Itoophiyaan waldhaansa kaansarii addunyaatti yaaddoo ta'aa dhufee fooyyessuuf waan hojjataa jirtu

Itoophiyaan waldhaansa dhukkuba kaansarii fooyyessuuf dhimmamtee hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Itoophiyaa Dr. Maqdas Dhaabaa himan.

Ministirittiin kana kan dubbatan haasaa Wiixata darbe Kora Ejensii Anniisaa Atoomii Idil-addunyaa (IAEA) sadaffaa Finfinneetti taa'amerratti ture.

Bara 2015 ammoo Sagantaa To'annoo Kaansarii Biyyaalessaa eegaluudhaan caalmaatti waldhaansa kaansarii wayyeessuuf akka yaadame himaniiru.

Jaataniin ejensichaa 'Rays of Hope' jedhamu gamasaatiin, kaayyoo waldhaansa kaansarii fooyyesuu qabatee kan ka'e yoo ta'u, humna nikularaa itti gaafatamummaan fayyadamuun dhukkuba kaansarii yaaluuf akka gargaaramu ibseera.

Akka ragaan [Globocan] agarsiisutti, bara 2022tti qofaa namoonni dhukkuba kaansariin qabaman haaraan miliyoona 20 yoo ta'an, isaan keessaa miliyoonni 10 ammoo boqotaniiru.

Lakkoofsi kun biyyoota galii gadaanaafi giddugaleessaa qaban keessatti waggoottan digdamman dhufaniif akka dabalu kan eeruu dhabbanni qorannoo kaansarii Globocan, bara 2045tti namoonni dhukkuba kaansariitiin qabaman haaraan miliyoona 33 akka gahanii fi isaan keessaa miliyoonni 17 akka lubbuun darbuu tilmaamasaa kaa'eera.

Akka Afrikaatti dhibbantaan torbaatamni waldhaansa kaansarii akka hin arganne ibsu qorannoowwan bara 2024 taasifaman. Du'a sababa dhukkuba kaansariitiin mudatu keessaa %70n biyyoota galii gadaanaa qaban keessattidha.

Itoophiyaan waldhaansa kaansariitiin sadarkaa maaliirratti argamti?

Itoophiyaatti, ganna tokkotti qofa namoonni haaraan dhukkuba kaansariin qabaman 80,300 yoo ta'an, isaan keessaa 55,000 ammoo ni du'u jedha gabaasni [GLOBOCAN 2022]. Kaansariin harmaa, gadameessaafi mar'immaanii (colorectal cancer) ammoo warreen tarree jalqabaarratti argamanidha.

Itoophiyaatti giddugalli wallaansa reedooteeraappii jalqabaa gargaarsa IAEA'tiin bara 1999 Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Tuqur Ambaassaatti hundaa'e.

Akka Deetaan Ministeera Fayyaa Itoophiyaa Dr. Darajjee Dhugumaa waltajjirratti himaniitti, bara 2016 Itoophiyaan giddugala waldhaansa kaansarii gara naannolee shaniitti babal'isuun, ogeeyyii waldhaansa kaansarii [clinical oncologist] shantamaa ol akkasumas ogeeyyii niwukilar meedisinii [nuclear medicine] 17 akkasumas narsii waldhaansa kaansarii soddomaa ol leenjisteetti.

Dhiyeenyatti ammoo Hospitaala Qiddus Paawoloosiifi Maqaleettis kan babal'atu ta'uus himaniiru Dr. Darajjeen.

"Qorichi kaansarii qaala'uufi argamuu dhabuurraan" kan ka'e waldhaansisaa akka danqamu kan kaasan Dr. Darajjeen, "kaansariin dhukkuba namni tokko qofti dhukkubsatu otoo hin taane, maatiitu waloon dhukkubsata" jedhan rakkina walxaaxaa waldhaansa kaansariitiin walqabatee jiru yeroo ibsan.

"Waldhaansi kaansarii garmalee qaala'uurraa kan ka'e namoonni baay'een" rakkoo dinagdeef saaxilamuu jedhu Dr Darajeen.

Itoophiyaan Sagantaa To'annoo Kaansarii Biyyaalessaa isa lammaffaa bara 2025-2029 turuun otoo dhukkubichi hin hammaatiin dursanii adda baasuu, dhaqqabummaa hundagaleessaa mirkaneessuu fi haala jireenyaa fooyyessuuf dursa kennuun waldhaansa dhukkuba kaansarii akka babal'isan himaniiru.

Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa Dr. Maqdas Dhaabaa akka koricharratti dubbatanitti, kaansariin "dhukkuboota garmalee yaaddeessoo" ta'an keessaa kan hangafaa ta'uu ibsuun xiyyeeffannoo guddaa akka barbaadu himan.

