Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tilmaama taphoota Piriimer Liigii: Darbii Maanchistar 197ffaa eenyutu irra aana?
Taphi darbii Maanchistar 197ffaan Itihaadirratti Siitii fi Yunaayitid gidduutti ni taphatama.
''Sababoonni tapha kana tilmaamuun akka ulfaatu taasisan hedduudha,'' jedha xiinxalaan kubbaa miillaa BBC Kiriis Suutan.
''Taphoota intarnaashinaalaa dura Maanchistar Yunaayitid Burnilee mo'achuun hamileesaa kakaasullee tapha Maanchistar Siitiin Biraayitan waliin taphate yoon ilaalu akkan shakku na taasiseera,'' jedhe.
Garuu tapha darbii Maanchistar kana eenyutu injifata?
Suutan tapha kana dabalatee taphoota torban kanaa tilmaameera.
Sambata
Arsenaal fi Notiingihaam Foorast
Anji Poostikoogiluu erga Foorast seenanii taphasaanii jalqabaan waan baayyee jijjiiru jedhee hin eegu.
Tapha carraa goolii adamsuun lakkoofsisuurratti xiyyeeffate filatanis kubbaa gooliirraa fageessanii waan ittisan hin fakkaatan.
Arsenaal Bukaayoo Saakaa, Wiiliyaam Saliibaa fi Kaayi Havertiz miidhamaan dhabus taphattoota bakka bu'an qaba.
Garee Arteettaatti taphi kun ulfaachuu mala, garuu ni injifatu jedhe Suutan.
Tilmaama: 2-0
Boornimaz fi Biraayitan
Gareen lameen tapha intarnaashinaalaa dura mo'atanii turan.
Boornimaz Tootanhaamiin yoo mo'atu, Biraayitan ammoo Maanchistar Siitii injifate.
Waggaa darbe Biraayitan dirreesaarrattis dirreesaan alattis 2 fi 1n mo'ate.
Tapha kanaan Boornimaz qabxii walfakkaataa galmeessisa jedhee hin eegu.
Tilmaama፡ 1 - 1
Kiristaal Paalaas fi Sandarlaand
Maark Geey gara Liivarpuul deemuu dhabuun Kiristaal Paalaasiif oduu gaarii jedhamuu danda'a.
Taphatichis tibba jijiirraa haaluma tasgabbii qabuun dabarse.
Gama Paalaasiin Adaam Waart fi Ismaa'ilaa Saar taphachuu baatanis leenjisaa Oliivar Saar garee isaanii cimsanii dhihaachuudhaan beekamu.
Sandarlaand taphoota jalqabaa lamaan mo'ateera. Dirreesaaniin ala garuu ammallee hin mo'anne.
Tilmaama: 1 - 0
Evertan fi Aston Viilaa
Gara ga'umsaa isaa duraatti deebi'aa kan jiru Jaak Giriilish kilabasaa duraaniin morkata.
Giriilish fi Iliimaan Nidaayee kilabnisaanii Evertan sochii goolii walitti qabachuu akka milkeeffatu baayyee tumsaa jiru.
Ga'umsa amma jiruun Evertan tapha kana ni mo'ata jechuun danda'amus Aston Viilaan garuu mo'amuu waan itti fufu hin fakkaatu.
Viilaan ga'umsa gaariirratti hin argamu. Jijjiirraan taphattootaa xumuramuu jala wayita ga'u taphattoota mallatteessifateera. Gareen kun gara ga'umsa gaariitti deebi'uu hin hafu.
Tilmaama፡ 1 - 1
Fuulhaam fi Liidsi
Taphattoota kilaboota lameenii waldorgomsiisnee ilaaluun barbaachisaadha.
Fuulhaam tapha Chelsii waliin taphaterratti murteewwan kennamaniin carra qabeessa hin turre.
Liidsi akka morkataa isaa garee ga'umsa cimaa qabaniin kan guutame miti.
