Seerri akka itti namni du'u gargaaruu Yunaaytid Kiingidam keessatti ragga’e

Namoota miiraan wal dubbisaa jiran

Madda suuraa, EPA

Falmii cimaa torban hedduu fudhateen booda Jimaata darbe miseensonni paarlaamaa UK seera ga’eessota dhukkubsatan kanneen ji’a jaha keessatti du’uu danda’an jedhamee eegaman jireenya isaanii akka addaan kutan gargaaru raggaasisaniiru.

Kun oduu miira paarlaamaa keessaa fi alatti mul’atedha

Akkuma miseensonni paarlaamaa keessatti falmanitti duultoonni gama lachuu Manneen Paarlaamaa ala walitti qabaman.

Guyyaan sun guyyaa imimmaanii, abdii, boqonnaa fi sodaa ture.

Namoota wixinee kana deeggaran keessaa tokkoo Amaandaa, falmii kana hordofuuf Biraayitan irraa dhufte.

Hiriyaashee tokko kan kaansarii qabu dabalatee namoota sadarkaa jireenya isaanii isa dhumaa irra jiran hedduu kunuunsiteetti.

Hiriyaan ishee "amma na ajjeesi, amma na ajjeesi" jettee akka ishee kadhatte ni yaadatti.

"Namni ati jaallatu yeroo akkas dubbatan dhaga'uun nama gaddisiisa."

Warri wixinee kana mormanis walitti qabamaa jiru.

“Wixinee ajjeesaa malee dhukkubsataa miti” jechuun dhaadannoo dhageessisu.

Haannaan abbaan ishee ji'a jaha kennameef garuu dhumarratti waggaa afur jiraachuu dubbatti.

“Waggoota afran sana jiraachuun isaa ilmaankoo waliin wal baruu akka danda’e dandeesissee.”jetti

Dubartiin biraa, gargaarsa du'uu deggertu, suuraa gaddisiisaa abbaa ishee lubbuun jiru garuu du'aa jiruu fi dhukkubbii keessa jiru ol qabdi.

Gara paarlaamaa achiis gara suurichaatti akeekti. "Kunis maaliif sirri akka ta’e namni achi keessa jiru akka natti himu nan barbaada," jetti.

Paarlaamaa alatti mooraa deggertootatti namni hundi bilbila isaanii qabatanii bu'aa eegaa jira.

kaartunii marfee qabatee jiru

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Namoota wixinee kana morman

Deeggartoonni gamachuudhaan wal hammatan.

Kaan immoo firoota du'anii yaadaa jiru.

Keet, “Akkoon silaa deeggarsa nuuf taasifti turte” jetti. “Akkaataa isheen rakkatte namoonni kaan akka rakkatan hin barbaaddu turte.”

Haati Ioonaa yeroo isheen umurii waggaa 13 turtetti duute. Silaa haati ishee bu'aa Jimaata argame kanaan akka boontu dubbatti.

Warri wixinee kana morman gaddaniiru.

Keetiin dubbachuuf dadhabde, iji ishee imimmaan guutee jira."Har'a sararri akka qaxxaamuree natti dhaga'ama," jetti.

Jeen naannoo sana bahaa jirti. Intala ishee waliin wal arguuf kan deemte yoo ta'u, Aanaa caalaa xiqqoo gammachuun itti dhagahama.

''Gaddisiisaadha, garuu akka sodaanneetti hamaa miti - miseensonni paarlaamaa 270 mormaniiru,'' jetti. Mormiin hamma tokko tureera."