'Bara 2022 biyyoonni Afrikaa 22 ta'an maashina reedooteeraappii tokkollee hin qaban kan jedhu nama yaachisu ture'

Waldhaansi dhukkuba kaansarii sadarkaa gadaanaarra jiraachuu irraa kan ka'e, jaataniin 'Rays of Hope' akka hundaa'e kan ibsan Darektarri Waliigalaa Ejensii Anniisaa Atoomii Idil-addunyaa Raafaa'el Maariyaanoo Giroozii, biyyoota Afrikaa digdamaa ol ta'an keessa maashinni raadiyooteeraappii tokkollee akka hin turre yaadachiisaniiru.

Walakkaan dhukkubsattoota kaansarii biyyoota galii gadaanaaf giddugaleessaa keessa jiran kan raadiyooteeraappii barbaadan akka hin arganne kan ibsan, darektarri waliigalaa ejensichaa, "kun fudhatama hin qabu" jechuun haallisaa jijjiiramuu akka qabu ibsu.

Ejensii Anniisaa Atoomii Idil-addunyaatti darekratti damee fayyaa namaa, Meey Abdel-Wahaab akka BBC'tti himanitti, "waggoota muraasaan dura waldhaansa dhukkuba kaansarii kan akka reedooteeraappiifi immeejiing argachuun gadaanaadha hubannaa jedhutu ture.

Biyyoonni Afrikaa 22 ta'an ammoo maashina raadiyooteeraappii tokkollee hin qaban kan jedhu lakkoofsa nama yaachisu ture. Haala sanaanii kan jaataniin 'Rays of Hope' jedhu kaayyoo namoonni dhukkubsatan waldhaansa lubbuusaanii baraaru argachuu qabu" jedhuun akka hundaa'e dubbatu Meey.

Erga jaataniin argamummaa waldhaansa kaansarii fooyyessuu karoorfatee Ejensii Anniisaa Atoomii Idil-addunyaatiin hundaa'ee as "giddugala waldhaansa reedooteerraappii hundeessuun, ogeeyyii leenjisuun, gorsa waldhaansaa kennuun" biyyoota addunyaa gara garaa gargaaraa jiraachuu dabaluun ibsu.

Kalaqaa fi qorannaa kaansarii irrattis hojii jajjabaa dalagaa jiraachuus ibsu, darekratti damee fayyaa namaa ejensichaa.

Karaa ejensichi ittiin waldhaansa dhukkuba kaansarii gabbisaa jiru keessaa tokko qorannoo geggeessuu, ogeeyyii leenjisuu, kalaqa cimsuun ta'uu kan kaasan Meey bara 2025'tti 'Rays of Hope' biyyoota addunyaa gara garaa keessatti giddugala qorannoo [Anchor centers] 12 hundeessuu himaniiru.

'Daa'imman dhukkuba kaansariitiin garmalee rakkatu'

"Daa'imman dhukkuba kaansariitiin garmalee rakkatu. Yeroo giddugala waldhaansaa hundeessinee, ogeeyyii leenjisnu daa'imman kaansarii dhukkubsataa jiranis waldhaansa akka argataniifidha.

''Ganama kana walooma gaarii ta'e Hospitaala St. Jude waliin hojjechuuf waliigalleerra. [Waliigalteen] kun ammoo inumaayyuu dandeettii daa'imman kaansarii dhukkubsataa jiran gargaaruu keenya olkaasa" jechuun abdii qaban ibsaniiru Meey Abdel-Wahaab.

Akka ejensichi bara 2024 gabaasetti, Itoophiyaatti maashinni raadiyooteeraappii yaala kennaa jiraatus, "Hospitaalaa Tuqur Ambsaatti tarreen dhukkubsattoota kaansarii ganna lamaaf dabaree eeggachaa jiran" akka turan kaasuun, "namoonni [kaansariin qabaman] baay'een osoo carraa waldhaanamuu hin argatiin akka lubbuunsaanii darbu" ibsa.

Kora kanarratti dhaabbanni sadarkaa idil-addunyaatti qorannaaf waldhaansa dhukkuba kaansarii daa'immanii irratti hojjechuun maqaa guddaa qabu Seent Juud [St. Jude] ejensicha waliin waloomaan hojjechuuf mallatteeseera.

Dhaabbatichis fooyya'insa waldhaansa kaansarii daa'immanni irratti ganna sadiif kan waliin hojjetu yoo ta'u ejensichaaf gumaachaa qarshii doolaara miliyoona 4.5 akka arjoomu sagantichaa irratti ibsameera.

Ejensii Anniisaa Atoomii Idil-addunyaatti darekratarri kutaa sagantaa raawwii waldhaansa kaansarii kan ta'an Liisaa Istiivans, ejensichi "karaa naga-qabeessa ta'een [humna] nikularaatti fayyadamuuf aangoo teeknikaalaa [technical mandate] qaba.

Kanaaf, nikulara keessoo qaama namaa ilaaluuf [diagnostic imaging], nikular meedisinii fi raadiyooteeraappiif fayyadamna" jechuun ibsu.

Dhabbata Fayyaa Addunyaafi Ejensii Qorannoo Kaansarii Idil-addunyaa waliin ta'uudhaan biyyoonni akka humna waldhaansaaf to'annaa kaansarii qindaa'aa qabaataniif gargaaraa jiraachuus dabaluun ibsu.

