Namni Dubaayitti dubartoota daldala saalqunnamtii 'qaanessaaf' mijeessu erga BBC'n saaxilee booda to'atame
Akeekkachiisa: Odeessi kun ibsawwan gochaa saalquunnamtii miira jeeqan qaba
Namni Dubaayitti dubartoota saaxilamoo ta'an, kanneen nama isaan deeggaru hinqabne, adamsuun saalquunnamtii ''akkaan qaanessaa'' ta'eef mijeessu erga BBCn qorannoo irratti gaggeessuun saaxilee booda poolisii Yunaayitid Arab Emireetisiin (UAE) to'atameera.
Qorannoo kanaan namni Charles ''Abbey'' Mwesigwa jedhamuun beekamu dubartoota akka fedha namaatti doolaara 1,000 irraa dhiheessuu akka danda'u wayita dubbatu waraabameera.
Charles erga qabamee booda himati akkamii akka irratti dhihaatu ammatti hin beekamne. Aanagoonni UAE namni kun erga to'atamee booda ifatti ba'anii ibsa hin kennine.
Jaarmiyaan dhimma seeraa BBCn dubbise Mwesigwan mana hidhaa Central Prison Centre jedhamu, Dubaay naannawa Al Awir jedhamu keessatti argamutti hidhamee jira.
Interpol Ugaandaa irraa akeekkachiisi cimaan Mwesigwa irratti darbeera.
Imbaasiin Ugaandaa kan UAE magaalaa Abuu Daabiitti argamu torbee darbe keessa ibsa baaseen ''daddabarsa namootaa seeraan alaa irratti qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu fi aanga'oonni UAE tarkaanfii fudhachuu,'' himee ture.
Ibsi kun dhimma Mwesigwa akka ilaallatu BBCn hubateera.
Taateen mudate maali?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namni naannoolee mana jireenyaa bareedaa ta'aniitti namoota daldala quunnamtii saalaa irratti bobbaasuufi dubartoota saalixamoo ta'an filatu BBC gabaasa qorannoo isaatiin kan saaxile Fulbaana gara jalqabaati.
Chaarliis Mweesiigwaa konkolaachisaa atobisii Landan akka ture kan himame yoo ta'u, gabaasa dhoksaa BBCf qophiiwwan saalqunnamtii garaagaraatiif dubartoota doolaara 1,000 irraa kaasee kanfalamuuf akka dhiyeessu ibsuun, maamiltoonni isaa baayyeen kan gaafatan ''waan kamuu gochuu'' nan danda'a jedheera.
Yunaatid Araab Emireetsitti qophiileen quunnamtii saalaa addaa akka gaggeeffaman sadarkaa oduutti baroota dheeraaf odeeffamaa ture.
Maxxansi Tiktoki irratti Hashtag #Dubaiportapotty jedhu fi kan namoota miliyoona 450 ol ilaalame.
Qabiyyeewwan maxxansa kanneen irrattis arrabsoon dubartoota irratti raawwatamanii fi namoota dhiibbaa olaanaa qabaniin agarsiisawwan quunnamtii saalaa adda ta'an agarsiisuun jireenya isaanii akka deeggaran himata jedhan waliin viidiyoowwan wal qabatan bal'inaan tamsaafamaniiru.
Qorannoo BBC World Service keenyaaf ammoo dhimma kanarratti dhugaan jiru daran badaa ta'uun isaa itti himameera.
Shamarran Yugaandaa hojii daldala saalqunnamtii Obbo Miwesigwaaf raawwachiisu qabu jedhanii akka hin eegne BBCtti himan. Yeroo tokko tokko bakkeewwan akka suuqiiwwan gurguddoo ykn hoteelotaatti hojjechuuf gara Yinaayitid Araab Emireetis (UAE) deemaa akka jiran amanu turan.
Dubartiin eenyummaashee dhuksuuf ''Miiyaa'' jechuun moggaafne maamiltoota ishee keessaa kanneen dubartoota irratti fincaa'aniifi hagan irra deddebiin ni gaafata jetti.
Itti dabaluudhaanis kiyyoo daldala saalquunnamtii Obbo Miweesigwaa keessa galu dubbatti. Namni kun garuu himannaawwan irratti dhiyaatan haaleera.
