Gahumsa urjiileen Afrikaa Piriimiyeer Liigii keessatti agarsiisaan lakkoofsaan

Barri Piriimiyerliigii Ingiliiz 2024/25 injifannoo Liivarpuuliin xumurameera.

Taphataan sarara fuulduraa lammii Masrii Mohaammad Saalaah taphataa cimaa bara kanaa ta'uun badhaafame. Saalaah goolii 29 lakkoofsisuun kubbaawwan 18 mijeessee kenneera.

Lammiin Kaameeruun Biriyaan Mbeemoo bara ajaa'ibaa dabarseera. Taphataan sarara fuulduraa Bireentifoordi kun goolii 20 lakkoofsise kun jijjiirraa taphattootaa ganna kanaan maqaansaa ka'aa jira.

Taphattoonni Afrikaa biroo Piriimiyerliigii Ingiliiz keessatti ifanii mula'atan eenyu fa'i?

Jifattoota ajaa'ibaa

Mohaammad Saalaa, Biriyaan Mboomee, Yohaan Wiisaa

Mohaammad Saalaah taphataan ganna 32 yaaliiwwan 130 gara galchii garee faallaatti yaaleera. Kanneen keessaa kubbaan 61 xiyyeeffannaa isaanii kan rukutan turan.

Saalaah carraa 89 uumeera. Sunis liigichaan sadarkaa lammaffaarra isa kaa'a. Mboomee yaalii goolii 70 gochuun sadarkaa 5ffaa irratti argama.

Bara kana goolii 20 kan lakkoofsise Mboomee seenaa Brentford keessatti taphataa goolii hedduu lakkoofsiseedha.

Taphataan sarara fuulduraa Bireenfoordi inni biraan taphataa Dimookiraatawaa Rippabiliika Koongoo Yoo'aan Wissaa yoo ta'u, bara kana goolii 19 galcheera.

Lammiin Gaanaa Antooniyoo Seemeedoos tapha liigichaa guyyaa dhumaatti gooliiwwan lamaan galchetti dabalee walumatti goolii 11 lakkoofsiseera..

Taphattoota sarara gidduu ifanii mul'atan

Aleeks Iwobii, Idriisaa Guyee, Kaarlos Baaleebaa

Lammiin Naayijeeriyaa Aleeks Iwoobiin taphataa sarara gidduu Afrikaa liigii kanaa keessaa isa gaarii ta'uu isaa mirkaneesseera. Goolii 9 galchuun 6 mijeessee kenneera.

Iwoobii cinaatti taphataa Maanchistar Yunaayitid Amad Diyaalootu jira. Garuu Diyaaloon sababa miidhamaan taphoota hedduu hin hirmaanne.

Taphataan sarara gidduu Arsenaal lammii Gaanaa Toomaas Paartee taphattoota Afrikaa ciccimoo ta'an keessaa tokko yoo ta'u, kubbaawwaan hedduu miliqsee waahillaniif kennuun kan jajamu ta'us Arsenaal garuu bara kana waancaa argachuu hin dandeenye.

Taphataan sarara gidduu lammii Senegaal Idriis Guyee ganna 35tti Evartaniif murteessaa ta'uu mirkaneessee jira. Idriis morkataatarraa yeroo 133 kubbaa gachisiisuu danda'eera.

Taphataan sarara gidduu Kaameeruun Kaarlos Baaleebaan bara dorgommii ajaa'ibaa Biraayitan waliin dabarseera. Taphataan sarara gidduu dargaggeessa ta'e kun kilaboota hedduudhaan barbaadamaa jira.

Ittistoota jajjaboo

Kaalviin Baasii, Aroon Wan-Bisaakaa, Raayan Ait-Nuurii

Dhiheenya kana garee biyyaalessaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongootiif taphachuuf kan waliigale Aaron Wan-Bisaakaa yeroo 66 taphattoota garee faallaarraa kubbaa gachisuusuun ciminasaa agarsiiseera.

Biisaakaan taphataa cimaa bara kanaa ta'uun deeggartoota Weestihaamiin filatameera.

Lammiin Aljeeriyaa Raayan Aayit-Nuurii carraa karaa cinaa uumuun faarfamaa ture. Ait-Nouriin Woolviziif goolii 4 galchuun kubbaawwan torba mijeessee kenneera.

Taphataan sarara ittisaa lammii Naayijeeriyaa kan biraa Kaalviin Baasiin Fuulhaamiif dandeettii ajaa'ibaa agarsiiseera, akkasumas xiyyeeffannaa kilaboota Ingilaandii fi Awurooppaa hawwateera.

Lakkoofsi kun akka agarsiisutti taphataa sarara ittisaa Maanchistar Yunaayitid kan Morookoo Mazraawii taphattoota sarara ittisaa guutuu liigicha keessatti baay'ee barbaadamu keessaa tokko ta'uu isaati.

Lakkoofsota gaarii hin taane

Taphataan Maanchistar Yunaayitid Andiree Onaanaan goolii eegaa Afrikaa tokkocha Piriimiyer liigii Ingiliiz keessa jiruudha. Bara dorgommii osoo dagatee jaalatu dabarse.

Maanchistar Yunaayitid waggoota 50 keessatti qabxii badaa galmeessisuun xumure.

Goolii eegaa lammii Kaameeruun kun taphoota 9 irratti goolii tokkoyyuu itti galuu baatus, taphoota 25 irratti gooliin 44 itti galeera.

Goolii eegaan ganna 29 kun dogoggora ofii uumeen gooliin sadii itti galeera.

Taphataan Piriimiyer Liigii Ingiliiz keessatti balleessaa guddaa raawwate Semedo Boornmaawuz irraati. Guuyee fi Dookuuree sadarkaa lammaffaa fi sadaffaa irratti argamu.

Taphataan sarara gidduu Ipswich lammii Masrii Saamii Morsiin kaardii keelloo 10 argachuun sadarkaa tokkoffaa qabateera.

Taphataan sarara fuulduraa Weestihaam lammii Gaanaa Mohaammad Quddus yaaliiwwan goolii taasise keessaa yeroo jaha utubaan goolii jalaa deebiseera.

Haaluma walfakkaatuun Nikolaas Jaaksan, Saalaah fi Paalmer tokkoon tokkoon isaanii yeroo jaha jaha utubaan goolii kubbaa jalaa deebiseera.