Sadarkaa paaspoortii biyyoota addunyaa bara 2025n kan Itoophiyaa maalirratti argama?

Paaspoortii Itoophiyaafi kan addunyaa

Madda suuraa, henleyglobal/SOCAIL and Getty Images

Bara 2025 keessa, sadarkaan humna paaspoortii biyyoota addunyaa hedduun jijjiirameera.

Biyyoonni hangi tokko sadarkaa bara darbe irra turan akkuma qabatanitti jiru. Kaan ammoo sadarkaan isaanii kan gadi bu'e yoo ta'u, kan sadarkaan isaanii guddates jiru.

Dhaabbanni The Henley Passport Index jedhamu sadarkaa addunyaatti toora imalaafi sadarkaa paaspoortii waggaa waggaatiin baasa.

Waldaan Geejjiba Qilleensaa Idil-addunyaa (IATA) akkaataa salphaatti biyya barbaadanitti ittiin imaluu danda'aniin tarreeffamaafi sadarkaa biyyoonni addunyaa qaban kana ni maxxansa.

Bara kana biyyoonni Eeshiyaa dinagdeefi tekinooloojiin baayyee guddatan akka tarreeffama Henley Passport baase kanaatti gara duraa qabataniiru.

Tarreeffamni sadarkaa paaspoortii biyyoota addunyaa kun waggaa waggaatti osoo hin maxxanfamiin dura dhaabbataadhaan irra deddeebiin kan haareffamaa deemu yoo ta'u, biyyoota addunyaarra jiran 199 dabalata.

Biyyi ardii Eeshiyaarratti argamtu, Singaappoor, paaspoortiin ishee guutummaa addunyaarratti gara biyyoota 193 ittiin imaluu danda'uutiin sadarkaa tokkoffaa qabatteetti.

Biyyoonni Eeshiyaa biroo lama-Jaappaan fi Kooriyaan Kibbaa ammoo paaspoortii biyyoota addunyaa 190tti ittiin salphaatti imaluu danda'an qabaachuun waliin sadarkaa lamaffaa qabataniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyyoonni Awurooppaa baayyeen Deenmaark, Finlaand, Faransaay, Jarmanii, Ayerlaand, Xaaliyaan fi Ispeen dabalatee sadarkaa sadaffaa qabataniiru.

Paaspoortii biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa (EU) toorban kanneeniin gara biyyoota 189tti salphaatti imaluun ni danda'ama.

Sadarkaa kanaan Yunaayitid Kingidam (UK) sadarkaa ja'affaarratti argamti. Paaspoortiin UK bara 2013 hanga 2015tti biyyoota addunyaatti ittiin imaluuf walitti aansuun baayyee sadarkaa gaariirra ture. Erga EU irraa baateen (Brexit) booda garuu laafaa dhufe.

Amma paaspoortii UKtiin viizaarraa bilisaan gara biyyoota 186tti imaluun ni danda'aman.

Seenaa keessatti waggaa 20 darbe keessatti paaspoortiin Yunaayitid Isteeti (US) ramaddii sadarkaa bara kanaatiin biyyoota 10 sadarkaa jalqabaa keessa jiran keessaa kufeera.

Paaspoortiin US biyyoota akka Ayislaand fi Liweeniyaa waliin ta'uun sadarkaa 10ffaa qabateera.

Bara kana namni paaspoorti US qabate tokko viizaa malee biyyoota addunyaa 182tti imaluu danda'a.

Biyyoota Afrikaa keessaa sadarkaa jalqabaa kan qabatan Siishels, Moriishees fi Afrikaa Kibbaa yoo ta'an, akka Afrikaatti sadarkaa 1 hanga 3ffaa qabataniiru. a

Siishels paaspoortii biyyoota addunyaa 156tti viizaarraa bilisa itti imaluun danda'amu qabdi.

Imalaan paaspoortii Moriishes qabate tokko ammoo viizaarraa bilisaan biyyoota addunyaa 149 deemuu ni danda'a.

