Firiij Al Marar: Dubaayitti keessoo 'manneen bunaa' lammiilee Itoophiyaa

Magaalaa simboo qabeettii addunyaati kan jedhamtu Dubaay keessatti, naannoon manneen bunaa lammiilee Itoophiyaan dhuunfatame, Firiij Al Marar, giddugala magaalattiirraa baayyee fagoo miti.

Inumaa iddoon kun giddugala magaalattii ture nuun jedhan, magaalattiitu amma babal’attee ijaarsa gara biraarratti fuulleffatte.

Ammallee bakka biraa caalaa sochiin uummataa asitti heddummaata. Garuu birqabaan yoo ilaalamu sochiin konkolaattotaa bakka kanatti daangeffamaadha.

Battala tokkotti konkolaattota shanii fi sanaa ol walcinaa hiriirsuun kan keessummeessan daandiiwwan walakkaa magaalaa Dubaayitti diriiranii mul’atan, iddoo kana hin jiran.

Dandiiwwan dhidhiphoo konkolaattota lama hin caalle keessummeessan qofa qabdi, bakki kun.

Gamoowwan walitti maxxananii ijaaraman hedduun tokko kaanirraa akkaataa adda baasuun nama rakkisuun waltumsanii tooraan dhaabbatu.

Barreeffamoonni hedduun Afaan Arabaa fi Afaan Ingiliziin barreeffaman, kanaan alatti afaanonni biroonis asitti hojiirra oolaniiru.

Baayyinaan barreeffamee kan mul’atu tokko Afaan Amaaraati.

Mi’eessituuwwan nyaata Itoophiyaa, huccuuwwan habashaa, iddoowwan bunni jabanaa itti gurguraman, kutaalee bareedinaa fi tajaajiloota kan kennan dubartoota.

Hunduu waan harkaa qaban Afaan Amaaraan balbala isaaniirratti barreessuun beeksifataniiru.

Barreeffama qofa osoo hin taane hedduun Afaan Amaaraa dubbatu. Kutaa Dubaay waa hundi keessatti argamuu fi akkaan sochiin itti heddummaatu kan akka Firiij Al Marar hin jiru.

Daandii gurguddaa sadii, afur hin caalle irratti gamoowwan hunduu walfakkaatan waldeeggaranii dhaabatu, adda baasuun ulfaataadha. Hunduu darbii afur.

Gamoon jalaa (Ground) fi darbee darbee ammoo gamoo lammaffaan kutaa namoonni daldalaaf itti fayyadamaniidha.

Lammiileen biyyoota adda addaa bakka kanatti hojii adda addaa hojjetu. Reestooraantii Baangilaadash, Mana Nyaataa Aadaa Hindii, Mana waan ho’aan aadaa Paakistaan ta’e itti gurguramu fi kaanis jiru.

Garuu kan biyyoota kunneenii daldaltoota Itoophiyaa waliin yoo walbira qabaman baayyee xiqqoodha.

Manneen daldalaa shan keessaa yoo xiqqaate sadii kan lammiilee Itoophiyaati.

Mana Bunaa Itoophiyaa Firiij Al Marar- Ethiopia Coffee House

Irra jireessaan lammiilee Itoophiyaan kan qabaman manneen daldalaa Firiij Al Marar kunneen, mallattoowwan bunni jabanaa jiraachuu agarsiisan hedduudhaan faayamanii argamu.

Barjaawwan buna jabanaa beeksisuuf Itoophiyaatti dhaabbatan bakka kanatti sanaa gadi miti. Dhugaadha, bunnis akka gaariitti gurgurama, dhugnees argineerra.

Manneen daldalaa kunneen hedduusaaniitti hojiiwwan gosa lamatu hojjetamu - tokko buna jabanaati, kaan ammoo shiishaa.

Shiishaa aarsuus ta’e gurguruun seera Dubaayiin dhorkaa waan hin taaneef lammiileen Itoophiyaas karaa seera qabeessa ta’een ifaa fi bilisaan hojjetu.

Akkaataan hojiisaa garuu sadarkaa magaalaan badhaatuun addunyaa- Dubaay irra geesse kan madaalu miti.

Gareen BBC gara Dubaay imaluun sochii Firiij Al Marar keessatti taasifamu yeroo jalqabaaf kan daawwate halkan ture, halkan Dubaayis guyyaa fakkaata malee.

Ta’us nama deemee hin beekneef halkaniin bakka kana ija jabinaan daawwachuun salphaa miti.

Manneen daldalaa [bal’inni isaanii meetira 4x4 hin caalle] kunneen halkan halkan ifaa dimismisaa’een faayamanii bitaa namatti galu.

