Dargaggoo moosaajii qubee Afaan Oromoo 'Qubee Kids' tibbana akkaan leellifamaa jiru duuba jiru

Dargaggoo 'Qubee Kids' aappii jedhu hojjete

Madda suuraa, Kabiilaa Haayiluu

'Qubee Kids' dadhabbii maatii kan hir'isu, yeroosaanis kan qusatu akka ta'e dargaggoo Kaabiilaa hima.

Moosaajiin daa'imman umriinsaanii waggaa 3-12 ta'an qubee Afaan Oromoo barsiisuuf qophaa'e tibbana marsaalee hawaasaarratti leellifamaa jira.

Moosaajii kana kan hojjetemmoo dargaggeessa ogummaa 'Software Enginering'tin biyya Ameerikaatti barnootafi hojiirra jiru Kaabiilaa Haayileeti.

Moosaajiin maqaa 'Qubee Kids' jedhu qabu kun daa'imman biyya keessatti akkasumas maatii diyaaspooraarraa dhalatan haala ammayyaa'aa ta'een Afaan Oromoo barsiisuuf kan hojjetame akka ta'e dargaggoo Kaabiilaa hima.

Yeroo ammaa moosaajiin kun kuusaa moosaajii bilbiloota Andiroyidii fi IOS irratti maxxanfamuun fayyadamtootaaf dhiyaatera.

"Barreeffamni qubee ni jira. Ijoolleen isatti bubbu'anii (cuqaasuun) A, B, C… kan jedhu sagalee hawwatuun taphata. Achumarratti A- Arba, B- Barruu, jechaa qubee fakkiidhaanis ni barsiisa" jedha Kaabiilaan.

Galmi ijoon 'Qubee Kids' daa'imman qubee Afaan Oromoo barsiisuu ta'us, moosaajichi lakkoofsotafi herreega, guyyoota torbanii, ji'oota waggaa, kutaalee qaama namaa akkasumas bineeldotafi bineensota fakkiiifi sagaleen akka barsiisuus himeera.

Dabalataan "daa'imman waan argan tokko irra deebi'anii yaadachuusaanii kan isaan ittiin cimsatan tapha walfakkeessuus ofkeessaa qaba" jedha.

Dabalataan moosaajichi istaandaardiiwwanfi seerota akkasumas xinsammuu daa'immanii giddugaleessa gochuun kan qophaa'e akka ta'es himeera.

"Gaafa ijoolleen dogongoran jajjabeessuun karaatti qajeelchuuf hojjetame. Kunimmoo ijoolleen gammadanii qubee akka baratan taasisa" jedha.

Qubee Kids

Madda suuraa, Kabiilaa Haayiluu

Sababni ijoon moosaajii kana hojjechuuf isa kakaase moosaajiiwwan Afaan Oromoo ittiin barsiifamu jiraachuu dhabuu akka ta'e dargaggoo Kaabiilaa Haayilee hima.

Haaluma kanaan moosaajii 'Qubee Kids' jalqaba ALA bara 2017 wayita inni Yunivarsiitii Finfinneetti barataa mummee barnootaa 'Software Engineering' turetti akka hojjete hima.

Yeroo sanattis sagalee obbolaasaa quxisuu waraabuun moosaajicha akka hojjete dubbata.

"Gaafan gara Ameerikaa dhufu maatiin ijoolleessaanii afaanfi qubee barsiisuuf baay'ee barbaadu. Garuummoo wanti bilchaataa ta'e maatiidhaaf dhiyaate jiraachuu dhabuunsaa waan kana fooyyessee bifa haaraan hojjedhee akkan baasuuf kaka'umsa naaf ta'e" jechuunis hima.

Moosaajii hayyoota afaanii hirmaachise

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dargaggoo Kaabiilaa Haayilee yeroo ammaatti 'Qubee Kids' caalmaatti fooyyeessuun cinatti moosaajii dargaggootafi ga'eessotaaf ta'u hojjechaa akka jirus himeera.

"Mosaajiin kun hayyoota afaaniis dabalatee kan hojjetamaa jirudha" jedheera.

Moosaajiin haaraan hojjetamaa jiru kunis qubee Afaan Oromoo barreessuufi dubbisuu kan barsiisu akka ta'es himeera.

Gama biraatiin dargaggoonni akka isaatti hojii moosaajii hojjechuurratti bobba'uu barbaadan rakkoolee naannoo isaanii jiran mil'achuu akka qaban gorsa.

"Moosaajii kamiyyuu hojjechuuf rakkoo naannoo keenyatti arginu yoo ta'e, yookiin wanta ba'aansaa nutti dhagahamu yoo ta'e inni kaka'umsa guddaadha" jedha.

Dabalataan moosaajii hojjechuu barachuuf yookiin beekumsa qaban gabbifachuuf leeccalloon heddun intarneetiirra akka jirus himeera.

Gama biraatiin dargaggoo Kaabiilaan barnoota digirii jalqabaasaa Yunivarsiitii Finfinneetti mummee barnootaa 'Software Engineering' kan barate yemmuu ta'u, qabxii olaanaa fiduun eebbifame.

Yunivarsiiticha keessattis barsiisummaan hojjeteera. Dabalataan dhaabbilee mootummaafi miti-mootummaa walin ta'uun leenjiiwwan garagaraa kennaa tureera.

"Gara Amerikaa ergan dhufee addunyaa barnootaafi hojii keessan jira. Hojiidhaan 'software engineer' dha. Software ani hojjedhus baay'eensaanii hubannoo namtolchee (AI) walin kan walqabatanidha" jedha.

Gama barnootaanis digirii sadaffaa damee hubannoo namtolchee (AI) barachaa akka jirufi qorannoowwan garagaraa hojjechaa akka jirus BBC'tti himeera.