Taatoo beekamaan Ameerikaa Wiil Ismiiz barataa yuniversitii fedhu seenuuf km 4000 imale badhaase

Maamaaduu Baarii fi Wiil Ismiiz

Madda suuraa, Getty Images, Mamadou Barry

Dargaggeessi yunivarsiitii abjuu isaa ta'e seenuuf biskiliitiidhaan kiiloo meetira 4,000 imale taatoo beekamaa Hooliwuud Wiil Ismiiz irraa badhaasa argate.

BBCn baatii Fulbaanaa darbe akka gabaasetti dargaggeessi lammii Giinii Maamaaduu Saafayu Baari jedhamu yunivarsiitii Masrii seenuuf biskiliitiidhaan kiiloo meetira 4,000 imale.

Dargaggeessi kun ji'a afuriif Afrikaa Dhihaa keessa imalee ture. Yuniversitii Al-Azhar Masrii magaalaa Kaayiroo keessatti argamutti barnootasaa bilisaan barachuuf carraa argate.

Akka gabaasa BBCtti, Wiil Ismiiz Mamadu kompiyuutara laptop fi biskiliitii badhaaseera.

Abbaa daa'ima tokkoo kan ta'e barataan kun, yuniversitii hawwii isaa ta'e keessatti barnoota isaa hordofuuf Maalii, Burkina Faasoo, Toogoo, Beeniin, Niijer fi Chaad keessa biskileetiidhaan deemaa ture.

Taatoo Wiil Ismiiz viidiyoo YouTube isaarratti maxxanseen, ''Haati warraa fi ilmi kee Giinii keessa akka jiran nan beeka. Kanaafuu akka deddeebitee gaafattuuf yookiin ammoo isaan gara keetti fudhattuuf tikeettii xiyyaaraa sin danda'a,'' jedhe.

Wiil Ismiiz seenaa Maammaduu kanaan ''guddoo akka tuqamee fi akka onnate,'' himeera.

Maaliif kennaa kana akka barataa kanaaf kenne yeroo ibsu, "Qaama jireenya kee itti aanuu ta'uu waanan barbaaduuf," jedhe gabaabsee.

Taatoon kun itti dabaluun "Imala kee hunda irratti si gargaaruun barbaada," jechuun barataa kana jajjabeesse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barataa Maamaaduun wayita tasa bilbilli karaa viidiyoo taatoo Wiil Ismiiz irraa isa qaqqabu akkuma kaaseen gammachuun fuulasaarraa mul'ata.

"Akkamitti akkan si galateeffadhu hin beeku," jechuun gammachuusaa ibse.

Will Smith gama isaatiin kutannoon Maamaaduu ''namni tokko murteessee waan itti amanu hojjechuuf yoo onnate addunyaan akka isa cinaa dhaabbatu agarsiistuu guddaadha,'' jedhe.

Dargaggeessi ganna 25 kun gaaffiifi deebii BBC waliin taasiseen Masrii ga’uuf naannoolee hidhattoota Islaamaa gara jabeeyyiin to’ataman keessa darbuun daangaa biyyoota Afrikaa fonqolchi mootummaa itti raawwatame qaxxaamuruun gidiraa hedduu keessa akka lufe ibseera.

Carraaqqii guddaa booda Yunivarsiitii Masrii kan seenaa yeroo dheeraa qabu- Al-Azharitti, barnoota bilisaa (Scholarship) argachuu kootti "Baay'ee baay'een gammada" jechuun Maamaaduun BBC'tti himeera.

Imala balaafamaa kana biskiliitiidhaan raawwachuuf kan murteesse yuniversitii Masrii keessatti barnootaaf kaffaltii kaffaluu waan hin dandeenyeef, maallaqa tikeettii xiyyaaraa bitachuun gara Masrii imaluuf gargaaru waan hin qabneef akka ta’e dubbateera barataan kun.