Yaaliin ajjeechaa Poop Firaansis irratti rawwatamuuf ture tumsa UK'n fashalaa'e

Phaaphaasiin mana amantaa Kaatolikii, Poop Firaansis kitaaba seenaa jireenyaa isaanii baasuuf jiran keessatti, imala gara Iraaqitti taasisan irratti yaalii ajjeechaa karoorfame odeeffannoo basaasa Biriteen irraa argameen fashalaa'uu eerera.

Phaaphaasichi bitootessa bara 2021 Iraaq Bagdaad erga qubatanii booda, sagantaa inni irratti argamuuf qophaa'aa ture irratti namoota hallellaa boombii rawwachuuf turaniin irratti xiyyeeffatamuu barreesan.

Namoonni haleellaa raawwachuuf turan lamaanis butamanii ajjeefamuu isaanii gaazexaa Xaaliyaanii Corrire della Sera jedhamu irratti manxanfameera.

Daawwannaan kun yeroo weerara vaayirasii koroonaa guyyoota sadiif kan raawwatame yoo ta'u, Phaaphaasichi yeroo jalqabaaf Iraaq daawwatanii nageenya fooyya'aa kan argarsiise ta'uutu ibsame ture.

Waggoota dura Iraaq keessatti walitti bu'iinsa Muslimoota Shi'aa fi Sunnii gidduutti geggeeffamaa ture, dabalatee dhibbaa garee amantii namoota muraasaa irra ga'urraa kan ka'e waraanaa fi jeequmsa keessa turte.

Hawaasni Kiristaanotaa biyyattii keessumaa garee mootummaa Islaamummaa fi namoota gara jabeeyyii Sunnii biroon irratti raawwatamuun daran xiqqaataa deemera.

Phaaphaasichi seenaa jireenyaa isaanii keessatti, ''namni hundi jechuun ni danda'ama daawwannaa kana akkan hin taasisne na gorsaniiru, garuu ''dirqama akka qabu natti dhaga'ame imalee'' jedhan.

Dhaabbanni basaasaa Biriteenis poolisii Iraaq akeekkachiise fi akeekkachiisa odeeffannoo nageenya erga kennee booda shira saaxilame akka ta'e eeramee.

''Yeroo daawwannaa Phaaphaasichi taasisanittidubartiin boonbii qabattee of irratti dhoosuuf gara Mosul deemaa turte,'' jedhan.

"Akkasumas konkolaatan tokkos yaada walfakkaataan saffisa guddaadhaan gara phaphasichaa konkolaachifamaa ture."

"Qondaalli kunis isaan kana booda hin jiran'. Poolisiin Iraaq to'atee tarkaanfii fudhateera," jechuun barreesse.

Kitaabni seenaa jireenyaa fi yaadannoo Phaaphasichaa mata duree Abdii jedhuun Amajjii 14 maxxanfamuuf jira.