Kalaqa ganna kudhan booda milkaa'ee abdii biyyaa ta'e: Simboonaa Afrikaa 'Healthcare'

Madda suuraa, Habtaamuu Abbaafooggii
Kalaqni meeshaalee fayyaa [medical equipments] kanaan dura biyya keessatti kalaqamnii hojiirra oolan hin turre.
Biyya alaatii bitamanii fayidaa barbaadamaniif oolu. Meeshaaleen fayyaa kunneen qaalii waan ta'aniif yeroo fi bakka barbaadamanitti argachuun rakkisaadha.
Meeshaalee jijjiirraa argachuufis ta'ee yeroo hojii dhaaban suphuun salphaa miti.
Dargaggeessi rakkoo kana hubate tokko imala kalaqaa ganna kudhan itti fudhateen haalota kana jijjiiruuf karaa saaqeera.
Habtaamuun ogeessa bayomeedikal injinariingii yoo ta'u, hiriyootasaa kaan waliin ta'uun dhaabbata Simboonaa Afrikaa Healthcare jedhamu bara 2015 hundeessa.
Simboonaan yeroosanatti akka dhaabbata qorannoof dagaaginaatti (Research and Dveleopment) kan hundaa'e yoo ta'u, boodarra meeshaalee fayyaa biyya keessatti kalaquuf oomishuu gara jedhutti ce'e.
Ganna kudhaniif halkanoota hedduu hirriba malee dabarsuun har'a namoota kumootaan lakkaa'aman fayyadamtoota bu'aa dhamaatii isaanii taasisuu jalqabaniiru. Egere ammoo Itoophiyaa qofa otoo hin taane kaayyoo Afrikaa guutuu kalaqa meeshaalee fayyaatiin waliin gahuu qabu. Imala kalaqa meeshaalee fayyaa ganna kudhanii, bu'aa bayii dabarsanii fi bu'aa dhamaatiisaanii ilaalchisee hundeessaaf hoji gaggeessaan dhaabbatichaa BBC waliin turtii taasiseera.
Habtaamuu Abbaafoggii barataa Bayomeedikaal injinariingii yeroo turetti sagantaa internship'tiif Hospitaala Tuqur Ambassaa ture. Bakka sanattis maashinoonni lubbuu daa'immanii baraaruuf oolan hojii dhaabuun rakkisaa akka turan jechuun waan ganna kudha tokko dura isa mudate yaadachiisa.
yaadachiisa. "Tuqur Ambassaa yeroon ture [maashinni] phototherapy yeroo baay'ee hojjechuu didee rakkisa. Suphuudhaaf yeroo yaallu ammoo meeshaalee gahaa hin argannu ture. Gara baadiyyaattis gaafa baanu waan walfakkaataatu nu mudata ture" jechuun dabalee rakkoo arge dubbata.
Rakkoo achitti hubaterraa ka'uun yaada maashina fayyaa biyya keessatti kalaquu jedhurra akka gahe kan ibsu dargaggeessi kun, maashina phototherapy yeroonni Hospitaala Tuqur Ambassaa ture hojii dhaabuun isa rakkisaa ture dabalatee maashina lama milkiin xumuruun tajaajila kennaa jiraachuu dubbata.
"Ganna kurnan darbaniif meeshaalee fayyaa lama hojjechaa turre. Amma lammanuu xumurree qaamolee to'annoo [regulatory body] gara garaarraa beekamtii dhumaa [Food and Drug Authority approval] argatee meeshaalee fayyaa Infant radiant warmer fi Phototherapy jedhaman hojiirra oolchuu danda'eera" jechuun ibsa Habtaamuun.
Itoophiyaa keessatti maashina elektiroo-makaanikaalii jalqabaa diizaayin tahe
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Infant Radiant Warmer, meeshaa da'imman kichuu hoo'isuuf fayyadudha.
Daa'imman yeroo dhalatan rakkoo hypothermia jedhamu waliin dhalataniif ho'a isaan barbaachisu kennuun kan waldhaanudha. Hypothermia'n hoo'ina qaamaa daa'immanii hamma barbaachisuun gadi ta'een dhufudha.
Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) jedhutti, hoo'a qaamaa fayyaalessi, digirii seentiigireedii 36.5-37.5ti. Hoo'insi qaamaa kanaan gadii rakkoo 'Haayipotermiyaa' jedhamutti geessa; kunimmoo yoo yaala hin argatiin du'a qaqqabsiisa jedha Habtaamuun.
Habtaamuun afgaaffii gannaa sadiin dura BBC waliin taasiseen akka ibsetti, sababa hoo'ina qaamaa gad-aanaa yookan Haayipotermiyaatiin, waggaatti lubbuun daa'imman miliyoonni 4 du'aaf saaxilamu jedhe.
Qorannoo UNICEF wabeeffachuun akka akka Habtaamuun ibsutti, Itoophiyaattii sababa 'Haayipotermiyaa'n guyyaatti lubbuun daa'imman 240 akka darbu, eeruun daran barbaachisaa ta'uu maashina Infant Radiant warmer kanaa hima.
Habtaamuun, "maashinni nuti hojjenne kunis haala du'aatii daa'immanii, Haayipotermiyaa'n walqabatee dhufu furuudhaa fi rakkoolee hawaas dinagdee biroo foyyeessuuf gahee guddaa gumaacha.''
Haala kanas fakkeenyaan yoo ibsuu, ''Itoophiyaan maashina kana tokko biyya alaatii doolaaraa kuma shaniin bittee galchiti. Maashinni kun yoo biyya keessatti oomishame ammoo gatiisaa dachaa sadiin hir'isa.''
''Akkasuumas seenaa Itoophiyaa keessattis maashina hojiin elektiroo-makaanikaaliisaa guutummaatti biyya keessatti diizaayin ta'uun dalage isa jalqabaati," jechuun Habtaamuun ganna sadii dura BBCf ibsee ture.
Meeshinni kun wixinee [design] irraa kaasee, guutummaatti biyya keessatti kan oomishame yoo ta'u, mirkanneessa qaamolee to'annoo gara garaarraa argachuun, hojiirra ooleera.
"Maashinni kun akkuma oomishtoonni idil-addunyaa kaan hojjetanitti sadarkaa qulqullinasaa kan eeggatedha. Ethiopian Standard fi Ethiopian Food and Drug Authority (EFDA) ilaalamee kan darbedha" jechuun waa'ee kalaqa waldhaansa daa'imman kichuu irratti qooda guddaa qabu kanaa ibsa.

Madda suuraa, Habtaamuu Abbafooggii
Yeroo dhiyootti daa'imman 200,000 ta'an bira qaqqabuu
Kalaqni lammaffaa dhaabbanni kun hojiirra oolche ammoo maashina footooteeraaphii (Phototherapy) jedhamudha.
Maashinni kun daa'imman kichuu rakkoo fayyaa jaundice jedhamu waliin dhalatan ifa cuquliisa fayyadamuun waldhaanuuf kan ooludha. Daa'imman jaundice horatan gogaan qaama isaanii fi ijjisaanii gara halluu keellootti jijjiirama. "Akka qorannoon agarsiisutti, daa'imman dhalatan keessaa harka 60-80 kan ta'an rakkoo fayyaa jaundice jedhamu horatu. Kanaaf, rakkoon kun yeroodhaan hin waldhaanamu taanaan brain induced damage [miidhaa sammuu] fiduun du'aaf saaxila" jechuun waa'ee jaundice rakkoo daa'imman kichuurra gahu ibsa Habtaamuun.
Yeroo ammaa maashinni footooteeraappii kunis hospitaalota biyyattii gara garaatti hojiirra ooluun daa'imman rakkoo fayyaa jaundice qaban waldhaanaa jiraachuu hima abbaan kalaqa kanaa. "Giddugala fayyaa yun. Jimmaa, Hospitaala Qiddus Paawuloos, Gaandii, Abbabech Goobanaa" dabalatee bakka baay'eetti fayidaarra ooluun lubbuu daa'immanii baraaraa jiraachuu hima Habtaamuun.
