojektoota gurguddoo doolaara biliyoona hedduutti tilmaamaman irratti invastimantii guddaa kan taasise yoo ta'u, kunis barbaachisummaan hojjettoota biyya alaa ogummaa olaanaa qabanii haalaan akka dabalu taasiseera.

Haa ta'uu malee akka yaadametti hojiirra oolmaa isaa irratti harkifannaa guddaa muudachuun qormaata itti ta'eera.

Hojjattootni biyya alaa irraa qacaraman mindaa malee faayidaa dabalataa hanga dhibbenta 40 fi isaa ol, taasifamu ykn mindaa ammaa argatan dachaan dabaluu illee dsanda'a.

Kunis jalqaba kurmaana kanaa irratti waanuma taasifamaa ture ta'us amma garu haala sanaan kan itti hin fufnee fi dhiyeessiin baay'ee daangeffamuu maddeen kan himan.

"Gama tokkoon rifoormiin dinagdee guddaan naannichaatti taasifamaa utuu jiruu gama biraatiin ammoo hojjattoota biyya alaa gara naannoo sanaatti ce'uuf fedhii guddaa qaban baay'eedha ," jedhan dhaabbata qacarrii Boyden keessatti daayreektarri olaanaa kan ta'an Maagdii Al Zeen.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanaaf waanti amma mul'atu hojjechiistonni paakeejii isaanii irra deebi'anii ilaaluu isaaniti . sun waan ta'uun isaa hin oolledha.

Mindaa guddaa fi faayidaan biyyattiin hojjattoota ofitti hawwachuuf taasiftu kun Fandii Invastimantii Mootummaa doolaara biiliyoona 925 kan bu'uuraalee misoomaa fi pirojektoota gurguddoo hojjachiisuuf yaadame irratti kasaaraa guddaa geessiseera.

Amma biyyattiin hojjattoota maallaqa guddaan alaa fiduurra dameewwaan akka AI, loojistikii fi albuudaatti c'euun bu'aa fooyya'aa akka argamsiisu amanama.

Sawudiin pirojeektii magaalaa gara fuulduraa gammoojjii keessatti ijaaramu doolaara biiliyoona 500 baasu, fi wiirtuun turizimii taatufa ijaaraa jirti

Pirojektoota gurguddoo kanaaf ogeeyyii dandeettii idil-addunyaa ogummaa gabaa hojii biyya keessatti argachuun rakkisaa ta'e qaban hedduu qacarterti.

Ta'us yeroo amma pirojeektota hedduu harkifannaa mudachaa jira. Bara 2025tti sochiin pirojektii Sa'uudii Arabiyaa keessatti akka malee kan harkifate ta'uu isaa Kamco Invest ibseera.

Jijjiramni kun maalif yaadame?

Gatiin boba'aa gadi bu'uun kun faayinaansii mootummaa irratti dhiibbaa kan uume yoo ta'u, hanqinni maallaqaa biyyattii muudateera.

Sa'uudiin gabaa boba'aa ishee tasgabbeessuuf oomisha boba'aa hir'istus, IMF akka jedhutti biyyattiin baajata madaalawaa ta'e galmaan ga'uuf gatiin boba'aa naannoo doolaara 100 akka ta'u akka barbaadu agarsiisa.

Hanqina baajataa irraa kan ka'e saffisni misoomaa hir'ateera, kunis qacarrii akka harkifatu taasiseera.

Hojjechiistonni amma haqnina hojjataa caalaa dhimmaa sirreefaman mindaa irratti kan xiyyeefatan. Kunis dhaabbileen immoo tooftaa baasii qusachuu fudhachuu isaanii agarsiisaa jedhu dhaabbileen qacarsiistotaa

Akka gabaasa dhimma mindaa Tuscan Onkoloolessa irraa eegalee baaseetti, dhaabbileen Sa'uudii baajata isaanii daangeffame dameewwan akka AI ykn dijitaalaa irratti ramaduu danda'u.

Giddugala daldalaa fi turizimii Galoo Galaanaa jedhamuun kan beekamtu UAE, %90 ummata biyya alaa kan qabdu yoo ta'u, hojjettoota ogummaa qaban hedduudhaaf filannoo hawwataa taateetti.

Mindaa olaanaa, gibira irraa bilisa ta'e qofa osoo hin taane, networkii, manneen barnootaa idil-addunyaa fi tajaajila eegumsa fayyaa hawwataa ta'eef kanfalti.

Dabalataanis, UAE jireenya bilisa ta'e akka jiraatu gochuuf haaromsa hawaasummaa taasifteetti.

Yeroo ammaa kana garaagarummaan mindaa giddu galeessaa Sa'uudii Arabiyaa fi UAE gidduu jiru xiqqaan kan jiru yoo ta'u, giddu galeessaan %5 hanga 8 qofa akka dabalu hoji gaggeessaan olaanaa dhaabbata Cooper Fitch kan Dubaayitti argamu Tirefor Murphy himaniiru.

"Namoonni dhuunfaa UAE irraa akka jijjiiraman amansiisuun qormaata, sababiin isaas isaan kaffaltii guddaa waan kanfalaniif," jechuun Al Zeen dhabbata Boyden irraa ibseera.

Garuu Sa'uudii Arabiyaan bara kana %4.4 guddachuuf tilmaamame yoo ta'u gabaan hojii dorgommii guddaa kan qabuu fi guddinni namoota naannichaan ala dhufaniif hawwataa taatee jirti.

Mootummaan Sa'uudii riifoormii gabaa hojii fi jalqabbii lakkoofsa lammiilee damee dhuunfaa keessatti dabaluuf kaayyeffate saffisiisuun dorgommiin akka ol ka'uu fi namootnillee akka baay'inaan gara ishee ilaalan taasiseera.

Hoji dhabdummaan lammiilee Sa'uudii biratti sadarkaa gadi aanaa irra kan jiru yoo ta'u, lakkoofsi lammiilee Sa'uudii damee dhuunfaa keessatti qacaramanii bara 2016 irraa eegalee hanga kurmaana lammaffaa bara kanaatti %31 dabaleera.

"Paakeejiin faayidaa ammaa kun of eeggannoodhaan kan caaseffame yoo ta'u, ragaa, raawwii hojii fi ulaagaa gabaa qabatamaa irratti hundaa'a jedhame.

Namoota tokko tokkoof kun hir'ina fakkaachuu danda'a, anaaf garuu bilchina agarsiisa," jechuun yaada kennaniiru Luwiis Knutsson, hojii gaggeessaan dhaabbata Matches Talent Dubaayi.

Dandeettii olaanaa gara Sa'uudii Arabiyaatti harkisuudhaaf dhaabbileen paakeejii faayidaa tilmaamamuu danda'u kan baasii jireenyaa calaqqisu, jireenya maatii madaalawaa ta'e guddisuu fi kaayyoo ifa ta'e guddina misooma deemaa jiruun walqabatee dhiyeessuu qabus jedhan