Tapha falmii cimaan irratti gaggeeffamu ta'us qabxiin garuu waan addaa hin ta'u, injifannoon kanuma Fuulhaam ta'a.
Tilmaama፡ 2 - 0
Niwukasil fi Wolvis
Kilaboonni lameenuu hanga yoonaa hin mo'anne.
Niwukasil yeroo lama qixa ba'e, tokko Liivarpuuliin mo'ame.
Jifataa isaanii abdatan Aleksaandar Isaak gaggeessuun Niik Woolmeed fi Yowaan Wiisaa kan mallatteessise Niwukasi qindoomina taphattoota haaraa kunneenii abdatee jira.
Gareen Yargan Istiraandiin durfamu Wolvis fuuldurri isaa cimaa ta'uu agarsiiseera.
Tilmaama፡ 3 - 1
West Haam fi Tootanhaam
West Haam gara Nootinghaam imalee goolii 3 fi 0 dhaan injifata jedhee hin tilmaamnen ture.
Garecha milkaa'ina kana itti fufsiisuun kan irraa eegamu ta'us garuu waan milkeessu hin fakkaatu.
Tootanhaam dirreesaatti Boornimaziin injifatamuu booda ga'umsa isaa mirkaneessuutu irraa eegama.
Gareen Toomaas Firaank madaalasaa eeggatee kan deemu yoo ta'u tapha kanas ni injifata tilmaama jedhun qaba.
Tilmaama፡ 1 - 2
Birentifoord fi Chelsii
Birentifoorf kilaba barana ol guddate Sandarlaandiin injifatamuun ammallee waan liqimfameef hin fakkaatu.
Itti aansuun ammoo Aston Viilaa injifatan.
Chelsiin akki itti barana tapha eegale akkasumas Birentifoordiin yoo walbira qabamu tapha kana ni injfata jedhanii tilmaamuun hin ulfaatu.
Garuu Birentifoordis cimee waan falmatu fakkaata.
Gareen lameen taphoota sadan darban walqixa xumuran.
Tilmaama፡ 1 - 1
Dilbata
Maanchistar Yunaayitid fi Maanchistar Siitii
Biriyaan Mibuumoon mala deebisanii hubuutiin Siitii adabuu nama danda'uudha.
Gooli eegaan Siitii Jeemsi Tiraafoord ammoo ga'umsi isaa amansiisaa miti.
Yunaayitid goolii galchuu danda'a, garuu Siitiin ammoo dirree ofii irratti carraawwan hedduu uumuu danda'a.
Siitiin taphoota jalqabaa sadan keessaa lama mo'ateera.
Dorgommii Chaampiyoonsi Liigiin torbee dhufu Naappoolii, itti aansuun ammoo Arsenaaliin morkata.
Gooli eegaan haaraa Siitiif mallatteesse Jiyaanluujii Doonaaruumaa dhaabbiidhaan kan hiriiru yoo ta'e kilabichi fooyya'iinsa ni agarsiisa.
Yunaayitidis akkasumas bakka kanatti qaawwa qaba.
Gooli eegaan Yunaayitid mallatteessifate Seenee Laamansi ga'umsi isaa fi kilabichaaf bu'aan inni buusu ni eegama.
Tilmaama: 2 - 1
Barnilee fi Liivarpuul
Isaak tapha kanarratti dhaabbiidhaan waan hiriiru hin fakkaatu.
Liivarpuul tapha kana injifachuuf taphataa kana hiriirsisuun waan irraa eegamu hin fakkaatu.
Barnileen akka Maanchistar Yunaayitid irratti agarsiise morkataansaa akka hin sochoone gochuuf ni yaala.
Gareen Arni Siloot ga'umsa jajamu irra ga'uu baatanis taphoota jalqabaa sadi garuu mo'ataniiru.
Injifannoon kun hamilee kilabichaaf baayyee mmurteessaadha, morkattootaattis yaaddoo ta'a.
Tilmaama፡ 0 - 3