Badhaasa Haacaaluu Hundeessaa 4ffaa albamoota muuziqaa shaniifi sirboonni 300 ol ta'an itti galmaa'an

Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaan kan qophaa'u Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa marsaa 4ffaa ALI Waxabajjii 22, 2017 akka adeemsifamu Boordiin Faawundeeshinichaa beeksise.
Sagantaa badhaasichaa ilaalchisuun miseensonni Boordii Faawundeeshinichaa miidiyaaleef ibsa kan laatan yommuu ta'u, badhaasichi dameelee garagaraa 11 ofkeessatti kan qabate akka ta'e himameera.
Albama Waggaa, Wallee Waggaa, Wallee Aadaa, Wallee Ammayyaa, Weellisaa Cimaa Waggaa fi Weellistuu Cimtuu Waggaa kunneen jedhan dameelee hojiileen aartii muuziqaa badhaasichaaf itti dorgoman keessaa muraasa.
Sirboonni dorgommicharratti hirmaatanis ALI Bitootessa 22, 2016 hanga Bitootessa 21, 2017 kan bahan yemmuu ta'u, dameelee 11'n dabalataan Badhaasni Addaa Umrii Guutuu akka jirus himameera.
Albamoota shan fi sirboota 300 ol…

Badhaasa Haacaaluu Hundeessaa marsaa 4ffaaf albamoonni muuziqaa shan dabalatee sirboonni 300 ol ta'an dorgommiif galmaa'uunsaanii himameera.
Sirboonni 300 ol kunis gama marsariitii faawundeeshinichaatiin kan galmaa'anfii keessaan kan ergaman akka ta'e eerameera.
Adeemsi hojiileen muuziqaa kunneen badhaasichaaf itti filatamanis sadarkaawwan garagaraa kan qabu yemmuu ta'u, "Calalliin duraa ogeessotaan calalamee abbootii seeraaf darba" jedhameera.
Itti aansuunis calalliiwwan garagaraa abbootii seeraatiin taasifamuun kaadhimamtoonni xummuraa shan sagalee ummataaf dhiyaatu.
Dameelee dorgommii 11 keessaa kan ummanni sagalee kennuun irratti hirmaatus dameelee dorgommii torbadha.
Adeemsa filannoo sirbootaa keessatti sagaleen ummataa qooda dhibbeentaa 10 kan qabu yemmuu ta'u, dhibbeentaan 90 immoo abbootii seeraa (ogeeyyiin) kennama.
Adeemsi sagalee kennuu ummataas hara'a ALI Waxabajjii 5, 2017 kan eegalu yemmuu ta'u, guyyoota 10'f akka turus ibsicharratti himameera. Adeemsi sagalee kennuu gama marsariitii faawundeeshinichaan adeemsifama.
Hojiilee Faawundeeshinichaa…
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa, Badhaasa Haacaaluu Hundeessaa waggaa waggaan qopheessuun cinatti hojiilee misoomaafii gargaarsa namoomaa hojjechaa akka jiru miseensonni boordii faawundeeshinichaa himaniiru.
Haati warraa artiistichaafii Walitti Qabduun Boordii Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa Aadde Faantuu Damisoo, "Wareegamuu Haacaaluu Hundeessaa ilaalchisee kilooleessummaa sagaleetiin ijoollee marsariitiirratti galmeessinee guyyoota 14'f leenjiin kennamaa jira" jedhan.
Kunis dhimmoota badhaasa bara kanaa adda taasisan keessaa tokko ta'uu dubbatan.
Daayireektara Olaanaan Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa kan ta'an Dhiinsaa Dachaasaa gama isaaniitiin, faawundeeshinichi pirojektii bishaanii Godina Booranaatti birrii miliyoona 30 oliin hojjeteen dabalataan hojiilee gargaarsa namoomaa biroo hojjechaa turuufii jiraachuu himaniiru.
"Daa'imman maatii hinqabne 60 magaaloota Sabbataa fi Ambootti ALA 2022 irraa eegalee meeshaalee barnootaa deeggaraa jira. Kana cimsinee kan itti fufnufii babal'isnu ta'a" jedhan.
Kana malees Godina Wallagga Lixaatti kanneen sababa waldhabdeen qe'eesaaniirra buqqa'anfi Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaalleetti ummata sababa kirkira lafaatiin buqqa'aniif deeggarsawwan garagaraa taasifamuu himaniiru.
Gama biraatiin maqaa Haacaaluu Hundeesaatiin giddugala leenjii artiistotaa hundeessuuf sochiin akka eegalames himameera.












