Daawwadhaa: Saamicha masaraa Asaad viidiyoodhaan

Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Saamicha masaraa Asaad viidiyoodhaan
Daawwadhaa: Saamicha masaraa Asaad viidiyoodhaan

Finciltoonni Sooriyaa lola guyyaa muraasaan magaalaa guddoo Damaasqoo seenaniiru.

Pirezidantiin biyyattii Bashaar al-Asaad immoo biyyaa baqachuun Raashiyaatti koolu galtummaa gaafachuun isaanii gabaafameera.

Kana gidduutti namoonni qarqara magaalaa Damaasqootii dhufan masaraa mootummaa Asaad dabalatee dhaabbilee saamaniiru.

Gaazexeessituun BBC masaraa kana daawwatte qullaa hambisaniiru jette.

Jiraattonni hacuuccaafi hiyyummaa bulchiinsa Asaadi fi abbaa isaaniitti haaloo bahuuf akka kana godhan himan. Daawwadhaa!