Sadarkaa Afrikaatti biyyoonni akka Ertiraa, Liibiyaa fi Somaaliyaa paaspoortii gadi bu'aa ta'e qabu. Biyyoonni kunneen sadan paaspoortii viizaarraa bilisaan biyyoota addunyaatti imaluudhaan ardittiirratti sadarkaa dhumaarra jiru.

Itoophiyaafi biyyoota Afrikaa Bahaa

Biyyoonni Afrikaa Bahaa keessa jiran hangi tokko paaspoortii biyyoota baayyeetti salphaatti viizaa malee itti imaluu danda'an qabaachuun fooyya'insa agarsiisaniiru.

Baha Afrikaa keessatti Keeniyaan biyya paaspoortii biyyoota addunyaa baayyeetti salphaatti ittiin imalan qabaachuun sadarkaa tokkoffaarra jirti.

Akka addunyaatti paaspoortiin Keeniyaa 69ffaarra kan jiru yoo ta'u, lammileen paaspoortii Keeniyaa qaban viizaarraa bilisa gara biyyoota addunyaa 71tti imaluu danda'u.

Tanzaaniyaan addunyaartratti sadarkaa 70ffaa qabachuun Keeniyaatti aantee jirti. Lammileen paaspoortii Taanzaaniyaa qabatan osoo viizaa hin gaafatamiin gara biyyoota addunyaa 70 deemuu ni danda'u.

Yugaandaan ammoo addunyaarratti sadarkaa 71ffaa qabatteetti. Paaspoortii Yugaandaatiin viizaa malee gara biyyoota 67 deemuun ni danda'ama.

Biyyi xiqqoo Gaanfa Afrikaa kan taate Jibutiin biyyoota addunyaa 47 viizaarraa bilisa seenuu danda'uun sadarkaa 87ffaa qabatteetti.

Itoophiyaan ammoo akka sadarkaa paaspoortii biyyoota addunyaa bara 2025 Henley Passport Index kanaatti 88ffaarratti argamti.

Namni paaspoortii Itoophiyaa qabate tokko osoo viizaa hin gaafatamiin biyyoota 45 qofa deemuu danda'a.

Dhaabbanni waggaa waggaan jabina paaspoortiiwwan biyyootaa baasu kanatti bara 2024 keessa Paaspoortiin Itoophiyaa sadarakaa 93ffaa irra ture.

Kana jechuun paaspoortiin Itoophiyaa kan bara darbeerra bara kana fooyyee agarsiiseera jechuudha.

Somaaliyaan sadarkaa bara darbe (2024) bahe kan 106ffaarra ture fooyyeeffatteetti.

Akka sadarkaa bara kana baheetti, lammileen paaspoortii Somaaliyaa qabatan viizaa malee biyyoota 32 daawwachuu danda'auun sadarkaa 96ffaa qabachuu dandeesseetti.

Biyyoonni afur, Sooriyaa, Afgaanistaan, Yaman fi Iraaq bara kana sadarkaan isaanii kan Somaaliyatiin gadi ta'eera.

The Henley Passport Index maali?

Muuxannoo waggoota 25 kan qabu dhaabbanni The Henley Passport Index jedhamu kun, addunyaarratti tajaajila gorsaatiin isa guddaadha.

Dhaabbanni kun lammileen biyyoota gara garaa hangam addunyaarra bilisaan socho'uu akka danda'an ilaaluun sadarkaa paaspoortii biyyootaa baasa.

Kana jechuun, namni paaspoortii biyya isaa qabate tokko osoo viizaa hin gaafatamiin bilisaan gara biyyoota addunyaa meeqatti imaluu danda'a kan jedhu ilaale madaaluun waggaa waggaan sadarkaa baasa.

Kanaanis paaspoortiiwwan biyyoota addunyaa 199 ilaalee sadarkaa baasa jechuudha.