Reeffi namaa gommaa xiyyaaraa keessaa argame

Buufata Xiyyaaraa Gaatwiik

Madda suuraa, Getty Images

Buufata Xiyyaaraa Gaatwiik kan Landanitti argamutti reeffi namaa tokko kofa gommaa xiyyaaraa keessaa argame.

Reeffi dhiira bifti isaa gur'acha ta'e kun xiyyaara Daandii Qilleensaa Tui jedhamu magaalaa guddoo Gaambiyaa, Baanjul irraa ka'ee gara buufata xiyyaaraa Suussex Lixaatti balali'ee keessatti argame.

Poolisiin Sussex akka jedhetti reeffi namicha kanaa kan argame gaafa Mudde 7 naannoo sa'aatii 04:00 GMT irratti ture.

Dubbi-himaan Buufata Xiyyaaraa Gaatwiik akkas jedhan: "Kun oduu baayyee nama gaddisiisudha. Maatiifi hiriyyoota nama lubbuun darbee kanaaf jaajjabina hawwina."

Dubbi himaan Daandii Qilleensaa Tui ammoo, "Gaafa Mudde 7 reeffi namaa Daandii Qilleensaa Tui Gaambiyaa irraa gara Landanitti balali'e keessaa erga argamee booda aanga'oota waliin ta'uun qorannoo gaggeeffamaa jiraachuu mirkaneessuun barbaada.

"Gadda guddaa nutti dhagahame ibsuu barbaadna," jedhan.

"Qodaalonni qorachaa jiru waan ta'eef HM Coroner'f gabaasni ni qophaa'a ," jedhe poolisiin Sussex.

Dubbi-imaan mootummaa Gaambiyaa gama isaatiin akka jedhetti, namni lubbuun darbee kofa gommaa xiyyaaraa keessaa reeffi isaa argame kun eenyu akka ta'e adda hin baafamne garuu dhiira bifti isaa gur'aacha ta'eedha.

Xiyyaaraan balaliin Gaambiyaa irraa gara UKtti taasifamu fageenyi isaa mayila 2,760 ykn kiiloomeetira 4,444 ta'e kallattiidhaan taanaan yeroo baayyee sa'aatii ja'aafi walakkaa fudhata.

Qaama xiyyaaraa keessa dhokatanii biyyaa bahuu: Namni lubbuun ni hafaa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoonni qaama xiyyaaraa keessa dhokatanii biyyaa ba'uuf yaalan UK keessatti du'anii kan argaman hedduudha.

Bara 2001 reeffi dargaggeessa umuriin isaa 21 ta'e Mohaammad Ayaz jedhamu Paakistaanirraa UK dhufe argamee ture. Dargaggeessi kun bakka konkolaataa dhaabbatu buufata xiyyaaraa Heathrow'tti dhiyootti damee Hoombeez kan Riichmoond keessa jiru keessatti argame.

Kun osoo hin ta'iin waggaa afur dura ammoo, namni biraan qaama xiyyaaraa keessa dhokatee baduuf ture xiyaara irraa kufee lubbuun dabeera.

Bara 2007 keessa ammoo reeffi dargaggeessa tokkoo xiyyaara Biriitish Ayirway irratti gommaa xiyyaarri ittiin qubatu keessatti argameera. Kun kan ta'e Los Anjels keessatti ture.

Hagayya 2022 ammoo reeffi nama tokkoo kofa gommaa xiyyaaraa Keep Tawon irraa dhufee Heathrow qubate keessatti argameera.

Ji'uma itti aanu ammoo, namni maqaan isaa Jose Matada umuriin isaa waggaa 26 ta'e Mozaambikirraa dhufe lixa Landan Mortlake keessatti argame.

Namni kun Angoolaa irraa dhufaa osoo jiruu xiyyaara irraa kufee bakka baayyee madaa'uun lubbuun darbe.