Dubartoonni karaa kireessitootaatiin akka bakka jireenyaa argataniif akka isaan gargaaruu fi walitti dhufeenya sooreessoota Dubaayi waliin qabuun kan ka'e wayita gara paartiiwwan adda addaa deemuutti akka isa dabaalan dubbateera.
Dubartoonni Obbo Miweesiigwaa waliin walitti dhufeenya qaban lama gamowwan irraa kufanii du'usaanii BBC tibba qorannoo isaatti baruu danda'eera.
Duutii dubartoota kanneenii ofii ajjeeachaa jedhamee kan galmeeffame ta'ulleen hiriyyoonniifi maatiin isaanii poolisiin qorannoo dabalataa gochuu akka qabu amanu.
Obbo Miweesiigwaa taateen kun poolisii Dubaayiin qoratamuu ibsuun odeeffannoo dabalataa isiniitti himuu hin danda'u jedhaniiru.
Poolisiin ammoo gaaffii BBCtiif deebii hin kennine.
Dubartoota lubbuusaanii dhaban keessaa tokko kan taate Mooniikaa Kaariingii gara Dubaayi kan imalte lixa Yugaandaa irraa ture.
Dubaay keessa jiraataa kan turte dubartoota Obbo Miweesiigwaaf hojjatan hedduu waliin ture.

Madda suuraa, Family handout
Moonikaa waliin bara 2022 irraa kaasee jiraachaa turu kan himte Keeyiraan ''Eddoonsaa akkuma gabaati... Dubartoota gara 50 taanuti turre. Waan eegde sababii hin arganneef gammadduu hin turre'' jetti.
Obboleettiin ishee Riittaan akka jettuutti Moonikaan hojiin Duubaayiitti ishee eegu Suppar maarkeettii keessa hojjachuu akka ture beekti turte.
Dubaayiitti Mooniikaa akka beektu kan dubbattu Miiyaan ''gara biyyaa deebii'uu akkan barbaadu yoon itti himu baayyee lolaa ture'' jetti.
Jalqaba Dubaay akkuma geesseen idaan gara doolaara 3,000 akka irra jiru akka itti himamee fi torban lama keessatti ammoo idaan kun dachaan dabaluu dubbatti.
''Tikeettii xiyaaraa, viizaa, bakka bulmaataa fi nyaataaf baasii kanfalameedha'' jetti Miiyaan.
"Kana jechuun cimee hojjachuun qaba jechuudha. Baayyee cimee, dhiiroonni dhufanii akka na waliin bulan kadhadhe'' jechuun haala ture ibsti.
Firri Moonikaa maqaasaa Maayik jennee waamne ammoo Dubaay akkumma geessee torbanoota muraasa keessatti Obbo Mooweesiigwaan idaa doolaara kuma 27 akka irra jiru akka itti hime dubbata.
Itti dabaluunis boo'aa ergaa sagalee akka ergiteef dubbata.

Miiyaan yeroo baayyee maamiltoonni ishee lammiilee Awurooppaa akkasumas dhiiroota saalquunnamtii hin garlameef fedhii qaban akka ta'an dubbatti.
''Dhiirrii dubartoota irratti fincaa'uu fi udaanu jaalatuuti ture. Irratti erga udaaneen booda akka nyaataniif itti hima'' jechuun ibsiti.
Dubartiin maqaashee Leeksii jechuun moggaafne kan biraa ammoo nama gara biraatiin akka geefamte dubbatti.
Miiyaan waa'ee maamilotashee zyaada dubbatteen haala wal simuun, ''gaaffiiwwan namoomaa namaa gadi xiqqeessaan'' irra debiin akka dhiyeesaafii ture ibsiti.
''Gareedhaan yoo saalquunnamtii raawwannee, sirratti kan fincoofnu, kan kaballaan si rukkunnu yoo ta'e maallaqa Arab Emireetsi Dirhaamii 15,000 si kanfalla. Yoo udaan keenya soorattu kan si waraabnu yoo ta e ammoo 5,000 si daballa maamiltoonni jedhan jiru'' jetti.

Yoo gaaffiin saalquunnamtii addaa akkasii kunneen ka'aniitti isa waliin dhimmi sanyii keessa jiraachu shakkiti.
''Waan akkasii gochuu hin barbaadu yeroon jedhuutti hunda waan akkasii raawwachuuf fedhii qabaatu. Nama bohuu fi iyyuu akkasumas nama fiigu barbaadu. Namni sun ammoo ija isaaniitti gurraacha ta'u qaba.''
