Hakiima ta’uuf aarsaa guddaan kanfale - Dr Iddilaawit Ababaaw

Doktarri miidhama harkaan osoo hin daangeffamin hawaasashee tajaajiltu kun milkiishee duuba cichoominni waggoota baay’eef ture jiraachuusaa himti.
Dr. Iddilaawit Ababaaw shamarree qaxalee hawaasa Hospitaala Waliigalaa Ispeshaalaayizdii Hiwoot Faanaa Yunivarsiitii Haramayaa biratti beekamtii guddaa qabdudha.
“Harkikoo uumamaan miidhame. Akkuma kanattin dhaladhe” jechuun waa’ee miidhama harkashee kan himtu shamarreen tun, imala barnoota hakiimummaa isheetiin bu’aa bahii heddu dabarsite.
Haa ta’u malee ofitti amantummaan deeggarsa maatiinsheen yeroo ijoollummaatii horatte abjuushee akka dhugoomsitu taasiseera.
“Yeroo ijoollummaakootii kaasee harkakoo akkan hin dhoksine fi hojii mana keessaa dabalatee wantoota harkakoon hojjechuu qabu karaa dhuunfaa kootiin akkan hojjedhu carraa naaf kennaa na guddisan” jetti.
Dr. Iddilaawwit Ababaaw yeroo ammaatti Hospitaala Waliigalaa Ispeshaalaayizdii Hiwoot Faanaa Yunivarsiitii Haramayaatti kutaa wal’aansa gogaa keessa hojjechaa jirti.
Kana malees yunivarsiitichatti barsiisumaan qacaramtee hakiimota boruu beekumsaan gabbifti.
Shamarreen tun miidiyaa hawaasaa irrattis beekamtii salphaa hin jedhamne horatteerti.
Miidiyaa hawaasaa TikTok qofarratti hordoftoota kuma 36 ol kan qabdu yemmuu ta’u, viidiyoowwan ergaafi gorsa fayyaa qaban hordoftootasheef qooddi.
Doktarummaa, abjuu yeroo ijoollummaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dr. Iddilaawit Ababaaw baha Itoophiyaa magaala Hararitti dhalatte.
Barnootashee sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa immoo magaala Dirree Dhawaatti kan baratte shamarreen tun, yeroo ijoollummaa isheetii eegalee barumsaan cimtuu akka turte himti.
“Doktarummaan abjuu yeroo ijoollummaakoo ture. Barattuu cimtuus ture. Qabxii fiduu qabu osoon hin fidin yookiin wantan dubbisuu qabu osoon hin dubbisin gonkumaa rafuu hin danda’u ture” jetti.
“Maatiinkoos ogummaa fayyaa keessa jiru” kan jettu Dr. Iddilaawit, maatii isheefi ogeeyyii fayyaa biroo dhiyeenyasheetti argaman akka fakkeenyaatti ilaaluun guddachuushees himti.
Qormaata seensa dhaabbilee barnootaa olaanoo erga fudhatteen boodas qabxii gaarii fiduun gara ogumaa fayyaatti makamte. Kollejjii Saayinsii Fayyaa Yunuvarsiitii Haramaayaattis barnoota hakiimummaa barachuu eegalte.
“Barnoota medikaalaa barachuun qormaata baay’ee qaba. Waan akkatti teenyee daqiiqaawwan muraasaaf haasofnu miti. Waggoota jiruu, yeroo dargaggummaa fi humna keenya guutuu qoran ture kan dabarsine” jechuun himti.
“Barnoota hakiimummaa xummuruuf aarsaa guddaa itti kanfaleera”
Barnoota hakiimummaa erga eegaltee booda waggoota lamaaf walakkaa jalqabaa barnoota yaadrimee (theory) barachaa waan turteef haala salphaan dabarsuushee kan himtu Dr. Iddilaawit, haalli isa boodaa garuu ulfaataa akka ture himti.