Seent Juud dhaabbata qorannaa fi waldhaansa kaansarii daa'immanii addunyaa isa hangafaa ta'uu kan kaasan Liisaan, "walooma har'a ifoomsineen qorannaafi waldhaansaa kaansarii daa'immanii wayyeessuuf" carraa gaarii ta'uu kaasan darektarri sagantaa raawwii waldhaansa kaansarii IAEA.

Ogeeyyii kaansarii daa'immanii waldhaanan leenjisuun, haala dhukkubaafi waldhaansa kaansarii irratti imaammata biyyaa sakatta'uun sagantaa waldhaansaaf to'annaa kaansarii daa'immanii fooyyessuun kaayyoo walooma isaanii ta'uu himaniiru.

Waloomni kanaanis daa'imman kaansariin qabamanii waldhaansa hin arganne akkasaan argatan taasisuuf karoorsuu kan dubbatan Liisaan, deeggarsa kanaan dura taasisaa turaniin ogeeyyii waldhaansa kaansarii dhibba tokkoo ol akka leenjisan ibsaniiru.

Kora kanarratti itti aanaan MM Tamasgeen Turunaafi Ministirri Ministeera Saayinsiif Teeknolojii Itoophiyaa dabalatee aanga'oonni biyyoota addunyaa biroos argamaniiru.

Kora Finfinneettii taasifamaa jiru kanaan Itoophiyaa dabalatee biyyoonni gara garaa saganticharraa fayyamaa jiran milkaa'ina waldhaansa kaansariitiin argatan kan qoodan yoo ta'u, biyyoonni saganticha deeggaranis qooda fudhataniiru.

Kaansariin daa'immanii harki caalaan jijjirama seelii keessatti jiinii (gene) irratti kan raawwatamu yoo ta'u, jijjiiramni jiinii kun karaa lamaan dhufuu danda'a. Hammi ta'e sanyiin maatiirraa kan daa'mmaniitti darbu yoo ta'u, harki caalmaan garuu erguma daa'imman uumamanii (garaa keessatti utuu hin dhalatiin ykn erga dhalatanii) kan uumamuu maludha" jechuun sabispeeshaalistiin dhukkuba kaansarii fi dhiigaa daa'immanii, Dr. Dirribaa Fufaa BBCtti himanii turan.

Kaansariin daa'immanii yaalii millkaa'aa ta'e yeroodhaan argannaan carraan fayyuu isaa hanga dhibbantaa 90 ta'us, akka wiirtuu kaansarii yunivarsiitii Jimmaatti dhibbantaa 40-50 waldhaansa waan addaan kutaniif carraan fayyuusaanii yaraa ta'uus himanii turan, Dr. Dirribaan.

Waldhaansa yeroon jalqabuu dhiisuun, waldhaansa eegalanii nuffanii yookaan rakkoo hawaas dinagdee walxaxaa ta'een yaala addaa kutuun, hanqinni hubannoo bal'aan hawaasa keessa jiraachuufi hanqina ogeessaa danqaa ijoo waldhaansa kaansarii daa'immanii ta'uu kaasanii turan Dr. Dirribaan.

Dhiheenya kana seenaa dubartii ganna dheeraaf manashee cuftee mucaashee yaalchisaa turte kan gaafa muchaashee waliin manatti deebite waaniin jiraattu dhabdee miidiyaa hawaasaa isaanii irratti qooduun gargaarsa gaafataafii turan.

Miseensi maatii tokko maatii keessaa kaansariin qabamuun ba'aa maatii guutuu, hawaasa bal'aa ta'uu dubbatu.

Hawaasni akka wal tumsu dhaamanii turan haasaa kanaan dura mata duree 'Carraa fayyuu kaansarii daa'immaniifi danqaalee waldhaansisaa qabu' jedhurratti BBCtti himan Dr. Dirribaan.

Akka Dhaabbatta Fayyaa Addunyaa (WHO)tti, akka addunyaatti bara 2018 kaansariin sababa du'aatii sadarkaa lammaffaa kan qabate yoo ta'u, du'aatii naannawaa namoota miliyoona 9.6 ykn namoota 6 du'an keessaa 1 kansariitiin du'a jechuun ibseera.

Akka dhaabbanni kun bara 2023 ifoomsetti, Afrikaatti tilmaamaan waggaa waggaadhaan dhukkubni kaansarii haaraan miliyoona 1.1'tti dhiyaatu akka argamuu fi du'aatii namoota 700,000'tiif sababa ta'a jedha.

Tilmaamni amma jiru akka mul'isutti, bara 2050'tti Afrikaan rakkoo kaansarii daa'immanii idil-addunyaatiif qooda dhibbantaa 50 akka qabaatu kan raagu yoo ta'u, Afrikaan bu'uuraalee waldhaansa kaansarii akka addunyaatti jiran keessaa dhibbantaa 3 qofa qabaachuu agarsiisa.

Dhimmichi xiyyeeffannoo addaa akka barbaadus itti dabaluun kaasa.