"Maashinota [footooteeraappii] fayyadamuun lubbuu daa'immanii oolchuun ni danda'ama" kan jedhu dargaggeessi kun, "dhaabbileen fayyaa biyya keenyaa hundi gatii madaalawaa ta'een akka argatan gochuuf" hojjechaa jiraachuu ibsa.
Maashinni footoo teeraappii "jalqaba karaa clinical performance yeroo ilaalamu dandeettiin waldhaanuusaa garii ture. Amma erga hojiirra oolee asis yaada ogeeyyii fayyaarraa arganneen" daa'imman rakkoo fayyaa jaundice qaban waldhanuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu ibsa.
"LED phototherapy yoo ilaallu akka haala dhukkubsataatti intensity [hamma ifaa] gara garaa dabaluuf hir'isuuf [mijatuun] kan waldhaanudha. Maashinicha ammoo sa'aatii dheeraadhaaf fayyadamuu danda'u. Sa'aatii 40,000 – 50,000tti yookaan waggaa shanii hanga jahaatti teknoolojii" tajaajila kennuu danda'u ta'uu ibsa abbaan kalaqichaa. Kalaqni kun biyya keessatti kan hojjetame waan ta'eef suphuufis salphaa ta'uu dubbata dargaggeessi kun.
"Yaalii meeshaalee fayyaa [medical equipments] oomishuu yeroo dheeraa fudhatedha. Meeshaaleen fayyaa kunneen class one fi class two [sadarkaa lammaffaa fi sadaffaarra] kan jiranudha. Meshaalee fayyaa akkasii Itoophiyaa keessatti oomishuun kan jalqabaa ta'uu keenyaani kan yeroo dheeraa nutti fudhate. Kanaaf, kan jalqabaati jennee fudhachuu dandeenya" jechuun waa'ee kalaqa meeshaalee fayyaa Simboonaa Afrikaa ibsa Habtaamuun.
"Maashinni footooteeraappii ammatti hopitaalota fayyaa mootummaa fi kan dhuunfaa kudha sadii keessatti fayidaarra ooleera. Ji'oota lamaan dhufan keessatti hospitaalota shantama ta'aniif ni dhiyeessina.
[Maashinni] Infant Radiant Warmer jedhamus erga EFDA [Abbaa Taayitaa Nyaataaf Qorichaa Itoophiyaa] irraa mirkaneessa argannee eegallee [dhiyeessuu] jalqabneerra.
Waggoota lamman sadan dhufanitti daa'imman kuma dhibba lama ta'an bira qaqqabuu barbaanna,'' jedha hundeessaan kaampaanichaa'
'Yoo yeroon hin yaalamne guyyaa gabaabaa keessatti daa'ima ajjeesuu danda'a'
Giddugala meedikaala yunivarsiitii Jimmaatti narsii daa'ima kichuu kan taate Jamiilaa Abaajabal maashinoonni Infant Radiant Warmer fi Phototherapy jedhaman waldhaansa daa'immanii taasisan keessatti haalaan akka isaan gargaaraa jiru BBCtti himteetti.
"Qaamni jaraa guutuun yookan ijji qofti yeroo gara keellootti jijjiiramu daa'imni jaundice qabdi jedhamee fudhatama; garuu safartuudhaan yookan laabiratoriidhaan sadarkaa bilirubin [halluu keellummaan] jaraa irra jiru adda baasnee footooteeraappiin" yaalamuu qabaachuuf dhiisuu isaanii murteessina jechuun ibsiti siistar Jamiilaan.
Dhukkubni Jaundice "sadarakaa [range] mataasaa danda'e qaba. Yerootti dhiiga jijjiiruunillee barbaachisu jira. Walumaagalatti, daa'imni kichuun gaafa dhalatan [bifnisaanii] gara piinkii yookan rooziitti kan deemu. Garuu gaafa dhukkuba kanaan qabaman, seeliin dhiiga diimaa keessoo jaraatti gaafa du'u gara keellootti jijjiiramu" jechuun waa'ee dhukkuba kanaa ibsiti.
