Itoophiyaan baqataa UKtti miidhaa saalaan adabame gadhiifte

Aangawoonni Itoophiyaa baqataa UK'tti haleellaa saalaan himatameefi gara Itoophiyaatti deebifame gadhiisan.

''Biyya keenya keessatti himati irratti baname waan hin jirreef, battaluma gadhiifne.

''Himati yakkaa isarra baname hin jiru, nama tokko bu'uura seeraa malee hidhuu hin dandeenyu,'' jechuun dubbii himaan Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Jeeyilaan Abdii BBC'tti himaniiru.

Baqataan Itoophiyaa UK keessatti yakka miidhaa saalaa raawwachuun hidhaan itti murtaa'e erga dogoggoraan mana hidhaatii gadhiifamee booda biyyattii keessaa baafamuu mootummaan UK beeksise ture.

Haddush Qibaatuu yeroo hoteela baqattootaa keessa ture shamarree umrii waggaa 14 fi dubartii Esseksi keessa jiraattu irratti miidhaa saalaa raawwachuun hidhame.

Garuu Jimaata darbe (Onkoloolessa 24, 2025) hojjettoonni mana hidhaa dogoggoraan gadhiisan.

Ta'us guyyaa lamaaf erga adamsamee booda gara mana hidhaatti deebi'e.

Namichi kun Kibxata kaleessaa (Onkololeessa 28, 2025) galgala keessa xiyyaara Itoophiyaatiin UK keessaa baafame.

Qondaalli ministeera dhimma biyya keessaa Shabaanaa Mahmuud ''yakki qaanessaan torban darbe keessa mudate gonkumaa irra deebi'amuu hin qabu,'' jedhan.

''Haddush Qibaatuu UK keessaa akka ari'amuuf tattaaffii guddaa godheera. Yeroo ammaa namni miidhaa saalaa daa'imman irratti raawwachuun nu yaaddessaa ture kun dachee Biriteen irraa kaafameera. Amma sababa kanatti daandiin keenya nagaa ta'eera,'' jedhan.

Haddush Qibaatuu akka gara biyyattii hin deebinetti biyyaa baafame jedha Ministeerri dhimma Biyya keessaa.

Baqataan Itoophiyaa kun mana hidhaa HMP jedhamu keessaa baafamee gara bakka baqattoonni tursiifamaniitti erga dabarfamee booda gara Itoophiyaatti deebifame.

Baqataan yakka miidhaa saalaan walqabatu raawwachuun UK keessatti ijoo dubbii ta'e kun dogoggoraan gadhiifamuunsaa dheekkamsa kaaseera.

Ministirri Haqaa Deeviid Laamii kun ''dogoggora dhala namaa isa hamaadha'' jechuun ibsan.

Haddush Qibaatuu Jimaata darbe dogoggoraan erga gadhiifamee booda Dilbata darbe kaaba Landanitti eeruu uummataan deebi'ee to'atame.

Namni yakka biyyattii keessatti mufii guddaa uume raawwate kun akkamiin akka mana hidhaatii gadhiifame irratti qorannoon gaggeeffamaa ture.

Gareen nama kana gadhiise muuxannoo, leenjii fi teeknooloojii ga'aa ta'e qabaachuun qoratamaa akka ture ibsan Aab Deeviid Laamii.

Yakkamtoota dogoggoraan mana hidhaatii gadhiisuun erga bara 2021 as dabalaa jiraachuu kan ibsan dura taa'aan koree qorannoo taatee Haddush Qibaatuun walqabatuu Deem Laayin, namoota baqataan kun miidhetti dubbachuun fuulduraaf yakki walfakkaataan akka irra hin deebi'amne irratti xiyyeeffachuun akka hojjetan ibsan.

Aab Deeviid Laamii namoonni wayita mana hidhaatii gadhiifaman to'annoo fi hordoffii sirriin akka cimu ibsan.

Aanga'oonni mana hidhaa baqataa kana dogoggoraan gadhiisan yeroof hojiirraa dhorkamaniiru.

Haddush Qibaatuu erga UK irraa gara Itoophiyaa deebifamee booda mana hidhaa seenuu fi dhiisuu isaa wanti barame hin jiru.

Haddush karaa al-dileetiin Waxabajji 29, 2025 UK kan seene yoo ta'u, to'annoo jala kan oolfame ammoo guyyaa saddeet booda Adoolessa 1 ture.

Namni kun bakka namoonni kolu-galtummaa gaafatan keessa tursiifaman- Beel Hoteel keessa jiraataa ture.

Qoccolloo saalaa kanas raawwate kan jedhame bakka hiriyoonni manneen-barnootaa walitti qabamanii taa'aa turan, magaalaa Eepping, keessattidha.

Haddush nama ganna 41 yoo ta'u, bidiruudhan gara UK galuutu himama.

Baqataan Itoophiyaa kun yakka haleellaa saalaa dubartii umuriin hin geenyerratti raawwate jedhamuu hordofee namoonni kumaan lakkaa'aman hiriira mormii gaggeessaniiru.

Hiriirri lammiileen UK magaalaa Essiksi keessatti gaggeessan baqattoota kan mormu qofa osoo hin taane, kan deeggarus ture.

Kanneen hiriira mormii gaggeessan "dubartoota keenya baqattoota biyya alaarraa eegaa" dhaadannoo jedhu dhageessisaa turan.

Yakkamaan Haddush Qibaatu jedhamu kun shamarree waggaa 14 fi dubartii tokko irratti haleellaa saalaa raawwachuun kan adabame Fulbaana keessa ture.

Nami kun shamarree kana tuquufi dhungachuuf yaaluun yakkamaa ta'e.