Leeksiin qaama jidduu galuudhaan ishee baraaruu ni danda'a jettee tokkicha, poolisiitti iyyattee turte.
Haata'u malee ''Isin Afirikaanooti tokko tokkoo keessan irratti rakkoo uumtu. Kana keessatti hirmaachu hin barbaadu jechuun bilbila narratti cufan'' jechuun yeroo dhimmicha poolisitti beeksiifteetti haala mudate yaadatti.
BBC gaaffii kana poolisiif dhiyeessuulleen deebii hin arganne.
Leeksiin miliqxee gara Yugaandaa deebii'uu kan dandeesse yoo ta'u ammo dubartoota haala walfakkaatu keessatti argaman gargaaruu fi baasuudhaaf sochii taasisaa jirti.
Chaarlas Mweesigwaaniin barbaadanii argachuun waan salphaa hin turre. Suuraan marsariitiiwwan irra ture tokko qofaa yoo ta'u inni sunis yoo ta'e kan kaafame duubaan ture.
Miidiyaalee hawaasaa gubbaattis maqaawwan garaa garaatiin fayyadama.
Haata'u malee, ''Open Source Intelligence'' qorannoo dhoksaa fi yakkaa duraanii kan ta'an irraa odeeffannoo argameetti fayydamuun Dubaayiitti bakka namoonni galii jidudugalaa qaban jiraatan, Jumeeraah Viileej Sarkil'tti argaman.
Waa'ee daldaloota gaggeessuu, odeeffannoo gochaa kabaja ilmaan namaa xiqqeessan irratti dubartoota dhiyeessa jedhu jechuun maddeen keenya BBCf kennan cimsuudhaan, nama paartiiwwan garaa garaa qopheessu of fakkeessuun kan dhiyeessuu fi paartiiwwan sooreessoonni gurguddoonni irratti argaman irratti dubartoota akka barbaadu kan ibse gabaasni qorannoo dhoksaa nuuf erge.
Obbo Miweesiigwaa waa'ee daldalasaa yeroo haasa'u tasgabbaa'ee fi ofitti amanamummuudhaan ture.
"Dubartoota gara 25 ta'an jiru'' jedheera. ''Baayyeen isaanis waan gaafataman hunda raawwachuuf hayyamamoodha... waan hunda ni raawwatu.''
Kanfaltiin isaanis halkan tokkootti dubartii tokkoof doolaara 1,0000 ta'uufi ''wantoonni addaa ammoo'' kanfaltii dabalaa akka kanfalchiisan dubbateera.
Gabaasaan keenya ''halakan tokko bulee'' waan ta'aa jiru ilaaluudhaaf akka danda'u ibsuun affeerameera.
Haasaa isaanii jidduutti konkolaachisaa atobisii Landan akka ture dubbate. Bara 2006tti baha Landaniitti konkolaachisaa atobisii ta'ee hojjachuunsaa kan agarsiisuu sanada qabatanaa argeera.
Gabaasaa keenyaa dabalataan hojiicha akka jaalatu dubbateera. ''Lootoriidhaan paawundii miiliyoon injifachuun danda'a. Haata'u malee, akkasis ta'u nan hojjadha... qaama jireenya koo t'eera.''
Miweesiigwaaf maanaajara oppareshinii ta'un hojjataa akka ture kan dubbatu Tirooy, hojiicha attamiin akka hojjjatu irratti odeeffannoo dabalataa kenneera.

Obbo Miweesigwaan kibaboota halkanii adda addaarratti namoota nayeenya eegsiisaniif maallaqa kanfaluun dubartoonni seenanii akka maamila barbaadan ni taasisan jedhameera.
''Waa'ee quunnamtii saalaa jireenya kootti hin beekneen dhagaha. Inni sooreessoonni hanga gamadaniitti haala barbaade keessa yoo dabarre inni dhimma hin qabu. ... Dubartoonni karaa ittiin miliqan hin qaban. Weelliftoota, taphattoota kubbaa miilaa fi pirziantoota ni argu.''
Miweesigwaa hojii kana osoo hojjatuu seera jalaa miliqee akka jiraatu amana Tirooy. Sababiinsaas Tirooy fi konkolaachiftoonni kaan qofaa hin turre.