"Kilinikaalii ijaan ilaalanii beekuun ni danda'ama. Sana booda daa'ima kanaaf footooteeraappiin ni barbaachisamoo hin barbaachisu kan jedhamu laabiraatooriidhaan mirkaneeffama" jechuun dabaltee ibsi narsiin daa'ima kichuu kun.
Waldhaansi footooteeraappiin daa'ima rakkoo 'jaundice' horateef kennamu naannoo ijaa fi qaama saalaa isaaniirraa kan hafe qaamasaanii qullaa ifa cuquliisaa jala kaa'uun halluun keelloon sun qaama isaanii keessaa akkanni hir'ataa deemu taasisuudha.
Maashinoota lamaan Simboonaan hojjetametti fayyadamaa jiraachuu kan himtu narsiin kun maashinoonni kunneen warren duraan turan caalaa waldhaansa daa'immaniirratti akka isaan gargaaraa jiran dhugaa baati.
"Maashinni footooteeraappii sa'aatii muraasa erga hojjetee booda ampuuliinsaa jijjiiramuu qaba. Yoo sana hin jijjiirsisne yookan standard machine bitanii bakka hin buusne, akka maashinoota warra kaanii waggaa dheeraa hin hojjetu. Yeroonni hojjetu daangeffamaadha.
Yeroo ammaa kanatti maashinni functional ta'ee sirriitti hojjetu kan qabnu Simboonaadha. Maashinni footooteeraappii yeroo dhihootti dhufe jedhamu waggaa afurii ol ta'eera. Amma guutumaa guutuutti maashiniidhuma Simboonaatti fayyadamaa kan jirru" jechuun dubbatti narsiin kun.
"Maashina footooteeraappii bakkeerraa bitamanii dhufanirra Simboonaan fayidaa lama qaba. Tokkoffaa intensity- hanga ifa cuquliisaa kennuu barbaannu dabaluuf hir'isuun ni danda'ama, kan Simboonaa irratti.
Ijoolleen footooteeraappii jala galchinu kaan ifa hanga xiqqoo barbaadu. Gariin ammoo sadarkaan bilirubin dhiiga jaraa keessa jiru olka'eera yoo ta'emmoo oldaballee fayyadamuu qabna. Intensity hangana irrattan kennaa jira jennee ilaaluu dandeenya.
Hunda caalammoo fayidaansaa dhiyootti argachuu keenyadha. Rakkoo jiru warra pirojektii kanarra hojjetan waliin dhiyeenyatti haasofna waan ta'eef, ni fooyyessu jarri" jechuun waa'ee maashinoota Simboonaa lamaan waldhaansa daa'immaniif itti fayyadamaa jiranii ibsiti narsiin daa'imman kichuu daa'immanii Jamiilaan.
Haadholiin yeroo dahan mana ifa gahaa hin qabne keessa ciisuun hin gorfamu…
"Yeroo baay'ee haadholiin dahanii mana dukkanaa, bakka dukkanaa keessa kan ciisan. Ifa bakkeettis gad hin bahan waan ta'eef, daa'imnis jaruma faana golgamtee ciisti. Yeroo sana daa'ima ilaalanii [halluu keelloo] qaamasheerratti arguu dhiisuu danda'u. Isuma qaamni jaraa keelloo ta'eera jaundice horataniiru jennee yaannu kanallee ija haadholiitiin adda bahuu dhiisuu danda'a" jechuun akkamiin daa'imman kichuun dhukkubichaaf akka saaxilaman ibsiti.
Haadholiin "kan beekuu danda'an gaafa ijarratti arganidha. Ija isa adiirratti gaafa bifti jijjiiramedha" kan jettu Jamiilaan, bifti daa'immanii gurraacha yookaan maagala yoo ta'e adda baafachuun kan ulfaatu yoo ta'u daa'imman diimoo ta'anirraa salphaatti baruun akka danda'amu himti.
