Baqataan Itoophiyaa UK'tti haleellaa saalaa raawwachuun himatame hidhaan adabame

Madda suuraa, Essex Police
Baqataan Itoophiyaa halleellaa saalaa UK keessatti raawwateefi ijoo dubbii ta'ee ture hidhaan waggaa tokko itti murame.
Yakkamaan Haddush Qibaatu jedhamu shamarree waggaa 14 fi dubartii tokko irratti haleellaa saalaa raawwachuun adabame.
Nami kuni shamarree tuquufi dhungachuuf yaaluun yakkamaa ta'e.
Manni murtii magaalaa Kolchistar kana dura nami kuni badii rawwateera jedhee ture.
Abbaan seeraa yakkamaa ta'u isaa ibsan Hadduush Afaan Ingilizii akka hin beeknu ibsuun dhibeen sammuu akka isa qunnameefi dubbachuuf akka rakkate dubbatani.
''Irra deddeebitee boosseetta, qaana'eeras jetteetta yakkamaa ta'un akka sitti dhagahamu fi kan ati qaanoftees waan raawwatteen osoo hin taane dhiibbaa wanti raawwatte sirraan gahedha,'' jechuunis himani.
''Umriin ishee 14 akka ta'e bartee turte. Isheefi hiriyyoonni ishee uffata danbii uffachuu isaaniis agarteetta,'' jechuunis daanyaan kuni dubbataniiru.
Isheen ''amala ati agarsiifteen gammachuu akka hin qabne ifa gootus, ati garuu guddattoota faana bu'uu hin dhiifne,'' jedhaniiru.
Wanti mudate shamarree yuniformii uffatte sanaaf ''waan hin tolleefi nama dhukkubsu'' akka ta'e himan.
Yakkamaan ibsa baaseen ''yeroon hiriyyoota kiyya ala bahu ofan shakka,'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qibaatuun haleellaa saalaa lamaan yakkamaa ta'e kan irratti murtaa'e.
Fedhii ishee malee gocha saal qunnamtii keessa akka seentuufi haleellaa saalaa raawwachuuf yaaluun keessa jiru.
Lammiin Itoophiyaa kuni bidiruu xiqqoon UK seenee guyyoota saddeet booda shamarree tokkoorratti haleellaa saalaa raawwate.
UK seenuufis Sudaan, Liibiyaa, Xaaliyaaniifi Faransaay keessa baheera.
Haddush karaa al-dileetiin A L I Waxabajji 22, 2027 Yunaayitid Kingidam kan seene yoo ta'u, to'annoo jala kan oolfame ammoo guyyaa saddet booda Adoolessa 1 ture.
Namni kun bkka namoonni kolu-galtummaa gaafatan Beel Hoteel keessa jiraata ture.
Qoccolloo saalaa kanas raawwate kan jedhame hiriyyoonni manneen-barnootaa walitti qabamanii taa'aa turan kan jedhame magaalaa Eepping keessattidha.
Haduush magaalaa Esiiks jedhamtu keessatti naannawa buufata baqattootaa keessa jiraatutti dubartootarratti haleellaa saalaa raawwachuun himatamee dhimmisaa manni murtii ilaalaa jira.
Taaten kun ammoo lammiilee UK biratti dheekkamsaafi mormii kaasee jira. Baqattoonni hoteela keessa buufatan keessaa akka bahan akkasumas magaalattii keessaa akka baafamaniif lammiileen biyyattii mormii gaggeessuun gaafataniiru.
Bakkeewwan biroo hedduttis taateen akkasii mudachuu mala kan jedhu yaaddoo uumee jira.
Kibxata, Hagayya 26, Haduush irra deebin mana murtiitti dhiyaachuun yakkicha hin raawwanne jedhee falmatus, ijoollee dubaraa ganna 14 lamafi umuriinsaanii hin geenye "ijoolleen isinirraa godhachuu barbaada" jechuun dhungachuuf yaalee ture kan jechuudha.
Kana hordofee namoonni baqattoota mormaniifi kanneen baqattoota deeggaran naannoo baqattoonni jiraatan "The Bell Hotel" jedhamu hiriirri gaggeeffamaa ture.

Madda suuraa, PA Media
Dabalataanis itti gaafatamaan mana maree bulchiinsa naannoo hoteelli baqattoonni keessa qubsiifaman akka cufamuuf gaafateera.
Himatamaan Haduush jedhamu kun nama ganna 41 yoo ta'u, bidiruudhan gara UK galuutu himama.
Biiroon Immigireeshinii UK akka beeksisetti, Haduush Waxabajjii 22, 2017 ALItti biyyattii akka seenefi achi gahee guyyaa torbaffaatti yakka kana raawwate.
Shaamarreen haleellaan saalaa irratti raawwatame jedhamte ganamasaa poolisiitti beeksisuun dubbichi dhagahamuun ammoo jiraattota magaalaa Esiks dheekkamsiisuun hiriira mormii akka bahan isaan taasiseera.
Baqataan Itoophiyaa kun yakka haleellaa saalaa dubartii umuriin hin geenyerratti raawwate jedhamuu hordofee ji'a darbe namoonni kumaan lakkaa'aman hiriira mormii dhageessisaa turuusaanii poolisiin naannichaa beeksise.
Hiriirri lammiileen UK magaalaa Esiks keessatti gaggeessan kun baqattoota kan mormu qofa osoo hin taane, kan deeggarus ture. Hiriirriwwan kunneen guyyoota itti aananiis akka gaggeeffamu ibsameera.
Kanneen hiriira mormii gaggeessan "dubartoota keenya baqattoota biyya alaarraa eegaa" dhaadannoo jedhu dhageessisaa turan.
Hoteelli baqattoonni keessa qubatan akka cufamuuf iyyanni mana murtiitti dhiyaate ammaaf fudhatama hin arganne.












