Mootummaan Itoophiyaa obboleessa Battee fi kaan ''seeraan ala'' hidhe akka gadhiisu HRW gaafate

Nama harki cancalaan hidhamee jiru

Madda suuraa, HRW

Ibsa waa'ee suuraa, Rogeeyyii mana hidhaa harki cancalaan hidhame, hiriira mormii Onkoloolessa 10, 2020 dhiittaa mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti uummata Oromoo irratti raawwatu mormuuf Landanitti ba'amerratti hirmaatan keessaa nama tokko

Humnoonni nageenyaa mootummaa Itoophiyaa obboleessa Battee Urgeessaa fi namoota 11 hidhanii jiran akka gadhiisan dhaabbati mirga dhala namaaf falmu Human Rights Watch gaafate.

Namoonni kunneen ajjeechaa qondaala Adda Bilisummaa Oromoo Battee Urgeessaa Ebla 2024 raawwateen walqabatee hidhamuu kan ibse jaarmiyaan mirga namoomaa kun, aanga'oonni mootummaa Itoophiyaa namoota himata tokko malee mana hidhaa jiran kunneen haal-duree tokko malee hatattamaan gadhiisu akeekkachiise.

Qorannoo ajjeechaa Obbo Battee Urgeessaafis gargaarsa idiladdunyaa gaafachuu qabu jedhe dhaabbati kun.

Akka ibsa jaarmiyaa kanaatti Obbo Batteen Ebla 09, 2024 iddoo dhalootasaanii kan taate magaalaa Maqii keessatti hoteela qabatanii turan.

Borumtaasaa ganama ammoo jiraattonni naannoo reenfa Obbo Battee kan mataansaanii rasaasaan rukutame handaara magaalattiitti argan.

Taatee kana hordofee poolisiin obboleessa quxusuu Obbo Battee, Miiloo dabalatee namoota 13 shakkiidhaan hidhe.

Namni maatii Obbo Batteetti dhihaatu Eebbaa Waanee fi abbaan hoteela Obbo Batteen keessa boqotaniis namoota poolisiin shakkiidhaan to'ate keessa turan.

Hedduunsaanii ammallee mana hidhaa jiru.

Jaarmiyaa mirga namoomaa- Human Rights Watch (HRW) kan damee Afrikaatti daarektara itti aantuu kan taate Latiishiyaa Baader ''mootummaan Itoophiyaa kan inni himata tokko malee obboleessa Battee fi kaan hidhaatti ugguree jiruuf yoo isaan gadhiifaman dhugaatu ba'a jedhee waan yaadda'eefi,'' jette.

''Aanga'oonni mootummaa namoota seeraan ala hidhamanii jiran hatattamaan gadhiisuun, qorannoo ajjeechaa raawwateef ammoo deeggarsa idiladdunyaa gaafachuu qaba,'' jette qondaalli HRW.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ajjeechaa Obbo Battee Urgeessaa ilaalchisuun Ebla 10, 2024 ibsa baaseen ajjeechaa kanaaf mootummaa himachuun fudhatama akka hin qabnee fi namoonni odeeffannoo akkasii facaasuurraa akka of qusatan akeekkachiisee ture.

Oboleessi Obbo Battee Urgeessaa, Miiloo Urgeessaa, Ebla 11, 2024 yaada miidiyaa Oromoo biyya Ameerikaa jiru tokkoof kenneen, wayita Batteen ajjeefamu namoonni argan ''Batteen reenjarii (ranger) keessaa gadi harkifamee baafamuun ajjeefamuu ibsan,'' jedhee ture.

Reenjariin jecha baratamaa konkolaataa humnoota nageenyaa mootummaa waamuuf namoonni itti fayyadamaniidha.

Miiloon erga sirni awwaalchaa Obbo Battee Urgeessaa raawwatamee baayyee osoo hin turin humnoota nageenyaa mootummaan qabame.

Akka HRW jedhutti yeroo ammaa Miiloo Urgeessaa fi Eebbaa Waanee waajjira poolisii magaalaa Maqiitti hidhamanii jiru, warri kaan eessa akka jiran hin beekamu.

Waxabajjii 12, 2024 manni murtii aanaa Maqii Miiloo Urgeessaa akka hidhaatii ba'u murteessuu akka quba kan eere HRW, garuu hanga yoonaa mana hidhaa jira jedhe.

''Qaamoleen nageenyaa waa'eesaa [Miiloo] quba hin qabnu jechaa jiru. Akkas jechuun nu biratti hidhamee hin jiru jechuusaaniiti,'' jedhe namni dhimma kana itti dhiheenyaan beeku tokko.

Qondaalli ABO Obbo Bantee Urgeessaa wayita lubbuun jirutti qaamolee nageenyaa mootummaa Itoophiyaan hidhamaa, hiraarfamaa fi dhibeedhaan mana hidhaatti dararamaa turan.

Boodarra dhukkubbi itti hammaannaan bara 2022 ji'a Bitootessaa keessa mana hidhaatii gadi lakkifaman.

Erga ofii ba'aniii ammoo jaallan isaanii mana hidhaatti hafan akka gadhiifaman sagalee ta'aafii turan.

Jaallan Obbo Battee Urgeessaa, qondaalonni ABO torba, waggoota afuriif mana hidhaatti ugguramanii jiru kan jedhe gabaasi HRW, manni murtii namoonni kunneen akka gadiifaman ajajus ammallee hidhaa jiraachuu ibse.

Obbo Batteen Guraandhala 2024 gaazexeessaa Faransaay Antooyin Galindoo waliin magaalaa Finfinneetti hidhamanii ture.

Bitootessa 09, 2024 mirga wabiitiin ba'uun isa booda gara magaalaa Maqii wayita imalanitti ajjeefaman.