Haleellaa diroonii Kaaba Wallootti buufata fayyaarratti gaggeeffameen namoonni nagaan du'an

Buufata fayyaa haleellan irratti gaggeeffame

Madda suuraa, SM

Ibsa waa'ee suuraa, Buufata fayyaa Saanqaa kan haleellaan irratti gaggeeffame

Naannoo Amaaraa Godiina Kaaba Wallootti haleellaa diroonii buufata fayyaarrratti gaggeeffameen namoonni nagaan afur du'uufi kudhan kan ta'an ammoo madaa'uu kanneen ijaan arganiifi ogeeyyiin fayyaa BBC Amaariffatti himan.

Haleellichi kan gaggeeffame ALItti gaafa Fulbaana 17, 2018 Aanaa Gubbaa Laaftoo buufata fayyaa Saanqaa jedhamurratti ta'uu himu nammoonni ijaan argan.

Buufanni fayyaa kun magaalaa Waldiyaarraa km 20 fagaatee kan argamu yoo ta'e, gaafa Sambataa guyyaa keessaa naannoo sa'aatii jahaatti haleellan diroonii gaggeeffamuu namoonni ijaan arganiifi jiraattonni naannichaa BBCtti himan.

Bulchiinsi Godiina Kaaba Walloo haleellaa diroonii gaggeeffame jedhamurratti gaafatamee, waa'ee haleellichaa dubbachuu akka hin dandeenye BBCtti hime.

Ogeessi fayyaa buufata fayyaa Saanqaa keessa hojjatu tokko haleellan diroonii kutaa namoonni ciisanii yaalamaa jiran irratti gaggeeffamuu himu.

Ofiifuu haleellicharraa lubbuun kan himan ogeessi fayyaa kun akkuma haleellichi gaggeeffameen, "of hin beekun ture, lafti baqaqee waan nu liqimse natti fakkaate. Cinaa koo kan turan yeroo kufan ana Waaqayyotu na olche," jechuun waan argan dubbatu.

Jiraataan naannichaa biraan miseensi maatiisaanii buufata fayyaa sana keessa ture sagalee haleellaa dhagahuun gara buufata fayyaatti fiiguun waan argan BBCtti himan.

Namoonni haleellaan biraa gaggeeffamu mala jechuun lubbuun "warra madaa'ee dhiigus warra dhukkubsatus walumatti rarra'anii bahan," jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ogeessi fayyaa haleellicharraa lubbuun hafan akka himanitti namoonni nagaan du'uufi madaa'un alatti buufanni fayyaa haleellaan irratti gaggeeffame baay'ee miidhamuu himan.

Namoonni du'an arfan dhukkubsattoota yaalamuuf buufata fayyichaa deemaniifi namoota isaan yaalchisuu dhufan ta'uu dubbatu ogeessi fayyaa kun.

Namoonni ijaan argan akka jedhanitti kanneen du'an keessa sadi battalumatti du'uufi "namoota ijoolleesaanii yaalchisaa turaniidha" jedhan.

Namni arfaffaan dubartii ulfaa dahuumsaaf buufata fayyaa dhufte ta'uu himu ogeessi fayyaa BBCn dubbise.

"Kutaa dahuumsaa keessatti haati duute jirti. Dubartiin isheen tokko deessee turte, isheen tokko ammoo osoo dahuumsarra jirtuu duute. Narsiin deessisaa turte ammoo harkishee rukutameera," jedhan.

Haleellaa diroonii gaggeeffame jedhame kanaan daa'ima ganna jahaa dabalatee namoonni 10 miidhaan qaamaa irra gahuu himu namoonni ijaan argan.

Kanneen miidhaman keessaa saddeet ogeeyyii fayyaa buufatichaa ta'uus himu.

Jiraattonni akka jedhanitti, yeroo haleellan diroonii gaggeeffamu sana humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo gidduutti magaalattii keessatti dhukaasi homaatuu hin turre.

Haa ta'u garuu naannawa magaalaa Waldiyaatti lolli cimaan gaggeeffamaa turuu dubatu.

Lola gaggeeffamaa tureen hidhattoonni Faannoo madaa'an buufata fayyaa sana seenuun yaalamaa akka turan BBCn maddeen irraa mirkaneeffateera.

Haleellan diroonii gaggeeffames hidhattoota Faannoo madaa'anii buufata fayyaatti yaalamaa turan irratti kan qiyyaafate ta'uu akka hin oolle shakkiisaanii himu ogeessi fayyaafi jiraattonni BBCn dubbise.

Halleellichaan hidhattoonni Faannoo waldhaansarra turan lakkoofsan jaha ta'an du'uus himu.

Kaaba Wallootti ittaanaa itti gaafatamaa Waajjira nageenyaafi tasgabbii kan ta'an Obbo Fallaqaa Geetinnat waa'ee haleellaa diroonii gaafatamanii miidhaa qaqqabe akka hin mirkaneessine BBCtti himan.

"Naannichi bakka diinni [humnoonni hidhatan] keessa socho'aniidha. Asirratti maaltu ta'e? Miidhaan qaqqabe maalidha? isa jedhu mirkaneessuuf hawaasarraa odeefannoo sassaabuu qabna," jechuun haleellichi gaggeefamuufi dhiisuullee akka hin mirkaneessin himan.