Maamiloonni sadii hanga shanii ta’an seennaan ni guutu. Ulaan kutaalee daldalaa kunneenii yeroo hunda banaa waan taa’aniif ija dhufaa darbaa jalaa dhokachuun hin danda’amu.

Dubartootni Itoophiyaa abidda shiishaa qabsiisuuf meeshaa shiishaa ala baasanii qilleensarratti hafarsan bakkaa bakkatti mul’atu.

Dubartoonni kunneen adaduma kara deemaan ulaasaaniirra darbuun "buna dhugaa’’ affeerraa jedhu nama hundaaf dhiheessu.

Maamiloonnis dhuunfaa fi gareedhaan manneen bunaa bitaa fi mirgaan toora galan asii fi achi mil’achaa daandii qalloo gamoowwan gidduu qaxxaamurtu irra bashannanu, yaadaan bakka seenan filatu.

Akkuma kutaalee Dubaay kaanii, Firiij Al Marar keessattis sochiin barfatee eegala, obboroon ka’anii hojiitti seenuun hin jiru.

Dubaay keessatti hojiin ganama keessaa sa’atii afur dura eegalu akkaan muraasa. Daldaltoonni dhuunfaa halkan guutuu hojjetaa bulanii, ganama keessaa ammoo barfatanii naannoo sa’aatii shanii irratti hojii eegalu.

Lammiileen Itoophiyaan bakka kanaa manneen daldalaa qaban hedduunsaanii dubartoota umriinsaanii 20oota keessaa jirudha.

Maamiloonni manneen bunaa filatanii deeman qabu, hedduunsaanii garuu ulaarra dhaabbatanii kan darbu fi dhaabbatu waamuun olgalchu.

Dubartoonni haala kanaan hojii daldalaa hojjetan lammiilee Itoophiyaa qofa miti, garuu dhibbeentaa 90 ol lammiilee Itoophiyaa ta’u.

Meelaat [maqaan sirrii miti] fi hiriyaanshee kanneen mana bunaa qaban keessaati. Mana dhiphoo kana gidduu golgaa huccuudhaan (maggaarajaan) qoodaniiru. Duubarraan (gola) kan jiru bakka meeshaaleen dheedhiin kuufamanidha, fuuldurri ammoo bakka maamiloonni taa’anii tajaajilaman.

Mana bunaa kanatti lama ta’anii hojjetu. Teessoon kutaa kana keessaa nama shan caalaa hin qabatu. Lameen warri manaa (dubartoonni daldalan) qabataniiru.

Firiij Al Marar keessatti maamila buna qofa ajaju caalaa kan lamaanuu (bunaa fi shiishaa) walitti ajajutu filatama.

Gatiin buna shiinii tokko dirhaama 10 (gara birrii 150). Shiishaan tokko ammoo dirhaama 20.

Shiishaarraa guddoo waan buufataniif maamiloonni shiishaa kan bunaa caalaa akkaan barbaadamu.

Lammiileen Sudaan shiishaa akkaan fayyadamu, bunas ni dhugu. Ajajisaanii tokkoon hin dhaabbatu, deddeebi’anii ajajatu. Gara mana bunaas gareedhaan deemu.

"Kanaaf maamiloota lammiilee Sudaan ta’aniif kabaja addaa qabna,’’ jette Meelaat.

Maamiloota Sudaan ta’an hedduu kan qabu maallaqa guddaa akka argatu amanama. Daldaltoonni hedduun Sudaan irraa maamiloota hedduu horachuu akka karooraatti qabataniiru.

Meelaat lammiileen biyyoota biroos akka isaan biraa fayyadaman dubbatti. Baayyinaan bakka kana jiraatanii kanneen buna hin dhugne lammiilee Paakistaan fi Hindiiti.

"Isaan walin hariiroo ollummaa malee kan maamilummaa walin hin qabnu,’’ jette Meelaat. Maamila dhufu hunda bira taa’anii shiishaa xuuxuun murteessaa waan ta’eef Meelaatis dirqama kana ba’achuuf shiishaan afaanii ishee hin bu’u.

Kun manneen bunaa Itoophiyaa hunda keessatti waan baratameedha.

Meelaat hiriyaashee waliin manattii dhiphoo kana keessatti waggaa afurii oliif hojjetteetti.

Daa’ima ishee fi maatiishee biyya jiran kan gargaartu galii hojii kanarraa argattuuni.

Akkasis ta’ee hojicha baayyee hin jaal’attu. Mudannoowwan jibbisiisoo yaadachuullee hin feene hedduu qabaachuu nutti himte.

