'Israa'el erga haleellaa jalqabdee Gaazaatti namoonni 70,000 ajjeefaman'

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
Duula waraanni Israa'el Gaazaa irratti taasiseen hamma yoonaa Filisxeemonni 70,000 ajjeefamaniiru jedhe ministeerri fayyaa Gaazaa Hamaasiin hogganamu.
Bara kana Onkololessa 10 waliigalteen dhukaasa dhaabuu hojiirra oolus lakkoofsi namoota du'anii garuu dabaluu itti fufee jira.
Israa'el waliigalticha cabsuun haleellaa itti fufuusheen gamoowwan caccabaa jalaa reeffi baafamuu itti fufeera.
Sambata kana haleellaa diroonii Israa'el raawwatteen obbolaan lamaan Faadiifi Jumaa Abu Asii, yeroo qoraan funaanaa turanitti ajjeefaman jedhan maatiin isaanii.
Ministeerri Ittisaa Israa'el shakkamtoota sarara keelloo qaxxaamuran lama haleeluu BBC'tti himeera.
Sarara keelloo isaan jedhan sarara waraanni Israa'el achii bahuuf dhukaasa dhaabuu Ameerikaan torbee torba dura mariisifte irratti waliigalame dha.
Namoonni ajjeefaman jedhaman kunneen daa'imman waggaa saddeetiifi kudhanii akka tahan gabaasota miidiyaa irratti himameera.
Firooti ijoollee kanaa, baha Kahaan Yuunis keessatti qoraan yeroo funaanaa turan ajjeefamu dubbataniiru.
Awwaalchi ijoollee kunneennis Hospitaala Naasir keessatti gaafa Sanbataa raawwateera.
Gabaasni namoota miidhamanii Ministeera Fayyaa Gaazaa irraa bahu odeeffannoo yeroo waraanaa bal'inaan hojiirra oole yoo tahu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniinis fudhatama qaba ture.
Haa tahu malee, Israa'el odeeffannoo achii bahu ni falmiti.
Gaazexeessitoota BBC dabalatee kanneen dhaabota idil-addunyaarra bahan hunduu Gaazaa akka hin seenneef gatii dhorkamaniif BBC'n taatee kana mirkaneessuu hin dandeenye.
Ministeerri Fayyaa Gaazaa erga Israa'el haleellaa jalqabdee namoonni lubbuun darbe 70,100 gahuu himuun kana keessaa 350 erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu erga raawwatee booda dha lubbuun darbe.
Waraanni Israa'el Gaazaa keessatti kan haleellaa jalqabe, Hamaas bara 2023, Onkololeessa 7 kibba Israa'elitti haleellaa raawwachuun namoota 1,200 ajjeesuun kanneen 251 tahan ammoo butuun booda dha.












