Gamtaan Awurooppaa deeggarsa maallaqaa Palastayin jalaa qabee ture gaddhiisuufiif

Madda suuraa, Reuters
Gamtaan Awurooppaa deeggarsa Yuuroo miliyoona heddu kanaan dura jalaa warra Palastaayin jalaa qabee ture gadhiisuufiif jedha.
Deeggarsi mallaqaa kun ji’oota hedduuf addaan cituu isaatin rakkoo maallaqaa hamaa keessa akka galan dubbatu aangawoonni Paalestiin.
Deeggarsi maallaqaa kun qabamee kan ture Palatasaayin kitaaba barattootaa keessatti yaada finxaalesummaafi jibba warra Yihudootaa qabu dhaaddessa jedhamee waan qeeqameef.
Piresidaantin Gamtaa Awurooppaa Ursula Vonder Leyen bara 2021 keessa aangawoota Palastaayin wajjin wal argauun haasaa taasisaniin maallaqichi dafee akka gadi dhiifamuu beeksanii turan.
Weest Baank, magaala Ramaalatti ibsa gaazexeessitootaaf kennanii turaniin “Rakkoon uumamee ture amma sirrateera,” jedhanii turan.
Haata’u malee, qabiyyeen kitaabaa barattootaa finxaalessummaa dhaadhessa jedhame sirrachuu fi dhiisuu isaa waanti dubbatan hin turre.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Muummichi Ministeeraa Paalestiin Mohaammad Shataay, Gamtaan Awurooppaa deeggarsa maallaqaa qabee ture gadi dhiisuf walii galuu isaatif galateeffataniiru.
Mootummaan Palestiin Weest Baank bulchu deeggarsa maallaqaa gargaarmaa ture.
Gamtaan Awurooppaa, biyyoonni gamtaa Awurooppaa fi dhaabbileeen biroo waggaatti hanga yuuroo miliyeena 600 arjoomudhaan mootummaa Paalestiin gargaaraa turan.
Haata’u malee, bara 2020 tti deeggarsi Gamtaa Awurooppaa Yuuroo miliyoona 215 ta’u Palastaayiniif hin kennamin hafe. Sababni isaa ammoo rakkoo qabiyyee kitaaba barattoota Palestiinitiin wal qabatee ka’ee tureedha.
Gamtaa Awurooppatti Komishinara Obbolummaafi Guddinaa kan ta’an Oliivar Varhely akka jedhanitti, deeggarsichi kennamuu kan qabu aangawoonni Palastaayin qabiyyee kitaabicha akkaataa qajeelfama nagaa, wal-danda’uu, obbolummaa fi finxaalesummaa irraa bilisa ta’uu UNESCO keessatti kaa’ame yoo guutan qofaadha.
Deeggarsichi addaan citee waan tureef mootummaan Paalestiin mindaa barsiisotaa, hojjattoota balaa abidaa, fi doktarootaa kaffaluuf baay’ee rakkataa ture.
Vonder Leyeen akka jedhanitti Gamtaan Awurooppaa yuuroo miliyeena 25 gadi lakkisuuf aangawoota mootummaa Palestiin wajji haasa’aa akka ture ibsaniiru. Maallqani kun addumatti Palestiin keessatti wabii nyaataa mirkaneessuf kan oolu yoo ta’u.
Paalestin harka guddaa midhaan nyaataa Yukreen irraa galchuudhan beekamti. Prezidaantin Gamtaa Awurooppaa Vonder Leyeen Kibxata darbe yuunivarsiitii kibba Israa’el tokkotti haasaa taasisaniin, yaada jibba Yihudootaa akka falmanii fi Awurooppaa keessatti jireenya saba Yihudootaa fooyyessuun ajandaa guddaa Komishinii Gamtichaa akka ta’e himan.
"Jibba yihudootaa ammayyuu hin banne. Ammayyuu hawaasa keenya keessa summii facaasaa jira.
Har’a haleellan jibba Yihudootaa Awrooppaa keessatti mudataa jira. Kuni yaaddoo haaraa ka’eedha, garuu yaadichi waanuma badaa dur tureedha.
Kan kaleessaa akka hin deebineef dhaloonni haaran hundinuu itti gaafatamummaa qaba,” jedhan.
Itti-dabaluunis, sababa Raashiyaan dhimma Yukreen irratti boba’aa nu dharkatteef Gamtaan Awurooppaa anniisaa irratti wal-ta’iinsa haaraa Israa’e wajjin taasisuu akka barbaadu ibsan.












