Baqataan Itoophiyaa miidhaa saalaa raawwate dogoggoraan mana hidhaatii bahe poolisii UK'n adamfamaa jira

Madda suuraa, Essex Police
Ingilaand keessatti daa'ima umriin hin geenye irratti miidhaa saalaa raawwachuun yakkamaa kan ta'e lammiin Itoophiyaa dogoggoraan mana hidhaatii bahe jechuun poolisiin barbaadamaa jira.
Yakkamaan Haddush Gebreselasse jedhamuu fi lammii Itoophiyaa ta'e dhuma bara darbee seeraan ala UK seenee shamarree waggaa 14 fi dubartii tokko irratti haleellaa saalaa raawwachuun booda to'annoo jala oole.
Faransaay irraa bidiruu xiqqoodhaan UK kan dhufte Hadush, magaalaa Epping keessatti shamarree umuriin hin geenye tuquufi dhungachuuf yaaluun yakkamee hidhaan waggaa tokkoo erga itti murtaa'ee booda walakkeessa baatiiFulbaanaa keessa dogoggoraan mana hidhaatii bahe.
Namni kun gadhiifamuu isaa jalqaba gaazexaa 'The Sun' jedhamu kan gabaase yoo ta'u, poolisiin irra deebi'ee isa to'achuuf barbaadaa jira.
Maddeen mana hidhaa akka jedhanitti Hadush UK irraa ari'amuuf karoorfamuun dura gara bakka tursiisa baqattootatti ergamuuf ture.
Sirreefamaan seeraa lammiin Itiyoophiyaa gadhiifamuu hordofuun bulchiinsi mana sirreessaa taatee kana irratti qorannoo kan eegale yoo ta'u, hanga bu'aan qorannoo kanaa ba'utti poolisiin tokko hojii irraa dhorkameera.
Hadush himannaa kanaan to'annoo jala ooluu isaa hordofuun jiraattonni hoteela baqattootaa bakka inni keessa tureen alatti hanga poolisii waliin walitti bu'utti hiriira gaggeessaa turaniiru.
Hadush haleellaa saalaa lamaan yakkamaa ta'e kan irratti murtaa'e yoo ta'u baatii Waxabajjii keessa intala umuriin ishee hin geenye unifoormii mana barnoota uffattu dhungachuuf yaaluu fi yaada saalqunnamtii hedduu ishee irratti kennuudhaan mana murtiitti himatame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Guyyaa itti aanutti shamarree waggaa 14 kanaan wal argee osoo saalqunnamtii hin raawwatin dura ishee dhungachuuf yaale. Akkasumas dubartii iyyata hojii isaaf isa gargaaruuf yaaltu irratti miidhaa saalaa raawwachuu isaatiin himatame.
Walakkeessa baatii Fulbaanaa keessa himannaa kana kan amane Haddush, hidhaa waggaa tokkoo fi miidhaa saalaa dabalataa akka hin raawwanneef waggaa shaniif dubartii kamiyyuu waliin akka walitti hin dhiyaanne dhorkamee ture.
Akkasumas galmee yakkamtoota saalaa waggaa kudhaniif akka mallatteessuu fi yeroo hunda akka mallatteessuu ajajameera.
Dubbi himaan Tajaajila Mana Sirreessaa akka jedhanitti, "Hidhamtichi dogoggoraan erga gadi lakkifamee booda hatattamaan qabamee gara mana hidhaatti akka deebi'u poolisii waliin hojjechaa jirra."
"Uummata eeguun hojii keenya isa olaanaa waan ta'eef hidhamtichi akkamitti akka miliquu danda'e qorannoo jalqabneerra."
Barreessaan haqaa UK Deeviid Laamiin haala hidhamtichi mana hidhaatii ba'uu isaatiin "gadi guddaan itti dhaga'amuu" dubbataniiru.
"Poolisii waliin ta'uun nama dhuunfaa kana hatattamaan to'annoo jala oolchuuf hojjechaa jirra, dhimmicha irrattis qorannoon hatattamaa akka gaggeeffamu ajajeera," jechuun fuula Feesbuukii isaanii irratti barreessan.
"Haduush daandii keenyarra ta'uu hin qabu; "Yakka raawwateef biyyaa ari'amuu qaba," jedhan qondaalli kun
Miseensi paarlaamaa naannoo sana bakka kan bu'u Marihe Goldman akkamitti namichi kun dogoggoraan akka gadhiifame qorannoon ummataa saffisaan akka gaggeeffamu gaafataniiru.
"Kun nageenya namoota ani bakka bu'u balaadhaaf saaxiluu waan ta'eef guutummaatti fudhatama hin qabu," jedhan miseensi paarlaamaa kun. Akkamiin ta'uu akka danda'es "mana sirreessa irraa deebii barbaada." jedhan
Hoggantuun paartii Konsarvaatiivii Kiim Joong-un miliquu hidhamaa kanaa fayyadamuun paartiin biyya bulchu ''sirni biyyattii guutuun Paartii biyya bulchu jalatti cabuu isaa mul'isaa'' jechuun himatan.
Hogganaan Partii mormituu Reform UK Nigel Farage, yakkamaan [Hadush] amma daandii magaala Essex irra akka barbaadetti socho'aa jira. UK'n rakkoo keessa jirti" jechuun paartii biyya bulchu irratti duulaniiru
Dhimmi lammii Itoophiyaa Haduush, kan miidhaa saalaatiin himatame, mormii walduraa duubaan kan kaase yoo ta'u, amma immoo dogoggoraan mana hidhaatii bahuun isaa namoota siyaasaan filannoo dhufu irratti Paartii Laaboor biyya bulchaa jiru irratti duuluuf itti fayyadamaa jiru.