Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Putiin michummaan Chaayinaa waliin qaban 'gulantaa haaraarra' gahuu ibsan
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin gita isaanii Chaayinaa Shii Jiinpiing waliin Beejiingitti wayita marii eegalan yaada kennaniin michummaansaanii ''gulantaa olaanaarra'' gahuu ibsan.
''Hiriyyaako, aniifi jilli Raashiyaa marti hiriyyootaafi waahillan keenya Chaayina waliin irra deebiin walarguu keenyatti gammachuu qabna'' jedhanii wayita dubbatan viidiyoo agarsiisuu waajirri Pireezidantii Raashiyaa gadhiiseera.
''Waliin dubbiin walitti dhiyaannee goonu hariiroon Raashiyaa-Chaayinaa hangam takka tarsiimawaa akka ta'e agarsiisa, amma gulantaa amma dura gahee hin beeknerra gaheera'' jedhan.
''Duraanis walumaan turre, ammas walumaan turra'' jedhan.
Shiin guyyaa boruu sirna agarsiisa waraanaa guddaa magaalaa Beejiingitti qopheessaniiru. Yaadannoo guyyaa injifannoo kana irratti dureewwan biyyoota adda addaa hedduun ni argamu.
Shiin Putiinitti yoo dubbatan ''hariiroon Chaayinaa-Raashiyaa jijjiirama idila addunyaa keessatti cimee dhaabateera'' jedhan.
Sirni bulchiinsaa addunyaa haqaafi amansiisaa ta'e ijaaruuf Beejiing Mooskoo waliin hojjechuuf qophiidha jedhan Shiin.
Chaayinaan guyyaa boruu waggaa 80ffaa humnoonni Jaappaan waraana addunyaa lammaffaarratti harka itti kennatan yaadachuuf agarsiisa waraanaa guddaa amma dura agarsiiftee hin beekne mul'isuuf qophaa'aa jirti.
Ji'oota sadii dura Shiin gara Mooskoo imalanii yaadannoo Raashiyaan sirna Naazii Jarman itti kuffufte irratti hirmaataniiru.
Wal-argaan Shii fi aanga'oota addunyaa biroo kun wayita Beejiing sadarka aadunyaatti dhiibbaa uumtu gama dippiloomaasiifi kaaniin cimsuutti jirtutti gaggeeeffama.
Wayita bulchiinsi Tiraamp Chaayinaa dabalatee biyyoota kaanirra gibira kaahan Shiin US waliin tasgabbiin daldaluuf fedha qabaachuu ibsaniiru.
Chaayinaafi Raashiyaan amma dura michuummaan isaanii kan daangaa hin qabne akka ta'e ibsaniiru.
Yaa'iisaanii Wiixata gaggeeffame irratti Putiiniifi Shiin mootummoota warra Lixaa balaaleffataniiru. Shiin bira qabuun Ameerikaa yoo komatan Putiin ammoo weerarri Yukireen irratti baname sirrii akka tureefii kan kakaase warra Lixaa ta'uu himatan.
Putiin yaa'iin Wiixataa dureewwan akka Indiyaa, Iraaniifi Paakistaan fa'i hirmaachise sirna moofa'aa biyyoota Awurooppaafi atilaantikaa irratti xiyyeeffate sirna haaraadhaan bakka buusuuf bu'uura kan kaahedha jedhaniiru.
Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uunis imala baaburaa sa'aatii 24 booda agarsiisa waraanaa Roobii boruu gaggeeffamurratti ni hirmaata.