Daakuu adiin Waayit Haawus keessaa namni hundi akka bahu sababa ta'e kokeenii ta'ee argame

Waayit Haawus

Madda suuraa, Getty Images

Daakuun adiin masaraa mootummaa Ameerikaa Waayit Haawus keessatti argamee, hojjeetootni marti ariifachiisaan gamoo sana keessaa akka bahan dirqisiise, qorannoon kookeenii of keessaa akka qabu agarsiise.

Sekreet Sarvisiin Ameerikaa akka jedhetti qorichi sammuu adoochu kun bakka eegumsi cimaan itti taasifamu masaraa mootummaa Waayit Haawus keessatti argame.

To'annaa idilee taasifamuun kookeenin masaraa mootummaa keessatti argamuu hojjattoota ittisa balaafi qaamolee nageenyaa wabeeffachuun jalqaba kan ifa godhe miidiyaa Ameerikaa Washing Post dha.

Qorichi sammuu adoochu kun yeroo Waayit Haawus keessatti argamu Pirezidaant Joo Baayidan maatii isaanii waliin bakka jireenyaa Kaamp Deevid turan jedhame.

Hojjattoonni nageenyaa Sekreet Sarvis gaafa Dilbataa daakuu adii wayii bakka hojiitti erga arganii booda gamoowwan Waayit Haawus akka cufaman godhamuu dubbi himaan Sekreet Sarvis Antoonii Guglelmi BBCtti himan.

Hojjaattoonni balaa abiddaa hatattamaan waamamanii dhimmicha yoo ilaalan "balaa kana hin qaqqabsiisne" ta'ee akka argame himan dubbi himaan kun.

Qorichi sammuu adoochu kun akkamitti gara Waayit Haawus akka galfame qorannoon gaggeeffamaa akka jiru himuun kokeenin kun qorannoo dabalataaf ergame jedhan.

Kokeenin Waayit Haawus keessatti sanduuqa hojjattooni ykn keessummoonni meeshaalee akka mobaayilii fa'aa keessa kaa'atan keessatti argamuu hojjataa Waayit Haawus wabeeffachuun miidiyaa Ameerikaa CBStu gabaase.

Waanti akka daakuu adii Waayit Haawus keessatti argame qorannoon akkuma gaggeeffameen qoricha sammuu adoochu kokeenii ta'uunsaa akka mirkanaa'e dabalee gabaase miidiyaan kun.

Waayit Haawus keessaa bakki kokeenin itti argame West Wing jedhamuun kan beekamu yoo ta'u bakka kanatti biiroo pirezidaantiifi Oval Office fa'aatu argama.

Dabalataanis biiroo ittaanaa pirezidaantii, itti gaafatamaa nageenya Waayit Haawus, pires sekretariifi biirolee biroo heddutu bakka kanatti argama.