Ruutoon sagantaa eebba Hidha Haaromsaarratti 'keessummaa kabajaa' ta'un ibsame

Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo ''keessummaa kabajaa'' sagantaa eebba Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa (GERD) akka ta'an ibsame.

Pirezidant Ruutoon Dilbata ganama yeroo Finfinnee gahan aangawoota olaanoo mootummaa Itoophiyaan simannaan taasifameeraaf.

Walgahii Jijjiirama Qilleensaa Afrikaa Lammaffaa Wiixata eegaluurratti hirmaachuuf dureewwaniifi aangawoonni biyyoota Afrikaa garagaraa Finfinnee seenaa jiru.

Aangawoonni biyyoota olaanaaa walgahiif Finfinnee dhufan eebba Hidha Haaromsaa irrattis akka hirmaatan kana dura BBC'n odeeffateera.

Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaa (GERD) kan Itoophiyaan waggoota 14 darbaniif ijaaraa turte ALI Qaam'ee 04, 2017 akka eebbifamu ibsameera.

Sagantaa kanarratti eenyu akka hirmaatu gama mootummaa Itoophiyaa ammatti odeeffannoon kenname hin jiru.

Haa ta'u malee, masaraan mootummaa Keeniyaa ibsa baasen Pirezidant Ruutoon ''keessummaa kabajaa'' akka ta'an ibseera.

Waajjirri isaanii hidha kana ''mallattoo of danda'u Afrikaa fi Itoophiyaaf [immoo] milkaa'ina guddaa'' jechuun ibse.

Biyyoota ollaa Itoophiyaa, Itoophiyaarraa elektirikii bitaa jiran keessaa tokko Keeniyaadha.

Hidhi kuni eebbifamuun Keeniyaarra kan darbe biyyoota naannichaaf guddaa akka gumaatu Ruutoon gama dubbii himaa isaanii ibsaniiru.

Keeniyaan humna elektirikii Itoophiyaarraa argattuu "yeroo hongee anniisaa wabii ta'uu akkasumas guddina industiriif gumaachuu" ibseera ibsi bahe.

Shuboo elektirikii Keeniyaarraa Tanzaaniyaatti diriire ''anniisaa haaromfamuun walitti hidhaminsa Baha Afrikaa,'' saffisa jechuun ibseera.

Yeroo ammaa Keeniyaa keessa hammi anniisaa elektirikii olaanaa barbaachisu 2,392 MW ta'uufi humni dabalataa dhaabbilee industirii, ICT, fi kaan tumsuu akka gargaaru ibsaniiru.

Itoophiyaan hidha waggootaaf ijaaraa turte eebbisiisuuf sagantaa garagaraa qophaa'aa jira.

Sirni eebbaa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa imbaasiiwwan Itoophiyaa biyyoota 55 keessan jiran keessatti gaggeeffamaa akka jiru Keeniyaatti Ambaasaaddarri I/Aanaa Itoophiyaa dubbataniiru.

Ambaasadar Dammaqaa Axinaafuu, hidhi haaromsaa waggoota 14 oliif ijaaramaa ture injifannoon xumuramuu himanii qaamolee maallaqaan gumaachan galateeffatan.

Waggaa haaraa Itoophiyaan simachaa jirtu irratti hidhichi xumuramuu ammoo ummata biyyattiif injifannoo dachaa tahuu himaniiru.

Akkuma Aduwaa ijaarsi hidha haaromsaa injifannoo uummanni Itoophiyaa galmeesse tahuu himani.

Itoophiyaan waggoota kurnan darbaniif waltajjiiwwan idil-addunyaarratti Masrii irratti olaantumaa dippilomaasii gonfachuun Hidha Guddicha laga Abbayyaa irratti ijaarte xumuruun eebbaaf geessee jirti.

Itoophiyaan elektirikii hidhi kun maddisiisu biyyoota ollaa kanneen akka Keeniyaa, Jibuutii fa'aatti gurguruuf karoora qabdi.

Inumaayyuu Galaana Diimaa qaxxaamuruun biyyoota akka Saawudii fa'aattis gurguruuf hawwii qabaachuushee hin dhoksine.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad Abbayya hidhuun milkaa'ina guddaa ta'u ibsaniiru.

Seenaan Laga Abayyaa waggaa kumaaf ture akkuma jijjiirame, dogoggorri Itoophiyaan Galaana Diimaa itti dhabde akka sirreeffamu dubbataniiru.

"Dogoggorri kunis bor sirreeffama" jechuun marii televizhinii biyyaalessaarratti dubbatan.

Hidhi Abbayyaa Itoophiyaan ijaarte keessumaa Masrii waliin muddama jabaa keessa ishee galcheera.

Itoophiyaan yeroo eebbaaf qophaa'aa jirtu kanatti Masrii fi Sudaan Hidhi Haaromsaa 'yaaddoo yeroo dheeraa' itti ta'uu ibsaniiru.