Akki maamiloonni isaanii itti madaalan ishee aarsa. "Akka meeshaa suuqii jiruutti nu ilaalu,’’ jette.

Hojii kana jijjiirrachuuf yeroo hedduu yaalteetti, hin milkoofne. Maallaqa kuufattee gara biyyaa deebi’uun daa’ima ishee fi maatiishee waliin jiraachuuf yeroo lama sadi yaalteetti.

Haata’u malee nagaa fi tasgabbiin Itoophiyaa keessaa dhabamuun akka gufuu itti ta’e himti.

Maatiishee sababa waraanaa hojiisaanii dhabanii hiyyooman, waan dandeessuun bira dhaabbachuuf asuma turtee hojiishee itti fufuun filannoo isa dhumaa itti ta’e.

Namni Yunaayitid Arab Emireetis keessaa jiraatu kamiyyuu seera biyyattii kabajuun dhimma akkaan murteessaadha. Seera cabsanii argamnaan biyya sanaa ari’amuudha.

Meelaat fi hiriyaa isheef ammoo haalli hojiisaanii yaaddoo dachaaf isaan saaxila. Lammiileen biyyaa maamiloota isaanii keessatti argamu.

Yeroo garii poolisoonni yuunifoormii malee mana daldalaasaaniitti goruun buna dhuganii yookiin shiishaa xuuxanii deemu.

Kun kallattii maamila gabaan yoo ilaalame waan gaariitti fudhatamuu mala. Haata’u malee maamilli har’aa kun waan sirrii taane argee yoo ba’e bor ammoo yuunifoormii uffatee dhufuu danda’a.

Seerri biyyattii akkaan cimaa ta’uusaan Meelaat fi hiriyaanshee eeyyama jireenyaa qabaachuun sodaa keessaa isaan hin baasne.

Lammiileen Itoophiyaa Firiij Al Marar jiraatan kanneen eeyyama jireenyaa qaban akkuma jiran, kanneen seeraan ala jiraatanis hedduudha.

Hedduunsaanii mana namaatti hojjechuuf karaa seera qabeessa ta’een kanneen gara Dubaay imalaniidha. Erga Dubaay seenanii booda garuu sababoota garaagaraan hojjechiistota isaanii jalaa baduun seeraan ala ta’u.

Lammiileen Itoophiyaa haala kanaan seera qabeessummaasaanii dhaban iddoowwan keessaa dhokatanii jiraatan keessaa tokko Firiij Al Marar.

Asitti miliqanii bunaa fi shiishaa gurguraa jiraatu.

Erga buna gurguruu eegaltee waggaa kan geesse Beezaan (maqaan kan jijjiirame) namoota gosa kanaaf fakkeenya.

Eeyyama jireenyaa seera qabeessa hin qabdu. Hiriyaashee eeyyama qabdu waliin waltumsuun hojjetu.

Paaspoortii fi eeyyama jireenyaashee hojjechiistota ishee biratti gattee miliqxe.

Yeroo garaagaraatti wayita poolisiin eeruun isa dhaqqabeen naannawa kana sakatta’u miliquun jalaa oolteetti. Ammas taanaan ulaa irra kan dhaabbattuuf waa lamaafi.

Tokko maamilli akka seenu affeeruu (dhiibbaa uumuu), kan lammataa ammoo poolisiin naannoo sana jiraachuu adda baasuufi.

Wayita mana namaatti qacaramtee hojjetaa turtetti bilisummaa kanarra fooyya’aa ta’e akka qabaachaa turte dubbatti Beezaan.

Hojjechiistota ishees maqaasaanii hammeenyaan kaasuu hin feetu. Tarii osoo yaadashee sirriitti ibsiteefii paaspoortii ishee fi eeyyama jireenyaashee akka kennuufii danda’an tilmaamti.

Garuu guutummaatti waan itti hin amanneef callistee mana sanaa baduu filatteetti.

Erga Firiij Al Marar seentee booda hojii eegalterraa muraasa qusattee eeyyama jireenyaa ishee sirreeffachuuf guddoo dhamaati.

Haata’u malee taatee hiriyootashee mudaterraa ka’uuun sodaadhaan waan liqimfamteef hanga yoonaa ija jabaattee homaa hin eegalle.

Dallaalonni "eeyyama jireenyaa isiniif kennina,’’ jechuun shamarran akka Beezaa irraa maallaqa guurratanii badu.

Beezaan gara Firiij Al Marar kan deemteef galii fooyya’aan achi jira jettee abdatteeti.

Dhugumayyuu bakka duraan qacaramtee hojjetaa turterra yeroosheen maallaqa guddaa argatte heddudha.

Akkasis ta’ee garuu hanga yoonaa maallaqi qusatte akka hin jirre himte.

