Sa'udiin xiyyaara waraanaa US F-35 bitachuun maaliif Israa'el yaaddesse?

Xiyyaarota Waraanaa U.S. F-35 jedhaman

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaarota Waraanaa U.S. F-35 jedhaman

Hariiroo Ameerikaa fi Sa'uudii Arabiyaa gidduu jiru keessatti dhimmoonni barbaachisoo hedduun kanneen akka waliigaltee nageenyaa fi Israa'el waliin hariiroo uumuu irratti yeroo baay'ee mari'atamaa turaniiru.

Mootiin gonfoo Sa'udii Mohaammad Bin Salmaan yeroo dhiyootti Ameerikaa ni daawwatu jedhamee eegamuun, dhimmi Sa'uudii Arabiyaan xiyyaarota waraanaa F-35 Ameerikaa irraa bitachuu ishee deebi'ee ijoo dubbi taa'eera.

Ministeerri Waraanaa Ameerikaa waliigaltee doolaara biliyoona hedduutti tilmaamamu raggaasisuu fi waliigaltee kanaan Saawud Arabiyaan xiyyaarota 48 US irraa akka bittu beeksisteerti.

Kun ammoo Israa'el irraba dhorkeera.

Rooyitarsi qondaaltota sagantaa F-35 kana beekan wabeeffachuun dhimma kanarratti gabaasa baasera.

Haa ta'u malee, yeroo kanatti karaan waliigaltee kanaa ifa waan hin taaneef, waliigaltichi xumuraaf hayyama qaamolee sadan jechuunis mootummaa Ameerikaa, Pirezidaantii Ameerikaa fi Kongireesii gaafata.

Sa'uudiin waliigalteewwan kunneen, seeraan, mootummaa Ameerikaa qofa osoo hin taane, paarlaamaa irraas raggaasifamuu akka qabu amanti.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp turtii BBC waliin taasisaniin karoora kana fuulduratti deemsisuu kan danda'an ''yoo Kongireessiin Ameerikaa na deeggare qofa'' jedhan.

Waliigaltee kanaan walqabatee Dimookiraatonni fi miseensonni Kongireesii hariiroo Sa'uudii fi Israa'el akka idileetti akka deebi'u dhibbaa akka taasisan xinxaltootni kan himan.

Tiraamp waliigaltee kana raggaasisuuf tarkaanfiiwwan seeraa kan fudhatan Sa'uudii Arabiyaa akka michuu tarsiimootti waan ilaalaniifi

Kanaafis imaammata alaa U.S. jalatti fedhii nageenyaa ishee guutuun barbaachisaa ta'uu waan amananiif ta'uu eerameera.

Akka xinxaltoonni dhimmocha itti dhiyeenyan hordofan jedhanitti, Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, yoo US ulaagaa nageenyaa Sa'udii Arabiyaa guutuu didde, Sa'udiin meeshaalee kana diina Ameerikaa kanneen akka Chaayinaa fi Raashiyaa irraa bitachuu dandeessi jechuun yaaddoo qaban irra deddeebi'anii ibsaniiru.

Saawud Arabiyaan xiyyaara waraanaa dabalatee meeshaalee waraanaa fi nageenyaa gosa biroo bitachuuf irra deddeebitee ibsaa turte.

Yaaddoo Israa'el waliigaltee kana irratti qabdu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waliigalteen kun yoo hojiirra oole imaammata alaa Ameerikaa irratti jijjiirama guddaa kan agarsiisu ta'uu mala.

Keessattuu olaantummaa humni waraanaa Israa'el Baha Giddu Galeessaa keessatti qabu mormuu danda'a.

Haa ta'u malee, walii galteen Sa'uudii Arabiyaa waliin godhame kun haal-duree fi uggura bulchiinsa waraanaa Israa'el naannicha keessatti mirkaneessu of keessatti qabachuu danda'a.

Tiraamp waliigaltee kana xumuruu kan barbaadu akeeka hoggansa Sa'uudii waan hubataniifi. Tiraamp kaayyoon Sa'uudii Arabiyaa daangaa ishee eeguu bira darbee akka ta'e ni amanu jedha gabaasni kun.

Ogeeyyiin akka jedhanitti Israa'el Ameerikaan xiyyaara waraanaa F-35 Sa'udii Arabiyaatti akka gurgurtu hin barbaaddu.

Akka gabaasa miidiyaalee Israa'elitti, walitti dhufeenyi biyyoota Baha Giddu Galeessaa biroo waliin qabdu gara idileetti yoo hin deebine waliigalteen kun gara fuulduraatti nageenya Israa'el irratti balaa guddaa fiduu danda'a.

Yaddoon ishee inni guddaan dhimma Filisxeem yoo ta'u, Sa'uudii Arabiyaan daangaa bara 1967 irratti hundaa'uun mootummaan Filisxeem walaba ta'e uumamuu qaba jettee amanti.

Kun marii kamiyyuu egeree Baha Giddu Galeessaa irratti taasifamuuf haal-duree bu'uuraati.

Israa'el Sa'uudii Arabiyaan teeknooloojii xiyyaara waraanaa F-35 Raashiyaa, Chaayinaa ykn Iraan waliin qooddachuu dandeessi jettee sodaa qabdi.

