Ilmi namaa waggaa tokkoof Maarsiirra osoo ture jireenyisaa maal fakkaachuu mala?

Madda suuraa, NASA
Waggoota muraasaan dura imalli gara pilaaneetii diimtuu Maarsiitti taasifamu fiilmii qofaan argaa turre.
Har'a garuu teknolojiin hammayyaa'ee, beekumsiifi fedhii saayintistootaaf dabaluun imalli gara Maarsiitti taasifamuuf haalli jira.
Haala haalduree fakkaatu kanaan ilmaan namaa gara Maarsiitti imaluudhaaf osoo ka'anii imalli dheeraa fi eddoo mijataa hin taane jiraachuuf baruudhaaf namoonni afur bakka fakkaattoo Maarsiin tolfametti waggaan dura ergamanii ture.
Turtiin waggaa tokkoo Maarsii lammiilee Ameerikaarraa kan ta'an Keelii Haastan, Rool Baarookweel, Naataan Joons fi Akaan Seelaariiye maal fakkaata ture?

Madda suuraa, MARK FELIX/AFP /AFP via Getty Images
Saayintistoonni Naasaa jidduugala qorannoo hawwaa Hiyustan Teeksaas keessatti argamutti, gara fuulduraatti qorattoonni gara Maarsii yeroo imalanitti waan mudachuu danda'u, akkasumas jireenyisaanii maal fakkaachuu akka danda'u agarsiisuuf fakkaattii Maarsii uuman.
Qorattoonni afur gara fakkaattoo Maarsi hojjatametti ergamanis waggaa tokkoof achi turaniiru. Yeroo sanatti qorattoonni fayyina qaamaa fi sammuu namoota arfan kanaa itti dhiheenyaan hordofuudhaan dirqamawwan garaa garaa akka bahaniif ajajaa turan.
Namoonni arfan yeroo dhumaatiif erga samii arganii waggaan darbeera. Firoota isaan jaallataniin adda bahuun baatii 12 dabarsan.
Guyyoota 370f addunyaa mara irraa gargara bahuun haala Maarsiirra jiraachuun itti danda'amu keessa turan. Turtiin kunis qophii duraa imala hawwaatiif Naasaan taasise keessaa isa dheeraadha.
Kaayyoo ijoon qorannoo kanaa imala hawwaa yeroo dheeraa barbaaduu fi turtii Maarsirratti qabaataniin qorattoonni osoo fayyaan qaamaa fi sammuusaanii hin hir'atiin itti gaafatamummaasaanii raawwachuu ni danda'uu gaaffii jedhu deebiisuudhaaf.
Bu'aa teknooloojii amma jiruun, ilmaan namaa gara Maarsiitti osoo imala eegalanii pilaaneettii diimtuu bira gahuudhaaf baatii sagal fudhata.
Namoonni arfan bakki waggaa tokkoof keessa turan waliigalatti rog-sadee (3D) bal'ina iskuwer meetira 160 qabaachuun ijaaramedha.
Qorattoonni kunnenis pilaaneettii kiloomeetira miiliyoona baayyee faggaattee jirtu kana bira meeshaalee ijaarsaa qabatanii imaluun kan hin yaadamne sababii ta'eef, waan Maarsiirratti argamuun akka ijaarsa raawwatan taasifamee ture.

Madda suuraa, NASA
Haalli maagineetii Maarsiirraa kan lafaarra gadaanaa waan ta'ef, akkasumas haalli carallaa cimaa ta'usaa yaaduudhaan, lafarratti fakkaattii Maarsii sirrii lafarratti uumuun kan yaadamu miti kan jedhan qorataan Naasaa Suzaan Beel'dha.
''Haata'u malee, yoo gara Maarsii imalle haala nu mudachuu danda'u tilmaamuuf kan nu dandeessisu haalli walitti dhiyaatu uumuuf yaalameera'' jedhu qorataan kun.
Namoonni arfan kunneen waggaa tokko guutuu gara Naasaatti yoo imalan nyaataa soorachuu danda'an kan saamsame qofa nyaataa turan. Bakka qophaa'eef xiqqootti ataakiltii sooratan akka dhaaban taasifameera.
Turtii kana keessatti qormaata cimaa kan ture jijjirraa odeeffannoo ture. Fageenya dheeraa lafaa fi Maarsii jidduu jiruu irraa kan ka'e ergaan ergame Maarsii bira gahuudhaaf daqiiqaa 24 fudhata.
Namoonni afur gaaffii erganii deebii hanga argataniitti daqiiqaa 48 eeggachuu qabu.

Madda suuraa, NASA
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kana jechuun ammoo qorattoonni rakkoon deebii ariifachiisaa itti barbaadan yoo isaan mudate ogeessoota lafarra jiran irraa deeggarsaan ala ofiisaanitiin qormaata mudateef furmaata kennuu qabu.
Qorattoonni arfan haala keessa waggaa tokkoof turan dizaayin kan taasisan rakkoo tekinikaa akka hojjatanii fi qormaata hin yaadamne akka uumamu taasisaniiti.
Susaan Beel akka jedhanitti, qormaanni hin egne akka isaan mudate sababii itti taasifame qorattoota addunyaa sirriidhaan gara Maarsiitti yoo imalan deeggarsi warra kaanii bakka hin jirree fi haala dhiiphaan baayyatu keessa murtee sirriirra gahuudhaaf murtee attamii murteessuu kan jedhu beekuufidha jedhan.
Turtiin namoota afur waggaa tokkoo gara fuulduraatti imala gara Maarsiitti taasifamuuf galtee ni ta'a jedhamee amanamulleen yaaliisaanii kan qeeqanis jiru.
Tokko tokko namoota gara Maarsiitti erguun baasii olaanaa baasisuun alatti nageenyummaasaa mirkanneessuun hin dana'amu jedhu.
Kanaanis namoota irra roobootoota gara Maarsiitti erguuf karoorsuun baasii kan qusatuu fi lubbuu namaa qaalii balaarra hin buusuu jedha.
Ittaanaa Pirezidantii Akaadaamii Saayinsii Raashiyaa kan ta'an Leev Zeeleenii garuu muuxannoo kana kan qormaata guddaa dagate jechuun qeeqan.
Qorataan Naasaa Raashiyaa kun Pirojektiin Naasaa ilmaan namaa karaan amansiisaan gara Maarsiitti yoo itti toluu baate Maaarsii irra attamiin turuun dana'ama kan jedhamu deebisuuf kan yaaluudha jedhu.
''Namoonni haala nageenyisaa mirkanaa'een gara Maarsiitti erguudhaaf akka danda'amu hin beekamu'' kan jedhan Leeviin, carallaa cimaa Maarsii irra jiru irraa namoota ittisuudhaaf teeknolojii dandeessisu akka hin jirre dabaluun hubachiiseera.












