Israa'el hogganaa Hamaas Haaniyaa ajjeesuu yeroo jalqabaaf mirkaneessite

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Ittisaa Israa'el baatii Adoolessaa keessa hogganaa siyaasaa Hamaas Ismaa'eel Haaniyaa Tehraan keessatti ajjeesuu yeroo jalqabaaf amanan.
Israa'el Kaatiz kana kan dubbatan haasaa sochii Huutii Yaman kan misaa'elaa fi diroonii fayyadamuun Israa'el rukutu ittisuuf waadaa wayita seenanitti.
Hidhattoonni Huutii kunneen deeggarsa Iraaniin kan socho'aniidha.
Ismaa'el Haaniyaa haleellaa Israa'el gamoo magaalaa guddoo Iraan irratti raawwatteen ajjeefaman. Haa ta'u malee, Israa'el hanga yoonaa hin mirkaneessine ture.
Gama biraan Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu Gaazaa keessatti Hamaas waliin waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra ga'uuf sochiin tokko jiraachuu himaniiru.
Israa'el du'a ajjeechaa Haaniyaa, Yaahiyaa Sinwaar fi Hasan Nasrallaa Iraan, Gaazaa fi Libaanos keessatti raawwatame hordofee, Huutii cimsitee rukutuu karoorfachuu ishee beeksiste.
Gareen finciltootaa Iraaniin deeggaramee kaaba dhiha Yaman to'atu Huutiin, Israa'el Onkoloolessa darbe Gaazaa keessatti Hamaas irratti xiyyeeffachuu erga jalqabdee yeroo muraasa booda dooniiwwan Israa'elii fi idil-addunyaa Galaana Diimaa keessatti haleeluu jalqabanii ture.
Gareen kun hanga waraanni Gaazaa xumuramutti haleellaa akka itti fufu dhaadateera.
Waraanni Israa'el Sambata darbe misaayila Yaman irraa furguggifame kuffisuun kan hin milkoofne ta'u fi Tel Aviv keessatti buufata doonii fi bu'uuraalee anniisaa dabalatee rukutee akka ture ibseera.
Dubbi himaan Huutii akka jedhanitti gareen kun misaa'ela balistikii haaypersoonikii fayyadamuun bakka waraanaa kanneen haleele.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hamaas bara darbe Onkoloolessa keessa Israa'el irratti haleellaa raawwachuun namoota gara 1,200 ajjeesee namoota 251 ukkaamsee ture.
Haaloo kanaaf Israa'el duula waraanaa Gaazaa keessatti Hamaas balleessuuf kan eegalte yoo ta'u, duula waraanaa kun waggaa tokkoo oliif kan itti fufe yoo ta'u, namoota 58 haleellaa Israa'el sa'aatii 24 darban keessatti raawwatameen ajjeefaman dabalatee namootni 45,317 ajjeefamaniiru.
Gareewwan gargaarsa namoomaa fi mirgaa Gaazaa keessatti lammiilee nagaa irratti haleellaan xiyyeefate lubbuu nagaa hedduu gaaga'uu fi balaa guddaan akka jiru akeekkachiisan.
Dilbata darbe dhaabbati Oxfam ji'oota lamaa fi walakkaa darban keessa konkolaattonni fe'umsaa 12 qofti kaaba Gaazaatti nyaataa fi bishaan raabsuu isaanii ibsuun, waraanni Israa'el ''itti yaadee harkifachuu fi danquu'' jechuun komate.
"Kanneen keessaa muraasti mana barumsaa namoonni keessa buufatanitti geeffamuu fi saatii muraasa booda boombiin itti darbame," jechuun Oxfam dabalee dubbateera.

Madda suuraa, Reuters
Angawoonni Israa'el gabaasni kun ''itti yaadamee himata sirrii hin taane kan tattaaffii namoomaa bal'aa Israa'el kaaba Gaazaa keessatti taasiftu xiqqeesudha'' jedhu.
Israa'el ergaawwan addaa "nyaata, bishaanii fi dhiyeessii yaalaa dabalatee" gara naannoowwan kaaba Gaazaatti ergamuu isaanii ibsiteetti.
Gabaasni Oxfam kun kan bahe erga gareen mirgaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal Israa'el Gaazaa keessatti duguuggaa sanyii raawwatte jechuun Israa'el himateefi Humaan Raayitis Waach (HRW) Israa'el namoota nagaa Filisxeem Gaazaa keessa jiraatan itti yaadee bishaan gahaa akka hin arganne dhorkuudhaan "gocha duguuggaa sanyii" raawwatte jechuun himataniiti.
Ministeerri dhimma alaa Israa'el gabaasa Aminastii ''guutumaan guutuutti sobaa fi soba irratti kan hundaa'e'' jechuun kan ibse yoo ta'u, dubbi himaan ministeera dhimma alaa Israa'el ammoo Humaan Raayitis Waach ''ammas maqaa balleessii babal'isaa jira... Dhugaan jiru guutummaatti faallaa soba HRW'ti'' jedhan.
Gareewwan gargaarsa namoomaa fi mirgaa Gaazaa keessatti lammiilee nagaa irratti balaan guddaa akka mudatuu malu akeekkachiisaniiru.












