Gaaffiin qaamolee nageenyaa Maqaleetti imala gufachiise maali?

Guyyaa har'aa Naannoo Tigraay magaalaa Maqalee keessatti qaamoleen nageenyaa duraanii naannichaa hiriira nagaa gaggeessaniin sa'aatiiwwaniif balalii xiyyaaraa dabalatee imalli gufateera.

Rippoortarri BBC Tigriffaa Girmaay Gabruu Maqaleerraa akka gabaasatti qaamoleen nageenyaa dhiyeenya magaalaa guddoo naannichaa argaman gaaffii miindaa fi faayidaa akka kabajamuuf gaafachuuf bahanii daandii cuccufuu ibse.

Qaamoleen nageenyaa kun miseensota raayyaa ittisaa duraanii, miseensota hummna addaa naannichaa duraaniifi erga waraanni Kaaba Itoophiyaa eegaleemmoo dargaggoota waraanatti makaman of keessaa qaba.

Mindaan miseensota qaamolee nageenyaa akka raayyaa ittisaa, Polisii Federaalaa fi humna addaa ALI bara 2013 irraa eegalee yoo kaffalamu dargaggootni lola Tigraay keessatti hirmaatan garuu fayidaafi miindaan loogii malee akka kaffalamuuf gaafatan.

''Dhiyeenya kana maatii wareegamtootaafi warra qaamni miidhameef lafti mana itti ijaarratan kennameera. Hidhattootni duraanii kunis fayidaan kun akka kennamuuf gaafatan'' jedha Girmaay.

Hidhattootni duraanii kun fayidaaleen kunniin akka kabajamuuf Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayiif gaafachuuf hiriira nagaa bahan ture.

Haata'u malee waaree naannoo sa'aa shan irraa kaasee hanga naannoo sa'aa 10tti daandiin kallattii sadiin cufamuun imala danqeera.

Daandiin konkolaataa gara Finfinnee geessuu Maqalee fi Koohiyaa gidduu jiru dabalatee daandiiwwan sadii cufamaniiru.

''Imaltootni karaa darbaa dhabanii rakkataniiru. Xiyyaarri dhufee imaltoota malee akka deebi'u ta'uun rakkoon mudateera. Daandii Xiyyaaraattis bilbilee qulqulleeffadheera.''

Daandiin konkolaattota fe'isaa gurguddaa magaalaa Maqaleerraa gara Finfinnee, Finfineerraa ammoo gara Maqalee geessus cufamee ture.

''Maqaleerraa Koohiyaa deemuuf daandii km 11 ta'u namni miillaan deemaa ture. Ambulaansii fa'ayyuu dhorkaa waan turaniif danqamni mudate guddaa ture.''

Gaaffii isaanii kana galgala keessa bakka Pirezidantii Itti bulchiinsichaa Taaddesee Werredee argamanitti akka dhiyeessan waliigalame.

Sana dura grau Dr Dabratsiyoniifi Janaraal Taaddeseen deemanii akka isaan dubbisan kan gaafatanii ture ta'us, konkolaataa Pirezidantichaa dabarsuu diduun muddama uumanii ture.

Galgala kana hidhattootni duraanii kun galma wareegamtootaa Haawultiitti walitti qabamuun bakka Janaraal Taaddeseefi Dr Dabratsiyoon argamanitti mariyachaa turan.