Haleellaa diroonii Jibuutiin daangaa Itoophiyaarratti raawwatte maal beekna?

Madda suuraa, Getty Images
Haleellaa diroonii mootummaan Jibuutii daangaa Itoophiyaarratti raawwateen lubbuun namoota saddeetii darbuu, kaan madaa'uu BBC'n jiraattotarraa odeeffate.
Haleellaan kuni torban darbe Kamisa galgala yoo ta'u haleellaa kanaan daa'imni tokko ajjeefamuu isaas jiraattonni BBC'f mirkaneessaniiru.
Jiraattonni BBC'n dubbise haleellaan kuni gama Itoophiyaa Naannoo Affaar keessa raawwatuu himani, mootummaan Jibuutiimmoo daangaa kiyya keessan raawwadhe jedhe.
Dhimma kanarratti hanga ammaa gama mootummaa Itoophiyaa wanti jedhame hin jiru.
Akkasumas jiraattonni kanneen ajjeefaman namoota nagaa jedhanis, mootummaan Jibuutii immoo 'shororkeessitoota' jedhe.
Jiraattonni BBC'n dubbise haleellaan kuni Naannoo Affaar Godina Tokko, Aanaa Eleda'ar, Ganda Siyaaroo akka raawwate himan.
Bakki kuni daangaa Jibuutiif dhihoodha jedhan jiraattonni.
Namoota nagaa ajjeefaman ala namoonni jaha biroo haalaan madaa'anii hospitaala Duptii seenuu jiraataan tokko BBC'f himaniiru.
Mootummaan Jibuutii gama isaan haleellaa kaniin raawwadhe daangaa kiyya keessa jechuun miidiyaaf dubbate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
AFP'n Ministeera Ittisaa Jibuutii eeruun akka gabaasetti, haleellichi daangaarraa 6km fagaatee bakka Adoortaa jedhamutti raawwate.
Ministeerri Ittisaa Jibuutii haleellaa diroonii gaggeesse jedhe kanaan 'shororkeessitoota' saddeet ajjeeseera jedheera.
Dabaluunis, haleellaan kuni yeroo raawwate lammiileen nagaarrattis miidhaan dhaqqabuu amane. Haa ta'u malee, hangam akka ta'e hin dubbanne.
Ta'us, qorannoo nan taasisa jechuu isaa AFP'n gabaaseera.
Haleellaa kana ilaalchisuun jiraataan BBC'tti dubbatan haleellaan kuni Kamisaafi Jimaata raawwatamuu ibsan.
''Jalqaba Kamisa barii namoota sadii ajjeesan. Achii namoota Jimaata ganama owwaalchaaf walitti qabamanirratti haleellaa raawwatan, namoonni shan du'ani,'' jedhan.
Maddumti kuni namoonni miidhaman jaha biroo hospitaala Duptii geeffamaniiru jedhaniiru.
''Kanneen du'an keessaa dubartiin tokko, daa'imni tokkoofi dhiirotni jaha keessa jiru. Hospitaala Duptii kan seenan keessaammoo afur dubartii, lama daa'imadha,'' jedhan.
Mootummaan Jibuutii haleellaa kana raawwachuu isaaf ragaa maal qabdu jedhamanii kan gaafataman namni kuni deebii kana kennan:
''Tokkoffaa mootummaan keenya lammiilee isaarratti haleellaa raawwata jennee hin amannu.
''Lammaffaa mootummaan Jibuutii Affaarota Jibuutii 'Firuud' jedhamu jiru jedhee waan yaadef akka raawwate dhageenyeerra,'' jedhaniiru.
Hidhattooti kuni eenyu?
Gorsaa Pirezidantii Jibuutii Ismaa'el Omaar Giilee kan ta'an Aleeksis Mohaammad, hidhattooti haleellaa irratti raawwanne jedhan FRUD A [Firuud] jedhamu.
Mootummaan Jibuutii hidhattoota Adda Waraanaa Tokkummaafi Dimookiraasii (FRUD A) jedhanii of waaman kana tarree shororkeessaa jala galcheera.
Hidhattooti kuni kana dura badii raawwateef mootummaan Jibuutii isaan himateera.
Onkololeessa 2022 buufata waraanaa Jibuutii Garabtisaan irratti raawwateen loltoonni torba yoo ajjeefaman, jaha immoo ukkaamfamanii fudhatamani.
Badii kana hidhattoota kanatu raawwate jechuun mootummaan Jibuutii isaan himate.
Loltoonni ukkaamfamanii fudhataman jaha muraasa booda gadhiifaman.
Hidhattooti kuni hawaasa Affaar kaaba Jibuutii argaman keessaa kan of ijaaran yoo ta'u bara 1991 mootummaa Jibuutiirratti fincila banuu gabaasi AFP'n mul'isa.
Kaayyoon isaaniis fedha hawaasa isaanii tiksuuf akka hundaa'an himu. Boodarra garuu garichi adda cite.
Qindoomina paartilee Pirezidantii Jibuutii tumsan afur keessaa tokko FRUD ta'us, dameen waraanaa isaa, FRUD A, jedhamu garuu haleellaa itti fufu gabaasi AFP mul'isa.
Jibuutiin biyya xiqqoodha garuu bakki teessuma ishee gatii guddaa itti hore.
Bishaan ishee marse dheebuu ishee baasuu baatus buufatawwan dooniisheen ofiis, lammiilee ofiis jiraachisti.
Biyyoota Afrikaafi Giddugala Bahaa rakkoo nageenyaa qabaniif dhihoo ta'uufi ofiimmoo hamma tokko tasgabbooftuu ta'uun ishee biyyoonni jajjaboon buufata waraanaa isaanii akka keessatti hundeessan sababa ta'eera.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












