Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Abee Dongorootti hidhattoonni Faannoo dubartii ulfaa dabalatee namoota 30 ol ajjeesan' – Jiraattota
Godiina Horroo Guduruu Aanaa Abee Dongorootti hidhattoonni Faannoo namoota 30 ajjeesuusaanii jiraattonni BBCtti himan.
Ajjeechaan kun Jimaata, Hagayya 29, 2025, Aanaa Abee Dongoroo Ganda Hoomaa Gaalessaa keessatti kan raawwate yoo ta'u, humnoota mootummaa shan dabalatee namoonni nagaan 25 ol ajjeeffamuu jiraatan naannichaa BBCtti himan.
Jiraataan nageenyasaaniif jecha maqaansaanii akka hin dhahamne gaafatan BBCtti akka himanitti, hidhattoonni Faannoo meeshaa hidhachuun of gurmeessan lubbuu namoota hedduu balleessun, kaan madeessanii horii heddus saamuu dubbatu.
"Waanti tibbana ta'e, kallattii nuti gara aanatti gara mootummaatti baanuun [nutti dhufanii] ganama sa'aatii 11:30tti nu qabanii waliigala namni isaan nu jalaa ajjeesan nama 31, madoon nama 15," jechuun loon 3000 ol ta'anis akka saaman himu.
Hidhaattoota kana keessa dhalattoonni naannoo Amaaraa ta'aniifi raayyaa ittisa biyyaa keessaa badan illee itti makan akka jiran himan jiraatan, kanneen ajjeefaman keessaa dubartiin ulfaa daa'imman akka jiran dubbatu.
Hidhattoonni kun ganama obboroo irraa kaasee hanga guyyaa walakkaatti haleellaa gaggeessuu kan himan jiraatan kun, "ijoollee waggaa shanii, dubartii ulfaa, manguddoota abbootii amantaa nu jalaa ajjeesan," jedhu.
Akka isaan jedhanitti, namoota ajjeefaman keessaa humnoonni mootummaa farra riphee lolaa jedhaman keessaa shan yoo ajjeefaman kan madaa'anis jiru.
"Daangaan keenya hanga Gudaritti nuun jedhu"
Aanan Abee Dongoroo aanaalee Godiinota Horroo Guduruufi Wallaga Bahaa haleellaa hidhattoota Faannoof irra deddeebin saaxilaman keessaa tokkoodha.
Torban lama dura ALItti gaafa Hagayya 17, 2017 aanadhuma kana ganda Hoomaa Gaalessatti hidhattooni Faannoo qote bultoota afar maasii isaanii keessatti ajjeesuusaanii gabaasun keenya ni yaadatama.
Jiraataan aanaa Abee Dongoroo BBCtti dubbatanii turan, "Qoteebulaa nama afur kan hoomaa hinbeekne, waa hinqabne, oyiruu isaanii keessatti ajjeesan" jedhan.
Qotee bultoonni torban lama dura oyiruu isaanii keessatti ajjeefaman, daboo walii bahanii boqqoolloo aramachaa osoo jiranuu hidhattoonni Faannoo itti marsuun rasaasan tumanii akka ajjeesan himan jiraattonni aanichaa.
Aanaa Abee Dongoroo keessatti haleellan hidhattoota Faannoo irra deddeebin kan mudatu yoo ta'u, yeroo dhiyoo as garuu ajjeechaan namoota nagaarratti gaggeeffamu hammaachuu himatu jiraattonni.
Torbee darbe haleellaan gaggeeffame ammoo baay'ee cimaafi lubbuu namoota 31 ta'uu galaafachuu kan himan jiraatan BBCn dubbise, kaayyoon hidhattoota kanaa daangaa lafaa babal'ifachuu akka ta'e dubbatu.
"Galmi isaanii babal'ifannaa lafaati, daangaan keenya [kan Amaaraa] hanga Gudaritti nuun jechaa turan kana durayyuu. Hanga Ambootti [lafti] kan keenya, isin bilaashuma asirra jiraataa turtan nuun jedhu," jedhu jiraatan kun.
'Hundasaanii boolluma tokkotti awwaalle'
Namoota Aanaa Abee Dongoroo Ganda Hoomaa Gaalessaatti dhuma darbee ajjeefaman sirni awwaalchasaanii raawwachuu kan himan jiraatan kun, hundisaanii boolluma tokkotti awwaalamuu ibsu.
"Awwaalchi namoota ajjeefamanii Laandee bakka jedhamutti kaampii waraana riphee lolaa biratti raawwatame. Achumatti boolla tokkotti awwaalle," jedhu warra namoota awwaalan keessaa tokko ta'uu himan kun.
Kanneen ajjeefaman keessaa namoonni 26 jiraataa gandichaa ta'uu fi kanneen hafan ammoo humnoota nageenyaa mootummaa 'humna riphee lolaa' jedhamuun beekaman akka ta'anis dubbatu.
"Walumaa galatti nama 31 ta'a kan ajjeefame. Jiraataa nama 26 awwaalle. Riphee [humna riphee lolaa] ammoo nama shan ta'u natti fakkaata kan awwaalle," jedhu.
Hidhatoonni kunneen namoota ajjeesuufi qabeenya saamun alatti namoota butanii fudhatanii akka deemanis himu.
"Ijoollee [namoota] abbootii qabeenyaa ta'an, kan daldalan gara nama torbaati kan isheen [hidhattoonni Faannoo] qabdee harkaa qabdi. Bilbila yoo bilbilluuf hin hojjatu," jechuun hanga namoonni butaman kun akka hin deebi'in ibsu.
Akka jiraatan kun jedhanitti namoota butanii erga deemanii booda maallaqa gaafachuun baramaa akka ta'eefi torban tokko namoonni bifuma kanaan butamanii maallaqa gaafataman kaffaluun akka bahan.
"Torbee saniin dura karaa kallattii Dongoroorraa karaa Tullu Gaanarra Guttinitti deemurraa nama shan qabatanii miliyeena sadi fudhataniiru," dararaa hidhattoonni kun uummatarraan gahan dubbatu.
Hidhattoonni kun irraa guddaansaanii dhalattoota Amaaraa naannoo sanatti hidhannoon of gurmeessaniifi miseensota raayyaa ittisaa keessaa badanii itti dabalaman kan hammate ta'uu himi jiraatan kun.
"Faannotti maqaa godhatan malee jiraatuma naannoo sana taa'ufi warra 'makkalaakayaa' keessaa badaniidha," jechuun meeshaa hidhatan yoo ibsan "bireenii qabu, diishqaa qabu, isnaayipparii qabu, qabatamaadhan agarre," jedhu.
Haleellaa Anaa Abee Dongorootti gaggeeffaman lubbuu namoota hedduu gaaga'e kana ilaalchisee qondaalota mootummaa argachuuf yaalin goone hin milkoofne.
Hidhattooti Faannoo bakkeewwan Naannoo Oromiyaa garaa garaatti namoota nagaa ajjeesuu, buqqisuu, qabeenya saamufi sarbama mirgaa garaa garaa raawwachuun himatamu.