Biyyoota mana yoo bitan paaspoortii biyyoota 150tti viizaa malee nama imalsiisu namaaf kennan

Naadiyaa Daayisan

Madda suuraa, Nadia Dyson

Raafamni siyaas-dinagdee Ameerikaa keessaa lammiileen biyyattii qabeenya qaban akka biyya biraa irraa lammummaa argataniifi iddoo dahoo gara biraa barbaaddataniif sababa tahaa dhufeera jedhame.

Biyyoota Kaariibiyaan kan akka Antiguwaa fi Barbuudaa, Doominiikaa, Gireenaadaa, St Kiits fi Neevis fi St Luusiyaa kan jedhaman namoota investimantii irratti bobba'aniif paaspoortii kennu.

Namni biyyoota kanneen keessatti invastimantii Doolaara 200,000 eegalee hojjete akkasuma lammummaa biyyichaa argata.

Mana bitadhu. Yoo kana goote paaspoortii biyyattii argatta.

Paaspoortii biyyoota kanneenii argannaan viizaa osoo hin gaafatamiin UK fi biyyoota Gamtaa Awurooppaa keessaa biyyoota Shegen jedhaman dabalatee gara biyyoota 150tti imaluun danda'ama.

Qabeenya ilaalchisee odolawwan kanneen keessaa gibirri kaappitaalaa fi dhaalaa dhibamuun akka isaan baay'ee barbaadaman isaan godha.

Akkasumas yerootti gibirri galii irraa citu hin fuudhamnes jira. Namoonni mana bitatan akka kallattumaan lammummaa argattu si taasisa.

Antiguwaa irraa bakka bu'oonni riil isteetii fedhii jiru akka malee dabaluu irraa kan ka'e harki isaanii wal hanqateera jedhe Naadiyaa Diisan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Inniyyuu abbaa qabeenyaa manneen jireenyaa baay'ee mijataa tahaniiti. ''Namoota mana bitan keessaa %70 kan tahan lammummaa argachuu barbaadu. Irra caalaan isaanii ammoo Ameerikaa irraati,'' jedhe.

''Isaan waliin siyaasa hin haasofnu. Garuu haalli siyaasaa Ameerikaa keessaa tasgabbaa'aa tahuu dhabuun sababa gabaa manneetii fi lammummaa biyyoota kanneenii dabalan keessaati,'' jedhe.

''Bara darbe yeroo akka kanaa mana jireenyaa qofa bitatu. Amma garuu mana waliin lammummaan barbaada jedhu.''

Antiguwaa keessa jiraachuuf eeyyamni jireenyaa dirqama miti. Kanaaf namoonni mana bitatan gariin ammuma iyyuu US irraa gara biyyoota kanneeniitti deemuun jiraachuu jalqabuu hime.

Bara darbe keessa lammiileen US biyyoota Kaaribiyaan keessa jiraachuuf iyyatan akka malee guddaa tahuu ogeessi Immigireeshinii Heenilii fi waayillan isaa himaniiru.

Yuukireen, Chaayinaa, Tarkii fi Naayijeeriyaanis kanneen jalqaba irratti argaman keessaati.

Walumaagalatti iyyanni namoota mana bituufi lammummaa argachuuf bara 2024 keessa qofa iyyatanii %12 dabaleera.

Nama paaspoortii St Kitsi qabateeru

Madda suuraa, Getty Images

Akka dhaabbata gorsaa Doominik Voolek jedhamuutti jibbi warra seem fi yakki qawween biyyichatti raawwatu dabaluun akka lammiileen biyyattii filannoo biraa jireenyaaf ilaalan isaan taasiseera.

''%10-15% kan tahan ammayyuu gara biyyoota kanneeniitti galaniiru. Irra caalaa isaaniif imaammata inshuraansii fi waan isaan mudachaa jiru gidduu filannoo jirudha. Lammummaa biyya biraa qabaachuun akka of eeggannootti isaan gargaara.''

