Naajeeriyaatti paartiin biyya bulchu duree amantaa sobaa muuduun himatame

Naajeeriyaatti aanga'oota paartii biyya bulchu "All Progressives Congress (APC)" fi miseensoota paartii "Christian Association of Nigeria (CAN)" jidduutti sagantaa Roobii Adooleessa 20, 2022 qopha'e irratti waldhadeen uumamee ture.
Garaa garumaan kun kan uumame eenyummaa duree amantaa (bishop) saganticha irratti hirmaatee ilaalchisuun ture.
Filannoo bara 2023'tti gaggeefamuuf paartin biyya bulchu APCn kaadhimamaa isaa Kaashim Shettima nama jedhamu ittaanaa pirezidaantummaaf beeksisuuf sagantaa qopheesse.
Saganticha irratti qalbii namaa kan hawwate garuu namoonni 20 ta'an uffata lubaa ufatanii argamuu isaaniti.
Sheetiman erga gaafa kaadhimamaa ta'uun isaa bekamee kaasee namoota hedduu biratti falmii kaasee ture.
Sababni isaa amantii Kiristaanaa fi Musliimaa giduutti wal kabajuun akka jiraatu hin deeggaru yaada jedhu qabu.
Paartii APC irraa pirezidaantummaaf kan dorgomu Boolaa Tinuubuun ofii isaa Musliima.
"Sheetiman dorgomaa cimaa waan ta'eef filatame. Roobii darbe dursaan amantaa saganticharratti argamuun isaanii wal ta'iinsa agarsiisa," jechuun dubbate pirezidaantummaaf kan dorgomu Tinuubun.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dureewwan amantii Kirsitaanati piishooppii jedhamanii saganticharratti warra dhiyaatan keesaa tokko Kolleejii Bishooppii Naajeeriyaa irraa akka dhufan BBC'tti hime.
Paartin "Christian Association" garuu namoota kana hinbeeknu, bishooppota sobaati jechuun falmu.
Ittaanaa pirezidaantii Paartii CAN kan ta'e Joosef Hayab BBC'tti akka himetti, bishooppiwwan Kiristaanaa sirna uffanna mataa isaanii qabu.
Namoonni bishooppii fakkatanii sagantaa paartii APC irratti dhiyaatan garuu "hojii itti bitamanii dhufan hojjachuufillee diraamaa sirriitti hin leenjine" jechuun ibsa.
Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa ture akka agarsiisutti namoonni kun uffata isaanii osoo bakka konkolaatan dhaabbatutti jiijjiranii agarsiisa. Hordoftonni amantii kiristaanas, wayyaan jarri uffatan kan sagantaa addaaf qopha'edha jechuun qeequ.
Haata'u malee, qindeessan dhaabbata duula filannoo Tinuubuu kan ta'e Baayoo Onanuga gama isaatin abbootin amantii saganticha irratti hirmaatan kan sobaa osoo hin taane waldaa gurguddaa irraa waan hin dhufneef namoota biratti beekamtii hin qaban jechuun haale.
"Abootin amantii sun kan sobaa miti, akka warri sobaan lammiilen miidiyaa hawaasaa akka amanan taasisan jehan daldaaltota moosee ykn dinnichaas miti,"jedhaOnanugan.