Miweesigwaa maqaasaatiin konkolaattootaa fi appaartimantoota kireessuudhaan waan bu'aa argatuuf, maqaansaa waliigalteewwan irratti caqafamee akka hin argamne ibsa.
Ebla 27, 2022 Monikaan Dubaayiitti bakka jireenyaa lammiilee biyya alaa kan ta'e Al Baaraashaa akka jiraattu kan agarsiisuu ofee kaatee maxxansite turte.
Guyyaa afuriin booda duute. Emireetis kan turte baatii afuriif qofaadha.
Miiyaan akka jettuutti Moonikaa fi Miweesigwaa yeroo isa jala turteetti yeroo baayyee wal dhabaa fi wal lolaa turan.
Miiyaan akka dubbattuutti Moonkaan kan Miweesigwaan akka raawwattuuf itti raawwachuuf himu didduus kiyyoosaa keessaa bahuuf dandeessee turte.
''Hojii ta'e argattee ture. Baayyees gammaduu turte. Hojii sirrii waan argatteef bilisa kan taate itti fakkaatee dhiiroota waliin ciisuun waan hafeef jireenyashee ofiin akka hogganatuutti yaaddee turte'' jetti.
Moonikaan appaartaamaa meetira muraasaa fagaatee jiru keessatti mana argattee turte. Barandaa apaartaamaa sanaa irray kan Caamsaa 1, 2022 kuftee lubbuunshee darbe.

Madda suuraa, Instagram
Moonikaan wayita duuteetti firrishee Dubaayiitti argamu Maayikil, deebii argachuuf yaalii taasisuu dubbata.
Poolisiin apaartaamaa Moonikaan keessa jiraataa turte keessaa dhugaatii fi qoricha sammuu hadoochu argachuu akkasumas barandaa irraa ammoo barruu harkaa ishee qofti waan argameef qorannoo gaggeessuu addan kutuu itti hime.
Hospitaallii waraqaa ragaa du'a Monikaa raggaasisuu kan kenneef yoo ta'u, garuu attamiitti akka dute waan ibsu hin qabu.
Appaartimaa sana keessa kan jiraatu lammiin Gaanaa garuu namni alaqaa Moonikaati jedhamee fi kan gamoo biraa keessa jiraataa tureen walitti fiduun gargaareera.
Maayik yeroo kutaa lafa jireenyaa dubartootaati jedhame qaqabuutti, aara shiishaatiin ukkaafmame akka ture yaadata.
Minjaala irratti waan kokeeyiin fakkaatu arguufi dubartoonni maamiltoota isaanii waliin minjaala irratti yoo quunnamtii saalaa raawwatan argu dubbata.
ChaalisMiweesiigwaan dubartoota lama waliin siree irra ciisee akka arge ibsuudhaan, gara poolisiitti geessuudhaaf yoo isa harkisu ''Dubaay keessa waggaa 25f jiraadheera. Dubaay haadha kooti... karaan itti na himachu dandeessu hin jiru...Imbaasii isaati ani. Anatu imbaasii isaati'' akka jedheen dubbata.
''Moonikaan yoo duutu kan jalqabaa miti. Kan dhumaasa hin taatu'' jechuun dubbachu Maayikiil BBCtti ibseera.
Miiyaa fi Keeyiiraan yeroo jarri lamaan waliitti dedebiisan akak dhagahan yeroo garaa garaatti dubbataniiru.
Miwesiigwaan maal jechuu akka ta'e yoo gaafatamuutti haaleera.
Haalli du'a Moonikaa kan lammii Yugaandaa gara biraa Kaayaalaa Biiruungii jedhamutuutiin baayyee wal fakkaata.
Biirungiin bara 2021tti naannoodhuma gamoo walfakkaatuu irra jiraataa ture irra kuftee bakka duutee sun amma Chaarlis Miweesingiwaan qabatamuu odeeffannoon ni agarsiisa.
Maatiin Kaalaay bilbila namoota mana itti kireessanii kan kennan yoo ta'u, innis lakkoofsa Obbo Miweesiigmwaa ta'e argameera.
Tirooy akkasumas namoonni afur biraa gabaasa qorannoo kanaaf dubbifne, gamoo dubartoonni keessa jiraataa turan keessatti Obbo Miwesiigwaan bulchaa akka turan mirkanneessaniiru.

