Waa'ee balaa konkolaataa naannawa Olancitiitti lubbuu ogeessota fayyaa galaafate waan beeknu

Madda suuraa, Kominikeeshinii Aanaa Boosat
Balaa konkolaataa ogeessota fayyaa Godina Arsii irraa gara Yunvarsiitii Haramayaatti imalaa turan irra gaheen ogeessotni fayyaa Godina Arsii torba lubbuun darbeera.
Waliigalaan balaa kanaan ogeessonni sagal lubbuun darbaniiru.
Ittigaafatamaa itti aanaan waajjira eegumsa Fayyaa Godina Arsii Obbo Mohammad Qaasim BBCtti akka himanitti balaan kuni barii Roobii kaleessaa qaqqabe.
"Ogeessota fayyaa Ogummaa adda Addaa qaban buufataalee fayyaa Godina keenyaa irraa carraa barnootaa Biiroon Fayyaa Oromiyaa kenne argatanii gara Yunvarsiitii Haramayaa imalaa turan" jedhan.
"Ogeessonni kunneen konkolaataa deddeebisa uummataan nama 28 ta'anii ture kan deeman. Balichi halkan Roobiitti bari'u naannoo sa'aatii 10tti qaqabe" jedhan.
Balaa kanaan ogeessota fayyaa godinichaa kan ta'an namoonni torba lubbuun kan darbe yoo ta'u, namoota hafan irra ammoo miidhaa qaamaa cimaa fi salphaan qaqqabuu himan.
Balaa kanaan ogeessota godinichaa torbaniin alatti kanneen godina biraa irraa ta'an lubbuun kan darbe jiraachuu odeeffanno qabaachuus eeran.
Balaa konkolaataa naannawa magaalaa Olancitiitti qaqqabe kanaan lakkoofsi namoota lubbuun darbee sagal gahuu BBCn maddeen biroo irraa odeeffateera.
Ogeessonni fayyaa balaa kanaan miidhaman hospitaalota Adaamaa fi Finfinneetti yaalii argachaa jiraachuu himan Obbo Mohammad.
Balaa konkolaataa ogeessota fayyaarra qaqqabe kanarratti ibsa gaddaa kan baase Biiroon Fayyaa Oromiyaa ogeessonni kunneen qormaata fooyyeffannaa barnootaatiif gara Yunvarsiitii Haramayaatti imalaa turuu ibse.
Biirichi ibsa isaatiin "tajaajila ogummaa isaan hawaasa isaaniif gara laafummaa fi jaalalan osoo of hin qusatiin kennaa turaniin bara baraan seenaan isaan yaadata" jedhe.
Biiroon fayyaa Oromiyaa ibsa gaddaa baase keessatti lakkoofsa ogeessota fayyaa balaa kanaan du'anii fi miidhaa qaamaaf saaxilamanii garuu hin ibsine.