Yaaddoon walfakkaataan jalqaba bara 2020, yeroo Ameerikaan waliigaltee Abrahaam jalatti jeettiiwwan F-35 Yunaayitid Arab Emireet (UAE)tti gurguruuf turte ka'ee ture.

Haa ta'u malee walii galteen kun gara fuulduraatti deemuu hin dandeenye.

Haala waliigaltee kanaa keessaa Ameerikaan haal-duree xiyyaara kana itti fayyadamuu dabalatee hojii xiyyaarichaa irratti daangaawwan hedduu kaa'uun ishee ibsameera.

Ameerikaan hariiroo gadi fagoo Imireetootni Araba Gamtoomanii Chaayinaa waliin qabdu irraa kan ka'e daddabarsi teeknooloojii akka uumamu yaaddoo qabdi turte.

Kallattii hariiroo Sa'uudii fi Ameerikaa ni jijjiiramaa?

Sa'udiin xiyyaara waraanaa F-35 Ameerikaa irraa bitachuu barbaaddi.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sa'udiin xiyyaara waraanaa F-35 Ameerikaa irraa bitachuu barbaaddi.

Tiraamp marsaa lammaffaa isaanii keessatti waliigaltee meeshaa waraanaa Saawud Arabiyaa waliin taasisaniif karra bananiiru.

Ji'a Caamsaa bara kanaa Ameerikaa fi Sa'uudii Arabiyaan waliigaltee ittisa guddaa kan mallatteessan yoo ta'u, seenaa Ameerikaa keessatti waliigaltee tumsa ittisaa isa guddaa ta'uun ibsameera.

Waliigalteen kun kan mallattaa'e imala Tiraamp gara Sa'uudii Arabiyaa, Kaataar, fi Immireetota Araba Gamtoomaniitti taasisaniin ture.

Akka odeeffannoo Waayit Haawus Ameerikaairra bahe mul'isutti, Ameerikaan Sa'uudii Arabiyaa waliin waliigaltee bal'aa doolaara biiliyoona 600 mallatteessiteetti.

Waliigaltee ittisaa doolaara biiliyoona 142tti tilmaamamu qaama waliigaltee bal'aa kanaati. Waliigaltee kanaan Saawud Arabiyaan xiyyaara waraanaa F-35 US irraa ni bitti.

Haa ta'u malee sagantaa xiyyaara waraanaa F-35 bituu fi dhiisuu Kongiresii Ameerikaatin kan murteeffamu ta'a.

Kun hariiroo Sa'uudii fi Ameerikaa yeroo mootii gonfoo Sa'udii fi bulchiinsa Tiraamp jalatti mul'ate karaa qamiinu qilleensi akka seenu hin barbaadamu.

Akkasumas kaayyoon daawwannaa mootiin gonfoo Sa'uudii Ameerikaatti taasisan waliigaltee meeshaa waraanaa xumuruu osoo hin taane, walitti dhufeenya siyaasaa fi dinagdee biyyoota lamaanii cimsuu akka ta'etu eerame.

Haa ta'uu malee yeroo kana keessatti waliigalteewwan nageenyaa irratti akka mari'atamu ifaadha.

Mariin F-35 imala mootiin gonfoo Sa'uudii gara Ameerikaatti taasisan keessatti barbaachisaa ta'us, akka dhimma isa qofa irratti xiyyeffatamutti gabaasni ibsu hin jiru.

Sa'udiin xiyyaara waraanaa F-35 Ameerikaa irraa bitachuuf karoora qabaachuun ishee shakkii hin qabu.

Garuu kaayyoon isaa yoo haleellaan kamiyyuu mudate Sa'uudii Arabiyaa eeguuf Ameerikaa waliin waliigaltee nageenyaa bal'aa taasisuudha.

Dhiheenya kana Ameerikaan waliigaltee nageenyaa Ameerikaa fi Kaataar kan beeksiste yoo ta'u, waliigaltee kanaan haleellaan Kaataar irratti raawwatamu kamiyyuu '' nageenya'' Ameerikaa irratti balaa aggamame akka ta'utti akka ilaaltu ibsitee ture.

Waliigaltichi akka 'ajaja raawwachiiftuu' pirezidaantichaatti kan ba'e yoo ta'u, yoo pirezidaantiin Ameerikaa jijjiirame fooyya'uu ykn haqamuu danda'a.

Waliigalteen Kaataar waliin taasifame waliigaltee nageenyaa seeraan hojiirra ooluu danda'u miti, akkasumas Kongiresii Ameerikaatiin raggaasifamuu hin barbaadu.

Yeroo ammaa kana qormaanni guddaan Sa'uudii Arabiyaa mudate kana. Waliigaltee jijjiirama sirna Ameerikaa, akkuma Kaataar nageenya ishee mirkaneessuuf walqabatee jiru ni fudhatti?

Moo Ameerikaa waliin waliigaltee nageenyaa seeraa cimaa qabu kan yoo pirezidaantiin Ameerikaa jijjiiramellee wabii nageenya ishee ta'ee itti fufu mirkaneeffachuu danddeessi kan jedhu waan eegamu ta'a.