Madda suuraa, Instagram
Maatiin Kaalaay akkuma maatii Moonikaatti maddi du'ashee dhugaatii alkooliifi qoricha sammuu hadoochuun kan wal qabatu ta'u dhagahu dubbatan.
Haata'u malee gabaasni qorannoo reeffaa BBCn ilaalee wayita duuteetti dhiigashee keessatti dhugaatiin alkooliis ta'e qorichi sammuu hadoochu akka hin argamne agarsiiseera.
Maatiin Kaalaay reefashee fidanii kan awwaalatan yoo ta'u, maatiin Moonikaa garuu kana gochuu hin dandeenye.
Qorannoon BBC Mooniik Dubaayiitti bakka awwaalcha Al Quwaasaa'is'tti ''kan bakka hin beekamne'' jedhamuutti awwalamuu akka hin ollee dhagahaniiru.
Bakkichi lafa awwaalchaa mallattoonni itti hin taasifamne hedduu kan qabate yoo ta'u, bakkichi kan maatiinsaanii baqattootaa reeffasaanii fudhachuu yoo hin dandeenye itti awwaalamaniidha.
Dhimmi lammiileen Yugaandaa; Monikaa fi Kaalaay kunis kiyyoo yakkaa dhoksaafi bal'aa biyya Galoo Galaanaa waliin hidhuuf agarsiituudha.
Yugaandaan biyya hojii dhabdummaa dabalaa jiruu waliin qabsaa'aa jiruuf, lammiileen biyya Galoo Galaanaa tana dhaquudhaan hojjachuun diingadee biyyattiif waggaatti galii gibiraa doolaara biiliyoona 1.2 argamsiisaaf.
Kun garuu balaa qabatee jira. Aktivistiin lammii Yugaandaa Maariiyaam Miwiizaan namoota 700 kanneen biyyoota Galoo Galaanaatti rakkoolee garaa garaa keessatti argaman baraaruu dubbatti.
''Supparmaarkeettiifi eddoowwan biraatti hojii akka argamuuf waadaan seenameefii erga deemanii booda daldala quunnamtii saalaatiif gurguramu'' jechuun dubbatti.

Maatii Moonikaatiif gaddisaanii sodaa waliin makaadha. Yoo tarkaanfiin hin fudhatamne ta'e maatiin kaanis dararaa wal fakkaatu keessa seenu yaaddoo jedhu qabu.
''Waa'ee du'a Moonikaa yaadaa jirra'' kan jedhu firriishee Maaykil, ''Haata'u malee dubartoota lubbuun jiraniif eenyutuu qaqabaaf? Hanga ammaattuu achuma jiru. Ammas dararaa keessa jiru'' jedha.
BBC himannaawwan irratti dhiyaate ilaalchise deebii akka kennuf Chaarlis Miweesigwaan gaafatee ture. Daldala quunnamtii saalaa seeraan alaarra hojjachuu haaleera.
''Kun himannaawwan sobaati'' jedheera.
"Sitti himeera ani nama bashannana halkaniirratti namoota maallaqa qaban affeeruudha. Kanaafuu dubartoonni baayyeen garakoo yaa'u. Kunis akkan dubartoota baayyeen wal baru na taasiseera.''
Itti dabalunis ''Monikaan paasportii ishee waliin duute. Namni kamii ishee fudhatee maallaqa hin gaafanne. Du'usheetiin torbanoota afur ykn shaniif ishee hin agarre'' jedhe.
''Moonikaafi Kaalaay nan beeka. Kireessitoota garaa garaa irraa maan kireeffatanii ture. Manneen lamaan kanarraa namni hidhame omtu hin jiru taanaan sababiinsaa kanumadha. Taateewwan lamaanuu poolisii Dubaayiin qorannoon irratti gaggeeffameera. Tarii isaan isin gargaaru danda'u.''
BBCn galmee Moonikaa Kaarungii fi Kaalaay Biirunagiin ilaaluudhaaf buufata poolisii Al Baarshaa gaafateera.
Gaaffii kanaafis ta'e du'a Mooniikaafi kan Kaalaay haala maluun akka hin qoranne himannaa irratti dhiyaateef deebii hin kennine.
BBCn gabaasa qorannoo reefa Moonikaa Kaarunagii argachu kan hin dandeenye yoo ta'u, akkasumas nama osoo isheen hin du'iin dura kireessaniif dubbisus hin dandeenye.













