Chaayinaan Kiristaanota 30 hidhuun yaaddoo uume


Jiin Mingirii Kiristaanota 30 torban kana hidhaman keessaa tokkodha

Madda suuraa, Reuters

Jimaata darbe Girees Jiin Direekseel abbaashee paasterii beekamaa Chaayinaa keessa jiru, Jiin Miingirii, irraa paasteriin tokko achi buuteen isaa dhabamuu hordofee akka kadhatamuuf ergaan gaafatu ishee qaqqabe.

Ergaan sun akka jedhutti paasteriin biraa osoo magaalaa gara kibba biyyattii jirtu Shenzeen jedhamtu daawwachuu deemee hidhamee ture.

"Kun ta'ee osoo hin turiin, haati kiyya naaf bilbiltee abbaa kiyya argachuu akka hin dandeenye natti himte," jechuun BBC'tti dubbatte Ameerikaa kan jiraattu Jiin Direekseen.

Sa'aatii muraasa keessatti, Mr. Jiin akkuma Paasterii isa kaanii humnoota nageenyaa Chaayinaatiin to'atamuu maatiin hubatan.

Tarkaanfiin mootummaa Chaayinaa ammaa kun kan waggoota kudhan darban keessa fudhatame keessaa isa guddaa ta'uu aktivistoonni ni dubbatu.

Torban darbe gara dhumaa qofa Kiristaanonni 30 Waldaa Kiristaanaa Tsiyon Paaster Jiin Miingiriin hogganamtu waliin hariiroo qabu jedhaman hidhamaniiru.

Waldaan Kiristaanaa Tsiyon Paaster Jiin Miingiriin hundeeefamte.

Mootummaan Chaayinaa miseensa tokkummaa Kiristaanotaa waaqeffannaa manaa manattii gaggeeffachun beekaman adamsanii to'annoo jala oolchuu eegaluun ibsama ajira.

Chaayinaan seera haaraa manneen amantaa dhoksaan socho'an ilaallatu baasuushee aktivitoonni ni dubbatu.

Kana hordofees ji'oota dhiyoo asitti miseensota waldaaleen Kiristaanaa kanneenirra dhiibbaan guddaan irra gahaa jiraachuu beeksisaniiru.

Chaayinaan paartii amantaa hin qabne Komunistiin hogganamtullee, lakkoofsa ummataa amantaa Kiristaanaa hordofan guddaa ta'e qabdi.

Akka lakkoofsa mootummaan dhiyeenya kana ifa godhe agarsiisuutti, biyyattii keessa hordoftoonni amantaa Pirotestaantii miliyoona 38 ta'aniifi Kaatolikiin miliyoona 6 ta'u ni jira.

Chaayinaa keessa pirotestaantii miliyoona 38 ta'aniifi Kaatolikiin miliyoona 6 ta'u ni jira.

Madda suuraa, Getty Image

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lokkoosi kun garuu ifatti Chaayinaafi paartii Komunistiif amanamummaa isaanii ibsanii galmaa'anii kan socho'an miseensota Kaatolik Paatiriyoot Assooseeshin fi Ze Pirotestaand Sirii Self Paatiriyootiks Muuviment qofaadha.

Falmitoonni mirgoota namoomaafi beektonni manneen amantaafi tokkumaan manaa manarra deemuun waaaqeffatan ilaalcha biyyattiin ittiin bultu kanneen hin fudhanne miliyona hedduutti lakkaa'aman jiru jedhanii tilmaamu.

Manneen amantaa kunneen to'annoo garee amantaalee kanneenirrirratti taasisu cimsuuf tarkaanii mootummaan Chaayinaa waggootaf fudhachaa tureen miidhaan gara garaa isaanirra gaheera.

Isaan keessaa gamoowwan mana amantaa diigamaniiru; fannoon ija ummataa duraa akka dhokatan taasifamaniiru.

Kitaabonni amantii fi meeshaaleen biroo haalaan kan to'ataman yoo ta'u, appilikeeshiniiwwan Kiristaanaa tokko tokko Chaayinaa keessatti dhorkamaniiru.

Mootummaan bara 2005 akkasumas bara 2018 dambiiwwan gareewwan amantii irratti baase cimseera.

Bara 2016tti hogganaan Chaayinaa Xi Jinping Kiristaanonni ''aadaa Chaayinaa keessatti akka makaman'' gaafataniiru.

Manneen amantaa warri akka Tsiyoon seera bara 2018 waaqeffannaa ummataa gaggeessuuf hayyama mootummaa gaafachuun miidhaman keessaa tokko.

Sababa kanaan, hedduun isaanii tajaajila waaqeffannaa ummataa dhaabuu fi tajaajila isaanii toora interneetii irratti dhiyeessu ykn cufuuf dirqamaniiru.

Waggaa itti aanus Paastaroonni beekamoo ta'an hedduun to'annoo jala oolanii hidhaan itti murtaa'eera.

Ji'oota darban keessa aanga'oonni Chaayinaa seera kana cimsuun isaanii dabalaa dhufeera.

Bara darbe Caamsaa keessa, paastariin waldaa Tsiyoon Ifaa, Gaa'oo Kuwaanfuu, "seera kabachiisuu gufachiisuuf gocha hafuuraa fayyadamuun " to'annoo jala oole.

Ji'a itti aanutti miseensonni Waldaa Linfen Golden Lampstand hedduun himannaa hannaatiin to'annoo jala oolayinii hidhaan itti murtaa'eera.

Falmitoonni mirgaa hidhamtoota kana himannaa sobaa jechuun kuffisaniiru.

Ji'a Fulbaanaa keessas aanga'oonni seera naamusaa gareewwan amantiif toora interneetii irratti akka ba'an beeksisaniiru.

Dambichi tajaajilli waaqeffannaa oonlaayinii gareewwan galmaa'anii fi hayyama qaban qofaan gaggeeffamuu akka qabu tumameera.

Namoonni hedduun kun sochii gareewwan amantaa taasisan ukkaamsuuf yaaliin godhame ta'uu amanu.

Ji'oota muraasa darban keessa miseensonni Waldaa Kiristaanaa Tsiyoon poolisiin gaafatamaa turan jetti Jiin Diireekseel.

Beejiingii fi Shaangaayii dabalatee magaalota biyyattii 10 keessatti dhaabbilee amantaa irratti sakatta'iinsa Jimaataa fi Sanbata jalqaban.

Bakka waaqeffannaasaa isa guddaa bulchiinsa Guwaangziirraa kan fudhatame Jiin alatti, paastaroonni, tajaajiltoonni fi miseensonni waldittii biroo akka hidhaman waldaan kun ibsiteetti.

BBC'n ajaja hidhaa ofiisaa Biiroo Nageenya Uummataa Beehaayiin Jiin irratti baase koppii isaa argateera.

Jiin yeroo ammaa mana hidhaa Beehaayiin lakkoofsa lama keessatti kan hidhame yoo ta'u, "seeraan ala neetworkii odeeffannoo fayyadamuu" jedhamuun shakkamee hidhamee jira.

BBC'n aanga'oonni naannoo hidhamuu isaa akka mirkaneessaniif gaafateera.

Miseensota waldaa hidhaman keessaa tokko tokko kan gadhiifaman ta'ulleen, baayyeen isaanii ammallee mana hidhaajiru.