Dhaabbanni mirga bineeldotaaf falmu Daandii Qilleensa Itoophiyaa maal himata?

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni mirga bineeldota idil-addunyaaf falmu dhiyeenya kana waajjira Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa Ameerikaatti argamutti hiriira mormii waame.
Dhaabbanni 'People for the Ethical Treatment of Animals' (PETA) jedhamu kun hiriira kan waame naannoo waajjira Daandii Qilleensa Itoophiyaa Waashingitan DC'tti argamutti.
Dhaabbatichi akka jedhutti, Daandii Qilleensa Itoophiyaatiin namoonni jaldeessa gurguraman seeraan ala daddabarsan.
Torbeewwan muraasa darban keessa PETA'n fuula miidiyaa hawaasummaa isaarratti Daandii Qilleensa Itioophiyaa mormuun duula adda banee ture.
Dhaabbanni mirga bineensotaaf falmu kun waajjira Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Waashingitanitti argamutti cilee gadi naquun mormuutu himame.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa duula miidiyaa hawaasummaa dhaabbileen walgargaarsa bineeldotaa falmu eegalan eeruun deebii kenneera.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa maal jedhe?
Daandiin Qilleensaa fuula Feesbuukii isaarratti akka ibsetti, duula miidiyaa hawaasummaa irratti baname kana quba qaba.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa ''bineensota lubbuun otoo jiranii bakka tokkoo gara biraattii geejjibuuf seera idil-addunyaa bu'uureffata'' jedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Daandiin Qilleensaa kun odiitara walaba ta'e dhiheenya kana qacaruun akka qoratetti, dambii Waldaa Geejjibaa Qilleensaa Idil-addunyaa (IATA) fi To'annoo Beeyladoota kabajuun hojjataa ture.
"Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa seera biyyaa fi idil-addunyaa cabsaa jira himannaan jedhu soba" jedhe.
"Daandiin Qilleensaa yaaddoo dhaabbileen mirga bineeldotaaf falman kaasan ni hubata, ummanni fi dhaabbileen hojii keenya qajeeltoowwan naamusaa olaanaa hordofuun akka raawwannnu akka hubatamu feena" jedha.
Mormii torban darbe naannoo waajjira daandiin xiyyaarichaa Waashingitan DC'tti bahame jedhamee ilaalchisee hanga ammaatti wanti dubbatame hin jiru.
BBC'n komii dhaabbanni PETA dhiheessee fi taatee waajjira DC'tti mudate ilaalchisee ibsa Daandii Qilleensa Itoophiyaa gaafatee, deebii hin arganne.
Dhaabbanni mirga bineeldotaaf falmu PETA'n Daandii Qilleensaa Itoophiyaarratti himannaa dhiyeessuun kun kan jalaqabaa miti.
Dhaabbatichi viidiyoo Onkoloolessa darbe fuula X irratti qoodeen Imbaasii Itoophiyaa Tookiyootti argamutti mormii dhiyeessuu beeksiseera.
Dhaabbatichi Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Niiw Yoorkii fi Biraaselsitti mormii dhiyeessuun isaa ni yaadatama.












