Dhaabbileen maallaqa Kiriptoo maaliif akka Tiraamp filatamuuf abdatu?

Tiraamp fi Kaamalaa wayita wal dubbisan suuraa agarsiisu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp ejjannoo kiriptoo deeggarurratti qaban cimaa yoo ta'u, ejjannoon Kaamalaa ifa miti

Maallaqni kiriptoo teekinoloojii addunyaarratti hedduu falmiisaa ta’edha. Industiriin maallaqa kirpitoo “hannaa fi haakarootaan” kan guutame ta’uu isaa, qaamolee faayinaansii Ameerikaa to’atan olaanaa keessaa tokko BBC’tti himeera.

Dura taa’aan Komishinii Nageenyaa fi Sharafa Maallaqaa Ameerikaa (SEC), Gaarii Geenslar, sababa dhaabbileen kirpitoo seera ejensiin isaanii hojiirra oolchuuf yaalu hordofuu dhabuu isaaniitiin, “addunyaa guutuutti namoonni hedduun maallaqasaanii invastimanti godhan maallaqa baayyee dhabaniiru” jedhu.

Sababni isaa dhaabbileen kiriptoo seera qaamni faayinaansii Ameerikaa olaantummaan to’atu baase hin kabaju jedhe.

Kun kan dhagahame dhaabbanni kiriptoo doolara miliyoonaan lakkaa’amu dhimma siyaasaaf arjoomuun bu’aa filannoo Ameerikaa baranaa geeddaruuf wayita yaalaa jirutti.

Dhaabbileen kiriptoo seerri haaraan isaaf mijatu akka bahu barbaadu.

Falmii pirezidantummaa Doonaald Tiraamp fi Kaamalaa Haaris gidduutti taasifamaa jiruun alatti, aanaalee 435 mana maree bakka bu’oota uummataa keessa jiran akkasumas teessoo 100 Seenetii keessaa 33 hundi irra deebiin filatamu.

Dhimmi kiriptoo Doonaald Tiraampi fi bulchiinsa Baayidan gidduutti iddoo gargarummaan ifatti mul’atu.

Tiraamp Ameerikaa “teessoo muummee kirpitoo pilaaneetii kanaa” gochuuf waadaa galuudhaan, akkasumas “kuusaa biitikoyiinii (bitcoin) kan” kuusaa warqee mootummaan Ameerikaa wajjin walfakkaatu uumuuf akka yaadan ibsuun qalbii namoota kirpitoo jaallatan hawwachuu yaalaa turaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Torban kana keessa daldala kirpitoo haaraa‘ World Liberty Financial’ jedhamu kan eegalchisan.

Tiraamp dhimma kana bal’inaan hin ibsine, garuu akkas jedhan “Kiriiptoo wanta hojiirra oolchu qabnu keessaa tokko natti fakkaata” jedhan.

Waggaa sadii duraa Tiraamp, biitkoyinii akka waan “gowwoomsaa” ta’eefi doolaara Ameerikaa yaaddoo ta’eetti ibsanii turan.

Tiraamp bulchiinsa Baayiden, kan Haaris pirezedantii ittaantuu ta’anii tajaajilaa jiran karaa ittiin adda ta’an ifoomsan.

Waayit Haawus yeroo dhiyoon asitti dhaabbilee kirpitoorratti tarkaanfii bal’aa fudhataa ture.

Bitootessaa 2024, hundeessaa fi hogganaan dhaabbata FTX, Saam Baankman-Firayiid, maamiltoota jalaa doolaara biliyoonaan lakkaa'amu erga hatee booda, hidhaan waggoota 25 itti murame.

Namoonni hedduun ammayyuu maallaqasaanii argachuu yaala jiru.

Sana booda Eblaa darbe hundeessaan jijjiirraa maallaqa kirpitoo addunyaa guddichaa kan ta'e Baayinaans Changipeng Zhaho hidhaan ji'a afurii itti murtaa’e. Akkasuma dhaabbatichi doolaara biiliyoona 4.3 kaffaleera.

Ministeerri Haqaa Ameerikaa himannaa akka, daa’imman irratti miidhaa geessisu fi shororkeessitoonni maallaqa akka ittiin daddabrsan eeyyamuu fa’aa Baayinaans amaneera.

Komishinii Nageenyaa fi Jijjiirraa Mallaqaa Ameerikaa dhimma Baayinaansirratti himannaa mana murtiitti dhiyeesse qaba.

Dhaabbanni to’annoo maallaqaa tarkaanfiiwwan seera kabachiisuu 46 bara darbe dhaabbilee kiriptoorratti fudhate.

Dura taa’aan Komishinii Nageenyaa fi Jijjiirraa Mallaqaa Ameerikaa Gaarii Ginsilar kiriptoon amanummaa namoota gabaa faayinaansirratti bobba’anii huba jedhanii qeeqan.

Warreen kiriptoo leellisan garuu gatii rakasaan karaa amansiisaa ittiin maallaqa daddabarsanii jedhu.

Qorannoo Baankiin Giddugaleessa Ameerikaa gaggeesse akka agarsiisutti, lammileen Ameerikaa kiriptootti gargaaraman bara 2021 dhibeenta 21 turan bara darbe gara % 7tti hir’atan.

Kamalaa Haaris waa’ee maallaqa kirpitoo baay’ee hin dubbanne, garuu gorsitoota Haaris keessaa tokko ji’a darbe “imaammata teeknoloojiiwwan haaraa dagaagsan ni deeggarti, indaastirii kirpitoo guddachuu ittifufa’’ jedhe.

Dhiheenya kana garee Haaris fi hoggantoota indaastiri kiriptoo giddutti wal amantaa uumuuf yaalaa turan.

Hoggantoonni kirpitoo eenyullee filannicha yoo injifatan abdii qabu.