Obbo Voolek akka jedhutti ''paaspoortii biyyoota kanneenii qabatanii gara biyya barbaadanitti viizaa malee imaluu fi nageenyi jiraachuun sababoota akka biyyoonni kunneen barbaadaman taasisan keessaati.''

Ameerika keessa warri Tiraampi hin jaalanne jiru. Gama biraan ammoo warri Rippaabilkaanotaa warraa Dimokiraatotaa hin jaalatan. Waggoota lamaan darban keessatti Ameerikaa keessa biiroo homaatii hin qabnu ture. Amma waajjira saddet Ameerikaa keessatti banneerra jedhan.

Roobart Taayilar Kaanaadaa irraa yoo ta'u Antiguwaa keessatti qabeenya bitaniiru.

Lammummaa argachuun hamma turanirratti dhorkaa taa'u dhabamsiisa qofa osoo hin taane, carraawwan biznasii jiran fayyadamuufis carraa akka kennuuf himu.

''Antiguwaa kanan file bishaan nama hawwatu waan qabduufi, namoonnis baay'uma namaa waliin waliigalu. Kunimmoo jireenya kiyya boodaaf baay'ee bareeda.''

Ta'us, sagantaan akkanaa falmiis qaba.

Sagantaan gurgurtaa paasportii bara 2012 mootummaa Antiguwaa yeroosiin yeroo ifa ta'u, yaadi isaa dinagdee biyyattii miidhame hirphuuf ture.

Yeroos mormitoonni daandiitti bahanii murtee kana akka balfan yaadatu Af-yaa'iin duraanii Giseel Ayisaak.

''Miira sabboonummaatu ture, namoonni eenyummaa keenya namoota nu hin beeknef gurguraa jirra,'' jedhan.

Hoggantoonni biyyoota Kaaribiyaan tajaajila wal fakkaataa hin kenninees murtee kana dafanii qeeqan.

Kanneen keessaa tokko Ministira Muummee Seent Viinsent fi Girineedis kan ta'an Raalf Gonsaalves.

Lammummaan ''shaqaxa gurguramu'' ta'u hin qabu jedhanii turan.

Qarqara bishaanii Antiguwaa
Ibsa waa'ee suuraa, Qarqara bishaanii Antiguwaa

Hawaasi idil -addunyaa biratti to'annoon yoo cimuu baate yakkamtoonni akka carraa kanatti fayyadaman taasisuu mala jedhamee sodaatama.

Gamtaan Awurooppaa biyyoota Kaaribiyaan namoonni dolaaraa kuma 200 irraa eegalee yoo invast tolchan lammummaa kennaniif viizaa malee akka isaanitti hin seenne taasisuuf dhaadataniiru.

Ameerikaanis adeemsi akkanaa taaksii dhoksuufi yakka faayinaansii raawwachuuf akka hin oolle yaaddoo ibsiteetti.

Dubbii Himaan Komishinii Gamtaa Awurooppaa biyyoota Kaaribiyaan shan paasportii namatti gurguran - jechuunis Antiguwaafi Baarbudaa, Dominikaa, Girenaadaa, Seent Kiits fi Neevis akkasumas Seent Luushiyaa ''hordofaa'' akka jiran himani.

Dabaluunis, erga bara 2022 biyyoota kana waliin mari'atamaa akka jiru dubbatani.

Biyyoonni Kaaribiyaan shanan gama isaaniin kanneen viizaa isaanii bitachuuf iyyatan sirriitti hin ilaalan himata jedhuun mufachuu dubbataniiru.

Biyyoonni kuni paaspoortii gurguranii maallaqa walitti qaban erga rakkoon uumamaa dhalatee booda qarqara bishaanii qulqulleessuufi kaanirra akka oolchan himan.

Ministirri Muummee Antiguwaa Gaaston Biroowni maallaqi walitti qabame biyya isaanii kasaaraa guddaarraa akka isaan oolche himan.