Keeniyaatti 'barri dhumaa dhiyaateera' jedhanii osoo soomanii namoonni du'an 60 qaqqabe -Poolisii

Madda suuraa, REX/SHUTTERSTOC
Keeniyaatti reeffa namoota 60 baarri dhumaa dhiyaatera jedhanii soomarra jiranii du'anii bakka awwaalamanii arguu poolisiin biyyattii beeksise.
Poolisiin Keeniyaa bulchiinsa Maliindii keessatti reeffa namoota otoo soomanii du’an jedhamee shakkamu qotanii baasan.
Poolisiin akka jedhetti namoota reeffisaanii argame keessa reeffi daa'immaniis jira.
Reeffa namoota haala kanaan du’an jedhame shakkamuu qotanii baasuun itti fufeera.
Reeffi namoota 60 kun awwaala jumlaa 14 keessaa arguu ibse poolisiin.
Torban darbe miseesota waldaa ’Good News International’ jedhamu bosona Shakaholaa jedhamu keessaa reeffi miseensota waldichaa 15 argame.
Poolisiin reeffaa namoota dhiyootti awwaalamanii qotee kan baase Paastariin tokko hordoftoota isaatiin ‘’barrii xumuraa dhiyaatera, otoo soomtanii Iyyaasuus Kiristoos eegaa,’’ erga jedhee, addatti bahanii utoo soomanii namoonni du’uu hordofee dhimmicha wayita qoratanitti reeffii namootaa argame.
Torban tokko dura Baha Keeniyaa bulchiinsa Kilifii keessatti miseensonni waldaa ’Good News International’ afur beelaan du’anii, namoonni hedduun ammoo laafaanii bosona keessaa argaman.
Lallabaan waldaa kiristaanaa Paastar Makeenzii Niteengee to’annoo poolisii jala jira, garuu du’a namoota kanaaf itti hin gaafatamuu jedhee falma.
Makeenziin waldaa ’Good News International’ jedhamu kana bara 2019’n cufe jedha.
Haata’u malee, hordoftoota isaatti ‘’gooftaa Iyyaasusiin arguu yoo barbaaddan soomaa,’’ jedhee itti himeera.
Hordoftoonni isaa kunneen kan inni itti hime erga raawwatanii booda beelaan dhuman.
Poolisiin amma yoonaatti reeffa namoota 21 argachuu ibsuurra kan darbe taatee kanaan walqabatee namoonni hangamii akka du’an sirnaan hin beekamu.
Miidiyaan biyyaaleessa Keeniyaa KBC’n garuu iddoowwan awwaala 58 adda baafamu gabaase. Awwaala tokko keessatti miseensonni maatii tokko lakkoofsan shan ta'anitu argama.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Paastar Makeenziin kan to’atame torban tokko dura reeffi namoota beelaan du’uu hin oolle jedhamee shakkamu shan argamuu hordofuun ture.
Qondaalli naannichaa Viktar Kaahudoo jedhamu: "Bosona seennee Fannoo dheeraa dhaabate wayita arginu, namoonni jalasaatti awwaalaman shan qofa akka hin taane barre,’’ jedhan.
Sababni ijoon du’a namoota kanaaf ka’umsa ta’e beela ta’uusaa mirkaneeffachuuf qorannoo DNA ykn qaccee saamuda reeffarra fudhatameerratti akka gaggeeffamu gaazexaan Keeniyaa Za Istaandard gabaasera.
Gaazexaan kun akka jedhutti Paastar Makeenziin mandara naannichaa sadii Naazireet, Beeteliyeem fi Judihaa jedhee erga moggaase booda hordoftoota isaa bishaaniin cuuphee soomaa jedheen.
Haala kanaan namoonni lallaba paastarootaa dhaga’anii soomaafi qajeelfama isaan kennan biraatiin biyyoota garaa garaatti lubbuu dhabuun kun kan jalqabaa miti.
Torban muraasa dura Moozaambikitti paastariin tokko akka iyyasuus guyyoota fi halkan afurtamaaf soomuuf yaalee, laafee erga hospitaala qaqqabee lubbuu dhabuusaatu yaadatama.












