Samuudni kiniinii dhiira dhala dhorku dhugoomuu mala-Saayintistota

Ispeermii

Madda suuraa, Getty Images

Kiniiniin dhiiraa dhala dhorkuu danda’uu dhugoomuu mala jedhan saayintistonni. Oyeeyyiin kun kiniinii seeliin isparmii akka hin imalle godhu arganneerra jedhan.

Yaaliin hantuuta irratti taasifame akka agarsiisutti isparmiin qoricha kanaan sa’atii muraasaaf hadoodee gatii turuuf hanqaaquu bira akka hin geeenya taha.

Kiniiniin kunis sirna hormoonii dhiiraan kan hojjetu miti.

Namatti otoo hin darbiin dura illeettii irratti yaalii baayyee gochuuf karoorafamaa jira.

Yaadnisaa namni fayyadamu saal-quunnamtii gochuun sa’atii tokko dursee fudhata, achiin kiniinichi yeroo hojjechuu dhaabuufis sa’atii qabata jechuu dha.

Kiniinii dubartootaa dhala dhorkaniin addatti inni kuni sirna hormoonii qaamaa waliin hidhata hin qabu.

Faayidaa qoricha amma yaalaa jiran keessaa tokko kana, sababiinsaas hormoonni dhiiraa testestiroon jedhamutti bu’uun hanqina hormoniin kanaan rakkoo biraa cinatti hin fidu jedhu saayintistonni.

Akkamiin hojjeta?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kiniiniin kuni kan irratti xiyyeefatu pirootinii seelii soluble adenylyl cyclase ykn sAC jedhamu dha. Innis sAC kana dhorkuudhaan hojjeta.

Bu’aan qorannoo yaalii hantuuta irratti taasifame Institiyuutii Fayyaa US’n deeggaramu kuni barruu Nature Communications jedhamu irratti bahe.

Dooziin qeenxee qoricha TDI-11861 jedhamu kanaa isparmiin yeroo saal-quunnamtiin taasifamu akkasumas duraafi boodaafi akka hin sochoone godheera.

Haala kanaanis sa’atii sadiif kan ture yoo tahu, sa’atii 24 booda garuu qorichi kuni dhumee isparmiin akka haaraatti hojii eegaleera.

Saayintistoota kunneen keessaa tokko kan tahan Dr Melaanii Baalbaach , Yunivarsiitii Weel Koorneel, Nuuw Yoork irraa kiniinii fayyadamuuf salphaa taheefi yeroo qaama keessaa dhumu isparmiin akka haaraatti hojii jalqabuun abdii agarsiiseera jedhan.

Yaalii booda ilmaan namaa irratti yoo hojjeteef dhiiroti yeroo barbaadamutti fudhachuu danda’au jedhan. Dhimma wal-hormaata isaanii irratti murtoo guyyuu fudhachuus danda’u jedhan.

Haa tahu malee kiniiniin kuni dhukkuboota saal-quunnamtiin daddarban irraa nama hin eegu. Isaaf kondomii keewwachuun barbaachisa jedhan.

Piroofeesra Alaan Paasiin immoo Yunivarsiitii Shafiilditti dhukkuba dhiirota wajjin wal-qabatu qoratu.

''Kiniinii dhiiraa dhala ittiin to’atan kan afaaniin yeroo barbaadamutti fudhatamu argachuuf fedhii guddaatu jira, yeroo dheeraaf yaaliin garaagaraa taasfamus hamma yoonaa kan gabaattii bahe hin jiru,’’ jedhan.

''Malli ammaa kuni inzaayimii isparmii sochiif gargaaru hadoochuun hojjechuunsaa waan dinqii dha. Takkaa erga raawwateen booda yeroo gabaabaa keessatti immoo iddootti deebi’uun immoo baayyee nama gammachiisa,’’ jedhan.

''Yaaliin kuni ilmaan namaa irratti akka hantuuta irratti hojjete yoo hojjeteef, kiniin dhiirotaa dhala dhorku isa barbaadaa baane sana taha jechuu dha,’’ jedhan.

‘’Yaalii dabalataa isparmii namaa irratti laaboraatorii keessatti hojjetameenis, haala wal-fakkaataan milkaa'inaan hojjeteera. Kunis nama irratti yaalii akka taasisanuuf waan akeeku dha,’’ jedhan.

Gama biraan ammo qorattoonni karaattii isparmii imala hanqaaquu bira gahuuf taasisu dhaaban barbaadaa jiru. Innis pirootinii qaama isparmii irra jiru akka hin sochoon gochuuni.