Waggaa lamaaf walakkaa booda haala guutumaan guutuutti jedhamuu danda’uun hospitaala keessatti akka baratan taasifamuu himuun barnootni kun shaakalliiwwan sochii fi hojii qaamaa gaafatan akka of keessaa qabu himti.
“Barnoota hakiimummaa seenuu kootiin dogongora raawwadheeraa? jedhee jeroo jalqabaatiif akkan of gaafadhu na taasise. Sababnisaas maloota sakattaa dhibee harkaan hojjetaman heeddu barachaa turre. Gaafiin ‘kana hunda nan danda’aa?’ jedhu na keessatti uumamee ture. Yeroo rifaasisaa ture” jetti.
Haata’u malee gorsa barsiisaa isheerraa argattetti fayyadamuun ciminaan hojjechuu himti.
“Hanga humnikoo danda’utti barattoota biroorraa beekumsaan, caalmaatti dubbiseefi qophaa’ee namootni yemmuu na argan akka barattuu hakiimummaa tokkootti malee akka barattuu miidhama qaamaa qabdutti akka nan ilaalleef yaalii cimaa taasiaan ture,” jetti.
Qormaata kunneen darbuun hakiima kaadhimamtuu ta’uun Hospitaala Waliigalaa Ispeshaalaayizdii Hiwoot Faanaa Yunivarsiitii Haramayaatti wayita hojjettuttis hojiilee harkaan hojjetaman akkuma hakiimota kaadhimamtoota biroo hojjechuushee himti.
“Akkuma hakiima kaadhimamaa kamiittuu wantan hojjechuu qabu mara hojjedheera. Hojiilee harkaan hojjetaman sadarkaa guutummaatti jedhamuu danda’uun hojjedheen ebbifame” jetti.

“Ani carra qabeettiidha…”
Hospitaala Waliigalaa Ispeshaalaayizdii Hiwoot Faanaa Yunivarsiitii Haramayaatti qacaramtee hakiimummaan hojjechuu erga eegaltee ji’oota jahaa ol kan ta’e Dr. Iddilaawit Ababaaw, rakkoon guddaan hojiirratti ishee mudate akka hin jirre himti.
“Dhugaa dubbachuuf ani carra qabeettidha jedheen amana. Hawaasni ani keessatti hojjedhu baay’ee fayyaalessa. Ummatni Harargee hangan sitti himuu ol baay’ee fayyaalessa.
Ani ofitti amanamummaan gara isaanii deema. Isaaniis deebii badaa gonkumaa naaf laatanii hin beekan” jetti.
“Harka kootiin walqabatee daa’imman waliin yaadannoowwan heddun qaba. Daa’imman umrii fi amala isaaniirratti hundaa’uun deebii garagaraa naaf laatu” kan jettu Dr. Iddilaawit, daa’imman harkashee miidhame ilaaluun sodaatan, kunneen kolfan akkasumas waa’ee harkashee maatiisaanii gaafatan akka jiran himti.
“Sadarkaa hawaasaatti rakkoon guddaan na mudate hin jiru. Al tokko tokko yaalamuu hin barbaadnu kan jedhan yookiin ammoo qorannoo qaamaa gochuuf yemmuun jedhu kan bifti isaanii jijjiiramu jiraachuu malu. Haa ta’u malee hanga hojiikoo ta’etti ija jabaadhee waan hojjedhuuf rakkoon guddaan na mudatee hin beeku” jetti.
Dr. Iddilaawit barumsashee itti fufuun damee wal’aansa gogaan ispeshaalaayizii gochuu akka barbaaddus himti.
“Dubartoota shamarran baay’ee jajjabeessuun barbaada. Keessattuu dubartootni shammarran hojjettanfi barachaa jirtan abdii guddaa of fulduraa qabdu” jechuun damee irratti bobba’an irratti ciminaan hojjechuu akka qabanis dhaamti.