Sababoonni rakkoo fayyaa daa'immanii kun bal'aa ta'uu kan kaastu Jamiilaan, dafanii harma hodhuu dhabuu, harmi haadha mataansaa, gartuun dhiiga haadhaaf daa'imaa walsimuu dhabuu [AB RH incompatibility] fi caasaan seelii illee sababa ta'uu akka malu ibsiti.
Haadholiin hospitaalatti dahanii yeroo daa'imman fudhatanii manatti galan akkasaan rakkoo jaundice hordofaniif hubannoon ogeeyyii fayyaatiin kennamuu akka qabu gorsiti narsiin kun.
"Daa'ima keessan ifarratti ilaalaa. Yoo bifti jaraa jijjiirame dafaa mana yaalaa fidaa" jedhamuun ogeeyyiin fayyaa haadholii gorsuu akka qaban dubbatti siistar Jamilaan.
Rakkoon fayyaa daa'imman kichuu mudatu kun "yoo yeroodhaan hin yaalamne guyyaa gabaabaa keessatti daa'ima ajjeesuu danda'a. Bilirubin olkaa'uunsaa rakkoo dhumaa inni geessisu du'adha. Daa'imman manuma yaalaatti dhalatanii achii bahanii yeroo dhihootti nu jalaa miidhamaniiru" jetti narsiin kun
Kalaqa meeshaalee fayyaatiin walqabatee kanaan dura "akka biyyatti sadarkaa hin qabnu. Muuxannoos hin qabnu. Ogeeyyii kilinikaalii hojjetan irraa kaasee hanga dhaabbilee [to'annoo qorichaa] akka EFDA, Ethiopian Standard'tti akka jalqabaatti waan hundumaa kan fudhatan" jechuun kan ibsu ogeessi baayomeedikal injinariingii kun, kalaqa meeshaalee fayyaa kanneen hojiirra oolchuuf waan hundumaa duwwaarraa kaasuun hojjechaa akka turan ibsa.
Imala kalaqa meeshalee fayyaa ganna kudhan lakkoofsise keessatti bu'aa bayii qofa otoo hin taane beekamtii biyyaalessaaf idil-addunyaa argatanis duubatti deebi'uun yaadachiisu.
Akka biyyaa yeroo ilaallummoo teknolojiin akkasii biyya keessatti oomishamuun gama hedduun fayidaa bal'aa qabaatu.
Tokkoffaa home grown solution [kalaqa biyya keessatti dhalatan] ta'uudha. Yeroo barbaachisetti carraa suphamuu, meeshaalee jijjiiruuf fooyyessuu bal'aa qabaata.
Kanaaf, akka import substitution [meeshaalee] alaa galan bakka buusuufis ni gargaara. Meshichi bakka jalqabaarratti hin hafu. Kan jalqabaa fayyadamtootaaf dhiyeessineerra. Isa itti aanuuf ammoo yaada fudhachuudhaan fooyyessaa deemna jedhe.
Dargaggeessi maashina waggaa kudha tokkoon dura hojii dhaabee rakkisaa ture, fotooteeraappii biyya keessatti hojjete kun, "amma Waaqayyo nu gargaaree maashina lama xumurreerra. Kaan ammoo karaarra jiru" jechuun waa'ee kalaqasaa ibsa.
Imala ganna kudhanii kana keessatti deeggarsi dhaabbilee biyya keessaaf idil-addunyaa guddaa ta'uu kan ibsu abbaan kalaqaa kun, qormaata jajjabaa dabarsuus dubbata.
"Yaada tokkorra ganna kudhan dhiisiitii ganna lamayyuu turuun ni ulfaata. Garuu galmi guddaan kan akka biyya boonsutti fudhannu, medical device [meeshaalee waldhaansaa] yoo hojjenne kaan hojjechuun nutti hin ulfaatu.
Waan of qopheessineefidha danqaalee darbuu kan dandeenyeef. Daandiin irra dhufne akka of wareeguutis" jechuun bu'aa bayii gareen Simboonaa keessa darbe ibsa Habtaamuun.