"Rifataa hojjenna, garuu maallaqa argamu eessa akka seenu hin beekamu,’’ kan jettu Beezaan, hojii kanaan itti fufuun ammallee filannooshee miti.

Eeyyama jireenyaa sirreeffannaan mana nyaataa Itoophiyaa bantee hojjechuu yaaddi.

Poolisiin biyyattii qorannoo erga gaggeessanii booda iddoowwan namoonni eeyyama jireenyaa seera qabeessa malee jiraachuu malan ni sakatta’u.

Firiij Al Marar bakka poolisiin deddeebi’ee sakatta’iinsa keessatti gaggeessudha.

Beezaa fi Meelaat hiriyoonnisaanii lakkoofsaan hedduu ta’an haala kanaan jumlaan qabamuu himan.

Akkasaan jedhanitti yeroo ammaa lakkoofsi lammiilee Itoophiyaa bakka kana jiraatanii hir’ateera.

Waggaa dura bakki kun lammiilee Itoophiyaan ala lammiileen biyyoota biroo waan jiran hin fakkaatan ture.

Amma garuu hojiirra kan jiran namoota eeyyama jireenyaa qaban jechuun ibsan dubartoonni kunneen.

Eeyyama jireenyaa malee kanneen miliqanii hafan, akka Beezaafaa, qubaan lakkaa’amu.

Yunaayitid Arab Emireetisitti Ambaasaaddara Itoophiyaa kan ta’an Umar Huseen, lammiileen Itoophiyaa hojii daldala bunaa fi shiishaa irratti bobba’anii jiraachuu quba qabaachuu BBCtti himan.

Akkasaan jedhanitti hojiin akkanaa Dubaay qofa osoo hin taane Abu Dhabi fi Al Ayin keessattis kan baratamedha.

Hojii akkasii hojjechuun seera biyyattiin nama adabsiisuu baatus "golgaan shiishaatiin gochaawwan maqaa biyyaa balleessan ni raawwatamu,’’ jedhan.

Namoonni hedduun dallaalotaan gowwoomfamuun iddoo karaa seera qabeessa ta’een qacaramanii hojjetanii ba’anii hojii akkasiitti seenu jedhan Ambaasaaddar Umar.

Dubaay keessatti mana namaatti qacaramuun kanneen hojjetan, keessattuu dubartoonni, bakka hojiisaanii gadhiisuun gara Firiij Al Marar deemuun "hojii mana bunaa’’ ni eegalu jedhan.

Dabalataan akkaataa seera biyyattiin viizaan tuuristii waan hin dhorkamneef hojii kana hojjechuuf qofa karoorsanii kan dhufanis akka jiran eeran Ambaasaaddar Umar.

Namoonni biroon naannawa kanatti argannee dubbisne ammoo waa’ee Firiij Al Marar yaada biraa kennu.

Jiraattonni naannawa kana sirriitti beekuu himan, iddoon kun bakka gurgurtaa bunaa fi shiishaa qofa miti.

"Bakka daldalli saal-quunnamtii,’’ bal’inaan keessatti gaggeeffamuudha jedhan. Daldalli saalquunnamtii ammoo bu’uura seera biyyattiin kan dhorkameedha.

Inumaa namoonni hedduun manneen bunaa keessatti gocha akkanaa akka raawwate himu jiraattonni naannawa kanaa.

Beezaa fi Meelaat waan kana sirriitti akka hin mirkaneeffanne himu, ofiisaanii gocha akkanaatti akka hin hirmaanne, kaan garuu jiraachuu akka danda’an himan.

Akkasumas ta’ee garuu maamiloota bunaa fi shiishaa isaaniirraa gaaffiin akkasii akka isaaniif dhiyaatu himaniiru.

Firiij Al Marar keessatti daldala bunaa fi shiishaan alatti manneen daldalaa kaanis baayyinaan lammiilee Itoophiyaa harka jiru.

Suuqiiwwan uffata aadaa Itoophiyaa, mi’eessituuwwan adda addaa fi meeshaaleen faayaa kan Itoophiyaa ta’an hedduun ni gurguramu.

Manneen miidhaginaas suuraawwan artistoota bebbeekamoo Itoophiyaan faayamanii ofiisaanii beeksisu.

Lammiileen Itoophiyaa mana daldalaa isaanii irratti afaan sadiin, Afaan Arabaa, Afaan Ingilizii fi Afaan Amaaraan barreessu.

Addanatti Afaan Amaaraas bal’inaan dubbatama, lammiileen biyyoota kaaniillee jechoota Afaan Amaaraa tokko tokko wayita yaalan dhagahamu.