Toorri Addunyaa 'erga waraana ololaatii balaa guddaarra bu'e'

Madda suuraa, FT
Toorri Haaraa Addunyaa (New World Order) erga waraana ololaatiin asitti haala kanaan dura argamee hin beekneen yaaddoo keessa jiraachuu hoggantoonni tajaajila tikaa UK fi Ameerikaa akeekkachiisan.
Hoggantoonni MI6 fi CIA biyyoonni lachuu waloon hiriiranii weerara Raashiyaan Yuukireenitti bante akka qorataa jira himan.
Sar Riichaard Muur fi Wiiliyaam Barnis barreeffama waliinii Faayinaanshiyaal Taayimsirratti yeroo jalqabaaf barreessan keessatti Yukireen keessa waraanni akka ka'uu malu dursanii hubatuun hawaasa addunyaa akeekkachiisuufi Kiyiiv gargaaruuf yaalusaanii barreessan.
Kana malees Raashiyaan guutuu Awurooppaatti ''badii qaqqabsiisuf bante jeequuf'’hojiin hojjatamaa jiraachuu eeran.
Akkasumas waraanni Israa'el-Gaazaa keessatti akka qabbanaa’u fi sochii farra shororkeessummaa garee Islaamummaa (IS) fashaleessuuf hojiin hojjetamaa jira jedhan.
"Toorri Haaraa Addunyaa (New World Order) nagaa fi tasgabbii fooyyee fide waraana ololaan asitti sadarkaa yaaddeessarra jira,'' jedhan.
"Balaa kana milkaa'inaan qolachuun" bu'uura hariiroo addaa UK fi US gidduu jiru ta'uu dabaluun himan.
Yaaddoo tasa biyyoota lamaan mudate keessa tokko waraana Yukireen keessatti itti fufe ta'u ibsani.
Waraanni kun Raashiyaan Guraandhala 2022 Yuukireen weeraruun kan eegalame yoo ta’u waggaa sadiif deema.
Hoggantoonni tajaajila tikaa kunneen sagantaa Sambata kaleessaa magaalaa Landan gaggeeffameerratti yeroo jalqabaaf waliin hawaasatti dubbatan.
Obbo Barnis namoota saganticharratti argamanitti wayita himan, dhiheenya kana Yukireen naannoo Raaashiyaan Kurisk keessatti iddoowwan argaman to’achuun ''injifannoo tarsimoof tolu'' ta'uu himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haata’u malee, aangoon Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmir Puutiin laafuu isaa ragaa agariisu hin jiru jedhan.
Biyyoonni Lixaa meeshaa waraanaa dabalataa akka dhiyeessaniif kan gaafataa jirtu Yuukireen, meeshaalee waraana kana Raashiyaa keessaatti akka itti gargaaramuu akka hin daangessine gaafataa turte.
Garuu hoggantoonni basaasaa sun meeshaa lafa Raashiyaa keessatti dhorkuun deeggarsa Yukireenif dhihaatu duubatti deebisuu akka hin qabne yaada dhiyeessan.
Hoggantoonni tikaa kun lameen waraana Yuukireen irratti Puutin ‘’hin milkaa’u’’ jedhan.
Waraanichi akkatti teekinoloojiin tooftaa dirree waraanaa geeddaru nutti agarsiisera jechuunis dubbatani.
Kanaafuu teeknolojii kana madaqsuu, yaaluu fi kalaquun akka barbaachisullee eeran Barnis.
Kana malees, duula tajaajilli tikaa Raashiyaa Awurooppaarratti bane jedhan qolachuuf [UK fi Ameerikaan] waliin hojjachuu itti fufna jechuunis dubbatani.
Tajaajilli tikaa biyyoota alaa kunneen Chaayinaan jabaachaa adeemun jaarraa kana keessatti yaaddoo cimaa ta’uullee eeraniiru.












